28
Raaga Mootii Xiiroosii Irratti Dubbatame
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ee ilma namaa! Ati qondaala Xiiroosiitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Gadhaan keeti kooree: Ani waaqa; gadhaa abbaaya'aa keessatti barcumaa waaqaa irra tee'a jetteerta; ati gadhaa keeti keessatti akka waaqaa qaroo ifi seetulle ati nama malee waaqaa moti. Ati dhugumaan Daani'el caalaa qaro'oo ree? Wonni si jalaa miliqee hafeeru dhossaan takkaalle hin jirtuu ree? Ati qarumma'aa fi hubantii teetiin karra horatteerta; mana meyaa keeti keessatti worqi'ii fi meetii wolitti qabatteerta. Ati qarummaa teeti guddo'oon daldala keetiin karra teeti irratti karra ide'atteerta; gadhaan keeti karra teetiin kooreera.
«‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ati akka waaqaa qaroo waan ifi seeteef, kunoo, ani orma, gosa biyya adda addaa keessaa irra caalaa gadhi-jabeeyyii si'itti hin fida; isaan waan dansaa ati qarummaa teetiin horatte irratti shallaagaa ifii buqqifatanee ulfinna keeti hin batteessan. Isaan boolla keessa gad si hin buusan; ati abbaayaa wodhakka'atti du'a badduu hin duuta. Ati worra si qalu duratti ammalle: Ani waaqa hin jettaa ree? Ati harka worra si qaluu keessatti nama malee waaqaa ree? 10 Ati harka ormaa keessatti du'a worra Waaqa malee le'uu hin duuta› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
Jinnana Mootii Xiiroosii
11 Ammalle Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 12 «Ee ilma namaa! Marroo mootii Xiiroosiitiif, faaruu gaddaa faarsiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati ka qarumma'aan guutante, ka dansummaan teetille dhidhinna hin qanne, fakkeenna waan dhidhinna hin qannee teeteertaayyu. 13 Ati oorruu Waaqaa Eden keessa jirtaayyu; dhakooti gatii gugurdo'oo Saardiyon, tophaaziyon, Yaasphis, kirisoliixos, sardoniikis, beerilos, safiiros, kaarbunilii fi simaaragidos uffana ati uffatteertu; wonni sitti naqamee fi sitti maxxanfame martinuu worqii irraa hujamaneeran; isaan guyyaa ati dadante qopheeffamane. 14 Ani akka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu sanii eedduu godhee si muude. Ati gaara kiyya woyyicha irra leete; ati dhakoota ibiddaa odduu deddeebite. 15 Ati guyyaa dadanteen jalqaddee haga hammeenni si irratti dhaggametti ati dhidhinna hin qadduuyyu. 16 Daldalli keeti bacatee hunnaan nama irratti ka'iisaan guutantee, cubbuu hujje. Tanaaf ani gaara kiyya woyyicha irraa akka waan batti'iititti gad darbee si balleesse; ee ati ka akka dada ol-gubba'aa ta koola qadduu eedduu ka teete, ani odduu dhakoota ibiddaatii si balleesse. 17 Ati dansicha waan teeteef, gadhaan keeti si koore; ati ulfinna keetiif jettee qarummaa teeti balleessite. Tanaaf ani lafatti gad si darbee, moototi akka si ilaalanu godhe. 18 Yakkaa teeti bindilla'aan, daldala keeti ka balchummaa dhabeen, ati addee waaqonfanna'aa teeti batteessite; tanaaf ani ibidda si keessaa kaasee akka si fixu godhe. Worra si ilaalu mara duratti lafa irratti daadhaa si godhe. 19 Gosa biyya adda addaa keessaa worri si beeku marti hin sheephisan; muummeen teeti sodaachittuu hin teeti; ati haga bara baraa deebitee hin jiraattu› jedha» jedhe.
Raaga Qachaa Sidoonii Irratti Dubbatame
20 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 21 «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara qachaa Sidoonii deebifadhuutii raaga itti raagii, 22 kolbaa qachaa saniitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani isin irratti ka'eera; ee qachaa Sidoonii ani si keessatti hin ulfaadha. Yennaa ani sitti muree woyyummaa tiyya si keessatti mudhise, akka ani Mootii Waan Maraa te'e isin hin beettan. 23 Ani balaa isinitti hin erga; karaa keessan irratti dhiigi akka dhangala'u hin godha; karaa maraan shallaagaa isin irratti ka'uun wodhakkaa teessanitti namooti hin qalaman; achiin duuba isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.
Waaqi Israa'el Hin Eebbisa
24 « ‹Haganaa achi ollaan tuffatee akka qumi'uudu'uu yookiin akka qore'ee ka kolbaa Israa'elii miidhu hin jiraatu. Isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.
25 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Yennaa ani kolbaa Israa'elii gosa biyya adda addaa ta isaan keessa bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, gosa biyya adda addaa duratti yennaa ani woyyummaa tiyya isaanitti mudhisu, isaan lafa ifii ta ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne keessa hin le'an 26 Isaan achi keessa nageyaan hin le'an; mana hin ijaaratan; woyniille hin dhaabbatan. Yennaa ani gosa biyya adda addaa ta ollaa isaanii worra isaan tuffatu mara adabu, Israa'elooti nageyaan hin le'an. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii te'e hin beekan› jedha» jedhe.