13
Raaga Raagolee Dharaa Irratti Raagame
1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2 «Ee ilma namaa! Raagota Israa'elii worra raaga raagiisatti jiranu irratti raaga dubbadhu; worra yaaduma ifii keessaa raaga dubbatanuun, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin. 3 Mootiin Waan Maraa, raagota gowwoolee worra adoo waan tokkolle hin dhaggin, yaada ifii hordofee raaga dubbatuuf aanne'e. 4 Ee, kolbaa Israa'elii, raagoti teessan akka jeedala odduu bututa qacha'aa leetuu ti. 5 Guyyaa Mootiin Waan Maraa, lola te'u irraa hafee dhaabbachuu akka dande'u, gara dalleya cabee ol hin baane yookiin kolbaa Israa'eliitiif dalleya deebittanee hin ijaarre. 6 Isaan mudhii sobaa dhagganeeran; moruu dharaalle moriisatti jiran. Mootiin Waan Maraa adoo isaan hin ergin, isaan, ‹Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhaa, jecha isaanii akka inni muummessu eegatan. 7 Isin adoo Ani Mootiin Waan Maraa hin dubbatin, ‹Mootiin Waan Maraa akkana jedha› yennaa jettanu, isin worra mudhii sobaa dhaggee fi moruu dharaa moree motii ree?» jedhe.
8 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Dhara waan dubbattaneef, mudhii sobaalle waan dhaggitaneef, ani isinitti hin ka'a. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. 9 Harki kiyya raagota Mudhii sobaa dhagganuu fi moruu dharaa moranu irratti ka'eera. Isaan wolde'a kolbaa tiyyaa keessatti hin dhaggamanu; galmee kolbaa Israa'elii keessalle'etti hin barreeffamanu; lafa Israa'eliille'etti hin galanu; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. 10 Isaan nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhaa kolbaa tiyya dokonkorsan; yennaa kolbaan dalleya dhaka'aa laafaa ijaarrattu, raagoti tun dalleya san jabaa fakkeessiisaaf halluu adii diban. 11 Tanaaf, worra halluu adii dibu saniin, ‹Bokkeenni baradaan hin dhufa; dhakaan bokkeyaa guddaan gad hin bu'a; bubbeen bokkeyaa hin bubbitti; dalleenni sunille hin jiga› jedhiin. 12 Dalleenni dhaka'aa sun yennaa jige, ‹Halluun adiin isin itti dibattane sun meerree?› jedhanee isin hin gaafatanuu ree?» jedha. 13 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Dalleenni sun jigee akka baduuf, ani mufii tiyyaan bubbee bokkeyaa hin erga; aarii tiyyaan bokkeya baradaa hin buusa; mufii tiyyaan dhakaa bokkeyaa guddaa hin roobisiisa. 14 Dalleya dhaka'aa ka isin halluu adii itti dibattane san hin jissa; haga hundeen isaa mudhattutti lafatti isa gad dhowa; yennaa dalleenni sun jigu isinille keessatti hin dhumattan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. 15 Ani mufii tiyya dalleya sanii fi worra dalleya san halluu adii dibe irratti aarii tiyya hin baafadha; achiin duuba ani isiniin: dalleenni sunii fi worri dalleya san halluu adii dibe sun hin jiranu; 16 raagoti Israa'elii worri marroo Yerusaalemii raage, nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhanee, mudhii nageyaa worri dhagge hin jiranu; tana ana Mootii Waan Maraatitti dubbate.
17 «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara dubartoota kolbaa teetii worra qalbii ifii keessaa fuudhee raaga raaguu deebifadhu. Isaan irratti raagiitii, 18 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Lubbuu kolbaa tiyyaa adansiisaaf, dubartoota xanoo ifiitiif harka ifii mara irratti qudhaama hodhatanee, akka mataa nama adda addaatiif te'utti marata mata'aa qopheessanuuf aanne'e! Isin lubbuu kolbaa tiyyaa qaddanee, lubbuu teessan hamburattanii ree? 19 Isin garbuu ooboo takka'aatii fi daabboo baqaqa tokkoof jettanee, kolbaa tiyya worra soba isin dubbattanu dhage'anutti soba dubbatiisaan, namoota du'uuf hin malle ijjeettanee, namoota jiraatu'uuf hin malle akka jiraatanu gootanee, kolbaa tiyya oddu'utti maqaa kiyya batteessitane› jedha» jedhi.
20 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani qudhaama isin lubbuu akka simbirre'ee ittiin adansitanu san irratti ka'ee, harka keessan irraa cicciree, kolbaa isin akka simbirre'ee adansitanu san bilisa hin baasa. 21 Marata mata'aa san irraa cicciree kolbaa tiyya harka keessan jalaa hin baasa; haganaa achi isaan harka keessan jala hin galanu; isinille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.
22 «Worra balchaa ani addii hin kutachiisin, isin dharaan addii kutachiittanee, worri hamaan jiru'uun jiraatiisaaf cubbuu irraa akka hin deebine jajjabeessitaneertan. 23 Tanaaf, haganaa achi isin mudhii dharaa hin dhaggitanu; moruulle hin mortanu; ani kolbaa tiyya harka keessan keessaa hin baasa; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan» jedha.