36
Raaga Marroo Gaarota Israa'eliitiif Dubbatame
1 «Ee ilma namaa! Marroo gaarota Israa'elii raaga dubbadhuutii, ‹Ee gaarota Israa'elii! Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! 2 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Diinoti marroo teeti: Gaaroti durii sun baga keenna te'ane jedhan» jedha› jedhi. 3 Tanaaf, raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin waan ontaneef, karaa maraan waan caccaddaneef, gosa biyya adda addaa worra dhibii heddu'uuf qabeenna waan teetaneef, kolbaan waan keessan dubbattee hamii hantuu isin hamatteerti jedha› jedhi. 4 Tanaaf, ee gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Gaarotaa fi koobotaan, dareerotaa fi dhooqotaan, qachoota duwwaa te'anee onane, ka gosi biyya adda addaa ta adaala isaanii jirtu saamiisaan itti taphatteen, 5 «Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa: Hinaaffaa tiyya jaddu'uun gosa biyya adda addaa ta dhibi'ii fi kolbaa Edoomii mara irratti hin dubbadha; isaan gadhaa ifii keessatti gammadanee, tuffi'iin lafa tiyya saamanee fudhatanee, addee dheeda horii ifii godhatane» jedha.
6 « ‹Tanaaf ati marroo lafa, gaarotaa fi koobota, lagootaa fi dhooqota Israa'elii irratti raaga dubbadhuutii, «Goottaan Mootiin Waan Maraa: Gosi biyya adda addaa waan isin salphitteef, kunoo ani hinaaffaa mufi'iitiin dubbadheera jedha» jedhi. 7 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa: Gosi biyya adda addaa ka adaala keessan jiranu akka salphatanu ani hin kakadha.
8 «‹Ee gaarota Israa'elii, kolbaan tiyya Israa'el gara qe'ee ifii ariifattee waan dhuttuuf, isin ammoo dameelee baafattanee midhaan isaaniif hin buuttan. 9 Kunoo ani isin woliin waan jiruuf, gara keessanille waan deebi'uuf, isin qotantanee midhaan isin irratti hin facaafama. 10 Kolbaan Israa'elii martinuu adoo hin hafin ani kolbaa isin irratti hin baceessa; qachooti ka nami keessa le'u hin te'an; addeen diigantelle deebitee hin ijaaranti. 11 Ani namaa fi horii isin irratti hin baceessa; isaan bacatanee hin horan; akkuma durii namooti akka isin keessa le'anu hin tolcha; ta durii caalaa waan dansaa isinii hin tolcha; yennaa san isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. 12 Ani kolbaan tiyya Israa'el akka isin irra ideentu hin tolcha; isaan isin hin qabatan; isinille lafa isaanii hin teetan; haganaa achi beelaan worra ijoollee hin qanne isaan hin tolchitanu› jedha.
13 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Namooti isiniin: Isin nama nyaattan; kolbaa teessan beelaan ijoollee malee hamburtan waan jedhanuuf, 14 isin haganaa achi nama hin nyaattanu; kolbaa teessanille beelaan ijoollee malee hin hamburtanu. 15 Haganaa achi ani akka gosi biyya adda addaa isin salphittu hin godhu; haganaa achi kolbaan isin hin qaanessitu; haganaa achi kolbaa teessaniif gufuu hin teetanu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
Jiruu Israa'elii Haareya
16 Ammalle Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 17 «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii yennaa lafa ifii keessa leetu, karaa ifiitii fi hujii ifiitiin lafa ifii batteessite. Karaan isaanii na duratti akka dubartii xuriin itti dhuttee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullinna hin qannee ti. 18 Isaan lafa san keessatti dhiiga waan dhangalaasaneef, waaqota ifii ka dharaatiin lafa san waan batteessaneef, maarre anille mufii tiyya isaan irratti dhangalaase. 19 Ani gosa biyya adda addaa keessa isaan bittinneessee, isaan biyya hedduu keessa xexeeramane. Ani akka karaa isaaniitii fi akka hujii isaaniititti isaanitti mure. 20 Isaan yennaa gara gosa biyya adda addaa dhaqane, addee dhaqane maratti isaan maqaa kiyya woyyicha waan batteessanee, kolbaan, ‹Isaan kun kolbaa Mootii Waan Maraa ti; garuu worra lafa isaa keessaa bayane› jette. 21 Kolbaan Israa'elii ammoo addee dhaqane maratti gosa biyya adda addaa oddu'utti, maqaan kiyya woyyichi ka isaan batteessane natti dhage'ameera.
