12
Raagichi Fakkeennaan Booji'amiisa Mudhise
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ee ilma namaa! Ati worra finqilaa odduu leeta; isaan worra finqilaa waan te'aneef, ila dhaggitu adoo qabanuu hin dhagganu; gurra dhage'u adoo qabanuu hin dhage'anu.
«Tanaaf, ee, ilma namaa! Meya fudhattee baatu qopheeffadhuutii, adoo isaan dhagganuu, guyya'aan akka nama booji'amee deemuutitti, addee jirtuu ka'iitii, gara addee dhibi'ii deemi. Isaan worra finqilaa akka te'ane hin hubatan fa te'a. Akka nama booji'amee deemuu, adoo isaan dhagganuu guyya'aan meya keeti gad baafadhu; adoo isaan dhagganuu akka nama booji'amee deemuu galgalaan bayii deem. Adoo isaan dhagganuu, dhaaba mana keeti ka dhaka'aa uriitii, meya keeti achiin baasi. Adoo isaan dhagganuu meya keeti gurmu'utti kaafadhuutii, dimimmisaan ba'adhuu bayi. Ani Israa'elootaaf, beessisa waan si godheef, lafa akka hin dhaggine fuula keeti golladhuutii, dimimmisaan deemi» anaan jedhe.
Anille akkuma ajajame godhe; akka nama booji'amee bayuu galgalaan harkuma kiyyaan dhaaba manaa ka dhaka'aa uree, qowa saniin meya kiyya gad baafadhe; adoo isaan na dhagganuu meya kiyya gurmu'utti ba'adhee dimimmisaan ka'ee deeme.
Ganamaan jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ee ilma namaa! Worri Israa'elii finqilaan sun, ‹Wonni ati hujiisatti jirtu kun maan?› jedhanee si hin gaafannee ree? 10 Ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kun qondaala Yerusaalem keessaatii fi kolbaa Israa'elii worra achi keessa le'u maraaf ergaa dabarte jedha› jedhiin. 11 Ati isaaniin, ‹Ani isiniif beessisa. Akkuma ani godhe kana isin irralle'etti hin godhanti. Isin booji'antanee hin ideentan› jedhiin. 12 Qondaalli odduu isaanii jiru meya ifii gurmu'utti ba'atee, dimimmisaan hin baya. Isaan akka inni urata san keessaan bayu dhaaba manaa ka dhaka'aa isaaf hin uran. Inni lafa akka hin dhaggine fuula ifii hin gollata. 13 Ani ammoo caccoo tiyya itti afee inni tiyyoo tiyyaan hin qabama. Ani gara qachaa Baabilonii ka lafa Kaldootaa isa geessa; garuu inni adoo qachaa san hin dhaggin achitti hin du'a. 14 Ani Tajaajiltoota isaatii fi loltoota isaa ka adaala isaa jiranu mara gara mara hin bittinneessa; ani shallaagaa buqqifadhee duubaan isaan hin ari'a.
15 «Yennaa ani gosa biyya adda addaatii fi biyya hedduu keessa isaan bittinneesse, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. 16 Te'uu malee, addee dhaqanetti waan diqachiisaa hujane mara odduu gosa biyya adda addaatitti akka dhugaa bayanu, anille Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanu, ani isaan keessaa worra diqqaa shallaagaa, beelaa fi dhukkuba jalaa akka miliqanu hin godha» jedhe.
Beessisa Raagicha Sheephisuu
17 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 18 «Ee ilma namaa! Sheephisaa sagalee teeti nyaadhu; hollataa sodaataa bisaan keeti uni. 19 Kolbaa lafa tanaatiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Sababa hunnaan nama irratti ka'iisa worra isii keessa le'u maraatiin latti waan ontuuf, lafa Israa'elii worri Yerusaalem keessa le'u, sagalee ifii yaaddowaa hin nyaatan; bisaanille bararaqaa hin unan. 20 Qachooti nami keessa jiru hin diigaman; lattille ona hin teeti; yennaa san isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan jedha› jedhi» jedhe.
21 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 22 «Ee ilma namaa! Jechi isin marroo lafa Israa'eliitiif, ‹Barri achi dheerateera; mudhiin takkaalle hin muummottu› jettanu kun maan inni? 23 Tanaaf ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Jechi kun akka hafu hin godha; isaan Israa'el keessatti haganaa achi akka fakkeennaatitti hin dubbatanu jedha› jedhiin; ati ammoo isaaniin, ‹Kunoo barri mudhiin marti muummottu dhikaateera› jedhiin. 24 Haganaa achi mudhiin dharaa yookiin moruun sossobiisaa kolbaa Israa'elii keessa hin jiraattu. 25 Ani Mootii Waan Maraa waan te'eef, jecha dubbadhu hin dubbadha; jechi ani dubbadhe sunille dafee hin muummowa. Ee, isin worra finqilaa, waan dubbadhe maraa baruma keessan keessatti hin muummessa; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.
26 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 27 «Ee ilma namaa! Kunoo, kolbaan Israa'elii, ‹Mudhiin inni dhaggu ta bara dheera'aan duuba teetu; raagi inni dubbatulle ka bara dheera'aan duuba te'u› jetti. 28 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Wonni ani dubbadhe marti hin teeti malee, haganaa achi hin turtu; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera jedha› jedhiin» jedhe.