29
Raaga Biyya Gibxi'ii Irratti Dubbatame
Booji'annee woggaa kudhaneesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa kudhanii lammeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara mootii Gibxi'ii deebifadhuutii, isaa fi kolbaa Gibxi'ii mara irratti raaga raagi. Mootii Gibxi'iitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani si irratti ka'eera! Ee Fara'oon mootii Gibxi'ii, ati jawwee guddittii laga ifii keessa ciittu; ati: Lagi Nayilii kiyya; ani laga kana ifiif dadadhe jetta. Ani hookkoo sibiilaa a'oo teeti keessa hin keya; qurxummii laga keetii solloqqee teetitti hin maxxansa; qurxummii solloqqee teetitti maxxante san woliin laga keeti keessaa harkisee si hin baasa. Ani si'ii fi qurxummii laga keetii mara lafa goomole'eetitti hin gata; reeffi keeti adoo hin awwaalamin diiduma irratti jigee hafa; ani allaatotaa fi bineensotaafille sagalee si hin godha. Achiin duuba isin worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Sababille ati kolbaa Israa'eliitiif akka ulee shonbooqqo'oo teeteerta. Yennaa isaan harka ifiitiin si qabane, ati babbaqaxxee gurmuu isaanii mara woraante; yennaa isaan sitti irkatane, ati caccaddee hidhi isaanii akka lellequ goote. Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani shallaagaa si'itti hin fida; namaa fi horii si keessaa ijjumaa hin balleessa. Waan ati: Lagi Nayilii kiyya; natti isa dade jetteef, biyyi Gibxi'ii ontee duwwaa hin teeti. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. 10 Tanaaf, kunoo ani si'ii fi laga keeti irratti ka'eera; qachaa Miigdoliitiin jalqabee haga qachaa Aswaaniititti, haga meessaa Itoophiya'aatitti*Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. biyya Gibxi'ii ijjumaa onsee duwwaa hin godha. 11 Miilli namaatii fi kotteen hori'ii isii keessa hin dabaranu; haga woggaa afurtamaa wonni tokko achi hin jiraattu. 12 Ani biyya Gibxi'ii biyyoota onane keessaa akka tokkootitti hin onsa; qachooti Gibxi'ii haga woggaa afurtamaa qachoota diigamane odduu ona te'anee hin tee'an. Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa keessa bittinneessee, biyya hedduu keessa hin faffacaasa.
13 «‹Woggaan afurtam dhumatteen duuba ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa ta isaan itti bittinnowane keessaa isaan wolitti hin qaba; 14 ani lafa isaan itti booji'amane keessaa deebisee, lafa isaanii ta durii kibba Gibxi'iitittiKibba Gibxi'ii: Afaan Ibrootaatiin Faaxros jedha. isaan hin galcha; isaan achitti mootummaa dadhadduu hin te'an. 15 Mootummaan sun mootummoota dhibii caalaa dadhadduu waan teeteef, gosa biyya adda addaa irratti ijjumaa deebitee ifi ol hin qaddu. Ani akka isaan ijjumaa deebi'anee gosa biyya adda addaa hin bulchine guddoo isaan hin diqqeessa. 16 Kolbaan Israa'elii qarqaarsa gaafatiisaaf, gara biyya Gibxi'ii deemiisaan yakkaa hujane isaan qaabachiitti malee, haganaa achi isaan ijjumaa deebi'anee biyya Gibxi'ii qarqaarsa hin gaafatanu. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
Nebukadnezaar Gibxi Hin Injifata
17 Booji'annee woggaa Diddamii torbeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 18 «Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar loltoota ifii duula jabaa Xiiroos irratti duulchisee, mataan isaanii luluqqa'ee, gurmuun isaanii ququnca'e; te'uu malee mootichaa fi loltooti isaalle eloo saniif Xiiroos irraa bu'aa tokkolle hin dhaggane. 19 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani lafa Gibxi'ii mootii Baabilonii Nebukadnezaariif dabarsee hin kenna; innille karra isi'ii saamee fudhatee hin deema; wonni inni saamee fudhate sun loltoota isaatiif mindaa hin teeti. 20 Isa fi loltooti isaa waan naaf hujaneef, gatii eloo isaatiif ani lafa Gibxi'ii isaaf kenneera.
21 « ‹Guyyaa san ani kolbaa Israa'eliitiif jabeenna hin kenna; atille isaan keessatti afaan keeti akka saaqattu hin godha. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.

*29:10 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.

29:14 Kibba Gibxi'ii: Afaan Ibrootaatiin Faaxros jedha.