27
Gadda Marroo Qachaa Xiiroosii
1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2 «Ee ilma namaa! Marroo qachaa Xiiroosiitiif faaruu gaddaa faarsi; 3 ati qachaa Xiiroosii, ka seensuma abbaaya'aa irra jirtu, ka gosa biyya adda addaa ka qarqara abbaaya'aa hedduu woliin daldalatuun, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee qachaa Xiiroosii! Ati: Ani dansumma'aan dhidhinna hin qabu ifiin jetteerta.
4 «‹Meessaan keeti gadhaa abbaaya'aa keessa;
worri si ijaare dansummaan teeti akka hin dhidhanne godheera.
5 Falaxaa muka keetii muka gaara Siinaaarii irraa hujane;
utubaa keeti hindheensa Libaanonii irraa hujane.
6 Shaffisaa keeti muka qilxaa Baashaanii irraa hujane.
Falaxaa muka Qophiroos irraa dhufee si'iif afanee,
ilka arbaa itti maxxansanee seesane.
7 Marduufi hoboloo teetii quncee talba'aa
ka biyya Gibxi'ii irraa hujame
akka baandira'aa ka ati ittiin beekkante;
gollaan keeti ka bifa cuquliisaatii fi dhiilleen,
oddoola Eliishaahiitii dhufane.
8 Worri hoboloo teeti oofu Sidoonii fi Arwaad irraa dhufane;
Ee qachaa Xiiroosii! Worri ogeeyyiin si keessa jiranu
isaan worra hoboloo teeti oofe.
9 Maanguddooti Gebaaliitii fi ogeeyyiin isi'ii
hoboloo teeti hujiisaaf si keessa jiraniiyyu;
hobolooti abbaaya'aatii fi worri hoboloo oofu marti
meya sitti gurguratiisaaf,
si irralle'ee bitatiisaaf si keessa jiraniiyyu.
10 « ‹Namooti Faaresii, Ludii fi Fuxii loltoota te'anee loltoota teeti keessa tajaajilane. Isaan wonte'ee fi gullee sibiilaa si keessatti fannisanee akka ati ulfinna dhaggattu si godhane. 11 Namooti Arwaadiitii fi Helekii dalleya dhaka'aa ka si'itti naannowe eegane; namooti Gamaadiille xelleephoo teeti keessa jiraniiyyu. Isaan wontee ifii dalleya dhaka'aa keetitti fannisanee, dansummaan teeti akka hin dhidhanne godhane.
12 « ‹Tarshiish sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; meetii, sibiila, qorqooro'oo fi irsaasa fiddee meya keetiin jijjiiratte. 13 Yaawaan, Tubaalii fi Meshek sitti daldalatane; isaan garbootaa fi meya sageettu'uu meya keetiin jijjiiratane. 14 Worri Bet-Togaarmaalle fardoo fe'iisaa, fardoo woraanaatii fi gaangolee meya keetiin jijjiiratane. 15 Worri Rodii*Rod: Afaan Ibrootaatiin Dedaan jedha. sitti daldalatane; worri abbaayaa qarqaraa hedduun si irraa bitatanee, si'ille'etti gurguratane; isaan ilka arbaatii fi muka gurraacha gatii guddo'oo si'iif fidanee meya keetiin jijjiiratane. 16 Worri Sooriya'aa sababa meya keeti baca'aatiif sitti daldalatane; isaan dooqa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilanaan kuulantee dhowante, woyaa quncee talba'aa dadansaa, elellaanii fi dooqa diimaa meya keetiin jijjiiratane. 17 Worri Yihuda'aatii fi worri lafa Israa'elii sitti daldalatane; isaan qamadii biyya Miiniitii, sagalee mi'oottuu, damma, zayiti'ii fi uddowaa meya keetiin jijjiiratane. 