14
Worra Waaqota Dharaa Waaqonfatu Irratti Hin Muranti
1 Jaarsoleen kolbaa Israa'elii gariin gara kiyya dhufanee, fuula kiyya dura tee'ane. 2 Jechi Mootii Waan Maraalle gara kiyya dhufee, 3 «Ee ilma namaa! Jarri tun qalbii ifii waaqota dharaatiif kennaneeran; yakki isaanii akka isaan duratti gufuu te'u godhaneeran. Maarre ani akka isaan waan tokko na gaafatanu godhuu qabaa ree? 4 Tanaaf, ati isaanitti dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa nami qalbii ifii waaqota dharaatiif kenneeru, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa akka bacinna waaqota dharaa isaatitti deebii isaaf hin kenna. 5 Isaan martinuu karaa waaqota dharaa ka ifiitiin na lakkisaneeran; ani qalbii kolbaa Israa'elii mara gara kiyya deebifatiisaaf tana godha› jedha.
6 «Tanaaf, ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Cubbuu teessan irraa deebi'a'aatii, waaqota dharaa keessan lakkisa'a! Hujii teessan battii san mara irraa deebi'a'a!
7 « ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa yookiin worra ormaa ka odduu isaanii jiru mara keessaa nami tokko waaqota dharaatiif qalbii ifii kenniisaan, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, karaa raagichaatiin waan tokko na gaafatiisaaf gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa ifumaaf deebii isaaf hin kenna. 8 Ani nama sanitti fuula hin hammaadha; nama ittiin mammaakanu isa hin godha; kolbaa tiyya keessalle'ee isa hin baasa; isinille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.
9 « ‹Raagichi sun sobamee raaga yoo dubbate, ka raagicha san sobe ana Mootii Waan Maraa ti; ani harka kiyya isa irratti diriirsee, kolbaa tiyya Israa'el keessaa isa hin balleessa. 10 Raagichi akkuma namicha woy isa gaafatiisa dhufee san yakkaamessa hin te'a; isaan lamaanuu woluma qixxee hin adabaman. 11 Kolbaan Israa'elii haganaa achi ana irraa hin gortu; yakkaa ifii maralle'een deebitee ifi hin batteessitu; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a jedha; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera› jedhi» jedhe.
12 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 13 «Ee ilma namaa! Biyyi takka addatamuu dhabiisaan cubbuu na irratti yoo hujje, ani harka kiyya isii irratti diriirsee, sagalee irraa kutee beela itti hin buusa; namaa fi horiille isii irraa hin balleessa. 14 Dhiirti sadiin tun Nohi, Daani'elii fi Iyoob fa'a isii keessa adoo jiraatanelle'ee balchummaa ifiitiin lubbuu ifii qofa baafatan; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
15 «Ani biyya san keessa bineensa hamaa ergee, bineensi sun ijoollee fixee, sababa bineensa hamaa sanii nami tokkolle isii keessa dabaruu dhabee, biyyi sun yoo onte, 16 dhiirti sadiin sun isii keessa adoo jiraattelle'ee, ani jiraata'a! Isaan lubbuu ifii qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; lattille ona hin teeti. Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
17 «Yookiin ani biyya sanitti shallaagaa fidee, namaa fi bineensalle shallaaga'aan biyya san irraa yoo fixe, 18 dhiirti sadiin sun biyya san keessa adoo jiraattelle'ee, ani jiraata'a! Isaan ifi qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
19 «Yookiin biyya sanitti dhukkuba buusee, mufii tiyya itti dhangalaasiisaan ijjeesee namaa fi bineensa isii irraa yoo fixe, 20 Nohi, Daani'elii fi Iyoobille isii keessa adoo jiraatanelle'ee, balchummaa ifiitiin lubbuma ifii qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
21 «Goottaan Mootiin Waan Maraa: Namaa fi bineensalle isii irraa balleessiisaaf, shallaagaa, beela, bineensa hama'aa fi dhukkuba muraa tiyya hantuu arfan tana Yerusaalem irratti yennaa fidu attam attam irra caalaa hantu'u ree! 22 Te'uu malee, kunoo, worri jiru'uun Yerusaalem keessatti hafanu ijoolleen dhiiraatii fi durraa hin jiran; yennaa isaan gara keessan dhufanu, isin akka isaan itti le'anuu fi hujiin isaanii hantuu akka teete yennaa dhaggitane, balaa ani Yerusaalem irratti fide, waan hantuu ani isii irratti godhe mara irraa hin jajjabaattan. 23 Isin akka isaan itti le'anuu fi hujiin isaanii hantuu akka teete yennaa dhaggitane hin jajjabaattan; wonni ani achi keessatti godhe martille sababa malee akka hin te'in hin beettan. Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera» jedhe.