4
Diigama Yerusaalemii
Worqiin attam calalaqa ifii dhaddee,
worqiin qulqulluun attam jijjiirante!
Dhakaan Galmi Waaqaa ittiin ijaarame
attam karaa irratti bittinnowe!
 
Ilmaan Xiyoonii worri dur
akka worqii gatii guddo'ootitti ilaallamanu
amma attam akka faara
harka namaatiin hujamee te'ane!
 
Jeedaltinuu*Jeedalti: Ukkullolle hin jedhanti. ilmee ifii
harma hoosifatti,
kolbaa tiyya ammoo akka guchiin gammoojji'ii
ilme'etti gadhaa jabaatu teeteerti.
 
Dheebuu bisaaniitiin
arrabi ijoolle'ee laagada'atti goge.
Jjoolleen sagalee kadhatti;
ammoo ka itti kennu hin jiru.
 
Kolbaan dur waan dansaa nyaataa turte
karaa irratti beelaan dhumatte;
worri dur woyaa dhiillee uffatee guddate
amma tuulaa daadha'aa irra irkate.
 
Adabamiis kolbaa tiyyaa
adabamiisa Sodoom,
harki nama tokkoolle adoo hin tuqin
dedhuma badde san caala.
 
Sooreyyiin isaanii cabbii caalaa calalaqanee,
aanan caalaa addaatan;
nafi isaaniille dooqa caalaa dhiille'e;
akki dansummaa isaaniille akka dhakaa Safiirosii tola.
 
Amma fuulli isaanii cilee caalaa gurraachoweera;
nami karaa irratti isaan beekuuyyuu hin jiru.
Gogaan isaanii shuntuuratee lafe'etti maxxanee,
akka muka gogee te'eera.
 
Worra midhaan ficha'aa dhabee
suutuma suutaan
beelaan du'ee mannaa,
worra shallaaga'aan du'e woyya.
 
10 Badiin kolbaa tiyyatti yennaa dhutte
dubartooti gadhi-laafeyyiin
ijoollee ifii harka ifiitiin
nyaatiisaaf iffeelane.
 
11 Waaqi aarii hantuu ifii buusee
hundee isi'ii balleessiisaaf,
Xiyoonitti ibidda gabbise.
 
12 Moototi lafaalle te'ee kolbaan biyya lafaa,
diinoti yookiin nyaaphi karra dalleya Yerusaalemii
seenuu akka dande'anu hin dhugeeffanne.
 
13 Te'uu malee,
sababa cubbuu raagota isi'iitii fi
yakkaa hayyoota isi'ii
dhiiga worra yakkaa hin qannee
dhangalaasaneef tun teete.
 
14 Isaan dhiigaan waan battowaneef
nami woyaa isaaniituu tuqu hin jiru.
Isaan akka balla'aa
karaa irra titimisane.
 
15 Namooti «Isin worri battoottane, achi deema'a!
Nu hin tuqina'a» jedhanee isaanitti iyyane.
Yennaa isaan baqatanee joonjane,
kolbaan gosa biyya adda addaa,
«Haganaa achi isaan as turuu hin dande'anu!» jedhane.
 
16 Waaqi ifumaafuu isaan bittinneesse;
inni deebi'ee isaan hin ilaalu.
Hayyooti hin kabajantu,
jaarsoleelle fudhatama hin qabaattu.
 
17 Akkasuma qarqaarsa adoo eegannuu
ilti nu dadhadde;
gosa biyya nu qarqaaruu hin dandeenne irraa
qarqaarsa eegane.
 
18 Diinoti keenna waan nu gaadanuuf
kara'aayyuu deemiisa hin dandeenne.
Muummeen teenna dhikaattee,
barri keenna waan hobba'eef,
guyyooti keenna laakkossatti galeera.
 
19 Diinoti keenna
risaa caalaa ariifatan;
gaara irra nu ari'anee,
goomolee keessalle'etti nu gaadane.
 
20 Ka Waaqi nu'uuf muude,
ka nuuti, «Hafuura jiruu teennaa ti;
gaaddisa isaa jalatti
gosa biyya adda addaa odduu hin leena» jenne,
boolla isaan nu'uuf qotane keessatti qabame.
 
21 Isin kolbaa qachaa Edoomii,
worra biyya Uzii keessa leetanu,
gammada'aa ilillisa'a;
ammoo muduunuun mufii Waaqaa
isinitti dhufaarti;
isin machoottanee qullaa deentan.
 
22 Kolbaa Xiyoonii!
Adabbiin teessan hobbaateerti;
Waaqi haganaa achi
boojuu keessa akka leetanu isin hin godhu.
Ee kolbaa Edoomii,
inni yakkaa teessan hin adaba
cubbuu teessanille qaaleyatti baasa.
 

*4:3 Jeedalti: Ukkullolle hin jedhanti.