3
Adabama, Cubbuu Irraa Deebi'iisaa Fi Addii
1 Ani nama ulee mufii Waaqaatiin,
adabamee rakkinna dhagge.
2 Inni addee ifi hin jirre,
dukkanatti na ari'e.
3 Inni dhugumaan guyyaa mara deddeebi'ee,
harka ifiitiin na adabe.
4 Inni foonii fi gogaa kiyya dulloonsee,
lafee tiyyalle caccasse.
5 Inni na marsee,
rakkinna hadhowa'aa fi laaleffata keessa na galche.
6 Inni akka worra dur du'ee awwaalamee,
dukkana keessa akka le'u na tolche.
7 Akka ani hin baaneef,
dalleya marsee natti ijaaree,
wodaroo sibiilaa ulfaattu'uun na hidhe.
8 Qarqaarsaaf itti iyyadhulle,
na caqasuu dide.
9 Karaa kiyya dhaka'aan duuchee,
daandii tiyyalle daddasse.
10 Inni akka doobbaa*Doobbaa: Bineensa hamaa iyyaa fakkaatu tokko. ciisee na gaaduutii fi
akka neenqa dhokaata jiruu ti.
11 Inni karaa irraa na harkisee, kukkutee,
qarqaarsa malee na lakkise.
12 Guubee ifii dhisee,
itti qajeelfata daaya ifii na godhe.
13 Inni daaya subba ifii keessaa luqqisee,
kalattii tiyya woraane.
14 Kolbaan tiyya marti natti kollitee,
guyyaa guutuu weeddu'uun natti murgite.
15 Inni rakkinnaan jiruu tiyya hadheessee,
waan akka hargiisaa na quusse.
16 Inni cabbi'iin ilkaan kiyya caccassee,
bukuu keessatti na gangalche.
17 Ani nageya dhabee,
gammadi maan akka te'e dedhe.
18 Tanaaf ani «Jabeenni kiyya,
addiin ani Waaqa irraa eegadhu marti baddeerti» jedhe.
19 Rakko'oo fi daaqa kiyya qaabatiis,
akka qararu'uutii fi hadhoottu'uu natti teeteerti.
20 Ani yennaa tana qaabadhu mara,
mataa buusa.
21 Teetulle yennaa waan tokko qaabadhu,
addii qaba:
22 Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te'eef,
marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaate
nuuti badiisa dhanne.
23 Jaalallii fi marartiin isaa barii mara haareya;
addatamummaan isaa guddo'o.
24 Ani ifiin, «Waaqi qooda kiyya;
tanaaf isatti addadha» jedhe.
25 Waaqi worra addi'iin isa eegatuuf,
worra isa barbaaduuf dansa'a.
26 Tanaaf nami cadhisee
fayyisiisa Waaqaa eegatiis dansa'a.
27 Nami bara dargaggumma'aatitti
waanjoo ba'atiisa barachuun dansa'a.
28 Yennaa Waaqi waanjoo isa ba'achiise,
qofii ifii cadhisee tee'uu ti.
29 Ammalle addiin jiraatuu waan dandeettuuf,
ifi gad qabuu ti.
30 Nama isa kabaluuf boqoo ifii kennuu ti;
arraballe fudhatuu ti.
31 Waaqi haga bara baraa isa hin gatu.
32 Inni nama gaddisiisulle,
akka jaalala ifii ka bara baraa gudda'aatitti marartii qaba.
33 Inni nama rakkisu'uu fi gaddisiisu'utti hin gammadu.
34 Hidhantooti biyya tokkoo
yennaa dhiitamanu,
35 Waaqa Ol-Aanaa duratti
mirgi ilmaan namaa yennaa dhooggamu,
36 Haajaan nama tokkoo haqa yennaa dhabu,
Waaqi kana hin dhagguu?
37 Waaqi adoo hin ajajin,
ka dubbatee woy godhuu dande'u eennu?
38 Wonni dansa'aa fi hantuulle
ajaja Waaqa Ol-Aana'aatiin teetii motii ree?
39 Nami adoo hin du'in
sababa cubbuu ifiitiin
yoo adabame maaf gunguma ree?
40 Karaa keenna qorqorree ilaallee,
gara Waaqaa deebinuu ti.
41 Kowa'a gadha'aa fi harka keenna
gara Waaqa ol-gubbaa jiruu ol kaannee,
42 «Nuuti ajaja keeti didannee, jallannee
atille nu'uuf hin araaranne.
43 «Ati aari'iin guutantee, nu ariitee,
marartii malee nu ijjeette.
44 Daadimannaan teenna si bira akka hin geenne,
duumensaan ifi gollatte.
45 Gosa biyya adda addaa oddu'utti
xuri'ii fi huuraa nu goote.
46 «Diinoti keenna marti
afaan bananee nutti murgane.
47 Soda'aa fi boolla bu'iis,
diigamaa fi badiin nu dhaqqaddeerti» hin jenna.
48 Kolbaan tiyya waan badeef
imimmaan ila tiyyaa akka lagaa lolaati.
49 Imimmaan tiyya yennaa mara lolaati,
50 Tun haga Waaqi ol-gubbaa irraa gad
ilaalee na dhaggutti teeti.
51 Waan diinni kolbaa qachaa Yerusaalemii irratti godhe
yennaa dhaggitu gadhaan kiyya hin gadda.
52 Diinoti kiyya ka sababa malee na jibbanu
akka gororri'ii na adansane.
53 Jiru'uunuu boollatti na gatanee
afaan boollaa dhaka'aan cufane.
54 Bisaan mataa kiyya irra dacha'ee,
ani «Du'aara» jedhe.
55 Qilee boollaa keessaa,
maqaa keeti waammadhe.
56 Ati gaaffii tiyya dhageetteertaa,
yennaa ani qarqaarsaaf sitti iyyadhu,
gurra keeti hin qabatin; ammoo furii naa kenni!
57 Yennaa ani si waammadhe,
ati na bira dhuttee, «Hin sodaatin!» naan jette.
58 Goottaa kiyya! Haajaa kiyya fudhattee,
lubbuu tiyya wodatte.
59 Goottaa kiyya!
Daba na irratti hujame dhaggiteerta,
ati naaf muri!
60 Haluu diinoti na irratti qabanuu fi
mala isaan na irratti dhowane
mara dhaggiteerta.
61 Ee waaqa! Murgoo isaan natti murgane,
mala isaan natti dhowane dhageetteerta.
62 Guyyaa guutuu diinoti kiyya,
na irratti hasaasaa, gunguman.
63 Kunoo isaan yennaa tee'anu fi ka'anu mara,
weeddu'uun natti murgan.
64 Ee Waaqa!
Akka hujii isaaniititti isaaniif kenni!
65 Abaarsi keeti akka isaanitti dhufu,
mataa isaanii jabeessi!
66 Waaqa kiyya! Aari'iin isaan ari'iitii,
Biyya lafaa irraa isaan balleessi.