18 Worri Damaasqo'oo sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; isaan daadhii woyni'ii ta Helbon irraa dhuttuu fi rifeensa hoole'ee ka Zaahaar irraa dhufu meya keetiin jijjiiratane. 19 Worri Daaniitii fi worri Yaawaanii ka Uzaal irraa dhufane sitti daldalatane; isaan sibiila tumame, qarafa'aa fi qurunfudi'iin meya keetiin jijjiiratane. 20 Worri Dedaanii gilaasii koora'aa sitti daldalatane. 21 Worri Arabaatii fi qondaaltoti Qedaarii marti buruusoo korbeeyyii hoole'ee, korbeeyyii hoole'eetii fi re'oota sitti daldalatane. 22 Daldaltooti Sheeba'aatii fi Ra'ima'aa sitti daldalatane; isaan uddowaa uddowaa mara caalu, dhakaa gatii guddo'ootii fi worqii meya keetiin jijjiiratane. 23 Worri qachoota Haraanii, Kanneetii fi Edenii, daldaltooti Shaba'aa, Asooriitii fi Kilmaadii sitti daldalatane. 24 Daldaltooti kun dikkoo teetitti woyaa dadansaa, woyaa bifa cuquliisaatii fi woyaa liilanaan kukuulantee dhowante, itillee dadansaa ta bifa adda addaatiin seefantee fi wodaroo akka dansaa dhowante gurguratane. 25 Hobolooti Tarshiishii meya ati gurgurte ba'atane. Maarre ati gadhaa abbaaya'aa keessatti akka hobolo'oo fe'iisa ulfaata'aan guutanteerta.
26 « ‹Worri si oofu gara ila abbaaya'aa si geessane.
Qilleensi karaa aduun baatuu
wodhakkaa abbaaya'aatitti si butuche.
27 Qabeenni keeti, mey keeti, daldalli keeti,
worri yennaa hoboloon hammaattu miidhassanu,
worri hoboloo oofanu,
worri hoboloo keessa tajaajilanu,
daldaltooti teeti
loltooti teeti ta si keessaa marti
namoota si keessa jiranu mara woliin
guyyaa caccaba keetii
qilee abbaaya'aatitti gad liqinfamanee,
28 iyya worra si oofuutiin
worri qarqara abbaaya'aa hin raafaman.
29 Worri shaffisa'aan bisaan laaqu
hoboloo ifii irraa bayanee hin deeman.
Worri hoboloo oofanuu fi worri hoboloo keessaa marti
hoboloo keessaa bayanee
abbaayaa qarqara hin dhaabbatan.
30 Isaan marti bukuu mata'atti naqatanee,
daadhaa irra gangalataa qoonqoo ol qabatanee,
wiiccifatanee si'iif hin bowan.
31 Isaan si'iif mataa haadatanee,
woyaa gaddaa hidha ifiitii hidhatanee,
gadda gudda'aan wiiccifatanee
si'iif hin bowan.
32 Isaan gaddaan wiiccifatanee si'iif bowaa,
«Akka Xiiroosii ka abbaayaan liqinsitee bade hin jiraa?» jedhaa,
faaruu gaddaa si'iif faarsan.
33 Mey keeti abbaayaa keessaa yennaa baye,
ati gosa biyya adda addaa hedduu akka quufanu gooteerta;
qabeenna keeti baca'aa fi meya keetiin
mootota biyya lafaa dureeyyii gooteerta.
34 Ati amma qilee bisaan abbaaya'aa keessatti caccaddeerta.
Mey daldala keetiitii fi hojjattooti teeti marti
si woliin liqinfamaneeran.
35 Worri qarqara abbaaya'aa le'u martinuu
waan si irratti te'een hin sheephisan;
moototi isaanille bararaqanee
fuulli isaanii bifa miliqeera.
36 Daldaltooti gosa biyya adda addaa
rifatanee afaan banan;
muummeen teeti guddoo nama sodaachitti;
haga bara baraa deebitee hin jiraattu› jedha» jedhe.