15
Yerusaalem, Muka Woyni'ii Ka Bu'aa Hin Qannetti Fakkeeffante 
  1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,   2 «Ee ilma namaa! Muki woyni'ii muka dhibii, dameeleen isaa dameelee mukoota badda'aa attamiin caala?   3 Waan tokko ittiin hujiisaaf muki muka woyni'ii irraa muramee beekaa ree? Nami meya tokko itti fannifatiisaaf hookkoo isa irraa muratee beekaa?   4 Akka qoraanii ibiddatti naqameen duuba, ibiddi qaccee isaa lamaanuu gubee fixee, wodhakkaa isaalle yennaa xaa'ileesse, muki woyni'ii sun waan tokko ittiin hujiisaaf bu'aa hin qabaa ree?   5 Kunoo, adoo hin gubatinuu muki woyni'ii sun womaa bu'aa hin qabu. Ibiddi gubee yennaa xaa'ileesse fa'a irra caala'aayyuu ka bu'aa hin qanne te'a.   
 6 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani akkuma mukoota badda'aa keessaa, muka woyni'ii qoraaniif tolche, kolbaa Yerusaalemiille akkasuma hin tolcha.   7 Ani isaan loliisaaf fuula kiyya gara isaanii hin deebifadha. Isaan ibidda jalaa miliqanulle ibiddumatti isaan fixa; yennaa ani isaan loliisaaf fuula kiyya gara isaanii deebifadhu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.   8 Waan isaan naaf addatamuu diddaneef, anille lafa isaanii hin onsa› jedhee Mootiin Waan Maraa dubbateera» jedhe.