22 «Tanaaf, kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani isiniif jedhee adoo hin te'in, addee dhaxxane maratti gosa biyya adda addaa oddu'utti maqaa kiyya woyyicha waan batteessitaneef tana godha jedha. 23 Ani woyyummaa maqaa kiyya gudda'aa ka gosa biyya adda addaa oddu'utti battowe, ka isin odduu isaaniititti batteessitane san hin mudhisa. Achiin duuba adoo isaan dhagganuu karaa keessaniin woyyummaa tiyya yennaa mudhisu gosi biyya adda addaa akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. 24 Ani gosa biyya adda addaa keessaa isin hin fuudha; biyya mara keessaa wolitti isin hin qaba; gara lafa teessaniititti isin hin deebisa. 25 Ani bisaan qulqulluu isinitti hin fiffixa; isinille battummaa teessan maraa fi waaqota dharaa keessan mara irraa hin qulqulloontan. 26 Ani qalbii haareya isiniif hin kenna; ayyaana haareya isin keessa hin keya. Ani mataa jabeenna keessan ka akka dhaka'aa isin keessaa baasee, qalbii ajajantu isiniif hin kenna. 27 Ani ayyaana kiyya isin keessa hin keya; akka seerata kiyyaatitti akka isin ideentanuu fi ajaja kiyya miidhassitanee akka eegattanu hin godha. 28 Lafa abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan; isin kolbaa tiyya hin teetan; anille Waaqa keessan hin te'a. 29 Ani battummaa teessan mara keessaa isin hin baasa; midhaan waamee hin baceessa; haganaa achi beela isinitti hin fidu. 30 Akka isin gosa biyya adda addaa oddu'utti beelaan hin salphanne, midhaan mukaatii fi midhaan ficha'aa mara akka bacatu hin godha. 31 Achiin duuba isin karaa keessan hama'aa fi hujii teessan ta dansaa hin te'in mara hin qaabattan; marroo yakka'aa fi hujii diqachiittuu teessaniitiif ifi hin jibbitan. 32 Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa kana isiniif jedhee akka hin goone beeka'a. Ee kolbaa Israa'elii! Marroo amala keessaniitiif qaanowa'aatii salphadha'a jedha› jedhi.
33 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani cubbuu teessan mara irraa isin qulqulleessu, qachaa keessan keessa akka nami deebi'ee qubatu hin godha; ka diigamelle deebi'ee hin ijaarama. 34 Latti duri worra isii keessa dabaru mara duratti ona teete, deebitee hin qotanti. 35 Worri achi keessa dabaru sunille, «Latti duri onteertu, oorruu Edenii fakkaatte; qachooti duri diigamanee onanee duwwaa te'ane amma dalleenni itti ijaaramee, namille keessa le'iisatti jira!» hin jedhan. 36 Achiin duuba gosi biyya adda addaa ta adaala keessanitti hafane akka ani Mootiin Waan Maraa qachoota diigame deebisee ijaaree fi fichaa duri one akka deebisee misoonse hin beekan. Ani Mootii Waan Maraa ti; ani dubbadheera; waan dubbadhe hin godhalle'e› jedha.
37 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani ammalle waan kolbaan Israa'elii na gaafatte tokko isaaniif hin godha; kolbaa isaanii akka tika hoole'ee hin baceessa. 38 Akkuma yennaa jila beekkantee, Yerusaalem hoolee ciinca'aaf dhikaatteen guutantu, qachooti diigamanelle namootaan hin guutaman; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.