37
Dhooqa Lafeelee Goggoddu'uu
Irreen Mootii Waan Maraa ana irra jirtiiyyu; inni ayyaanaan na fuudhee, dhooqa lafeele'een guutanteertu takka keessa na keye. Inni adaala lafeelee sanii asii fi achi na ideensise. Kunoo, dhooqa san keessa lafeelee guddoo baca'atti jiraayyu; lafeeleen sun akka malee goggoganeeran. Inni, «Ee ilma namaa! Lafeeleen tun deebitee lubbu'uun jiraatuu hin dandeettii?» anaan jedhe.
Anille deebisee, «Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, tana si qofattuu beeka» jedheen.
Achiin duuba inni, anaan, «Lafeelee tanatti raaga dubbadhuutii, ‹Ee lafeelee goggodduu tana, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a. Goottaan Mootiin Waan Maraa, lafeelee tanaan: Kunoo, ani hafuura isinitti hin galcha; isin lubbu'uun hin jiraattan. Ani ribuu isin irra keyee, foon isinitti lachisiisee, gogaalle isinitti hin uffisa; hafuura isin keessa keyee, lubbu'uun akka jiraattanu isin hin godha; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedhiin» jedhe.
Maarre anille akkuma ajajame raaga dubbadhe. Adoo ani raaga dubbatiisatti jiruu, kakakkeessi tokko dhage'ame; kunoo wonni tokko kakakkisee, lafeeleen sun wolitti hiiqanee, wolitti karoorfamiisa jalqabane. Anille isaan ilaale; kunoo, ribuun isaan irra jirtiiyyu; foonille isaan irratti latee, gogaalle uffataneeraniiyyu. Hafuurri ammoo isaan keessa hin jiru.
Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Qilleensatti raaga dubbadhu; raaga dubbadhu; qilleensaan, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee qilleensa, maddii afur irraa koyiitii, akka isaan lubbu'uun jiraatanuuf, worra ijjeefameeru kanatti hafuura baafadhu jedha› jedhiin» jedhe.
10 Maarre ani akkuma inni na ajaje raage; hafuurrille isaan keessa seenee, isaan jiraattolee te'anee miila ifiitiin dhaabbatanee, loltoota guddoo bacaa te'ane.
11 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Lafeeleen tun kolbaa Israa'elii duudi'i. Kunoo, isaan, ‹Lafeeleen teenna goggoddeerti; addii kutanneerra; nuuti ijjumaa banneerra› jedhan. 12 Tanaaf, raaga dubbadhuutii, isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee kolbaa tiyya, kunoo, ani awwaala keessan banee, awwaala keessan keessaa isin hin baasa. Ani gara lafa Israa'elii deebisee isin hin fida. 13 Ee kolbaa tiyya! Yennaa ani awwaala keessan banee, awwaala keessan keessaa isin baase, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. 14 Ani ayyaana kiyya isin keessa hin keya; isinille lubbu'uun hin jiraatan; lafa teessanitti isin hin galcha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Ani dubbadheera; waan dubbadhe hin godhalle'e jedha› jedhi» jedhe.
Yihuda'aa fi Israa'el Mootummaa Tokko Hin Te'an
15 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 16 «Ee ilma namaa! Ulee takka fuudhiitii, isii irratti jecha, ‹Yihuda'aaf, Israa'eloota isa woliin wolii galanulle'eef› jedhu barreessi. Achiin duuba ulee dhibii fuudhiitii, isii irratti jecha, ‹Yoseefiif jechuun Efreemiif, Israa'eloota isa woliin wolii galanu maralle'eef› jedhu irratti barreessi. 17 Uleen lamaan sun harka keeti keessatti tokko akka te'anu wolitti qassiisi. 18 Kolbaan teeti, ‹Kun maan jechuu keeti akka te'e nutti hin hintuu ree?› jedhanee yennaa si gaafatane, 19 ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo ani ulee Yoseefii ta harka Efreemii keessa jirtuu fi ulee gosa Israa'elii ta worra isa woliin wolii galanuu fuudhee, akka isaan harka kiyya keessatti tokko te'anu, ulee Yihuda'aa woliin wolitti isaan qassiisa jedha› jedhi.
20 «Ulee lamaan irratti barreessite san ila isaanii dura qabiitii, 21 isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani kolbaa Israa'elii gara maraa gosa biyya adda addaa oddu'uu wolitti isaan qabee, gara lafa isaanii isaan hin fida. 22 Lafa irratti, gaara Israa'elii gubba'atti kolbaa takkattii isaan hin godha. Isaan mara irratti mootiin tokkochi hin mootoma; isaan haganaa achi gosa biyya adda addaa lama hin te'anu; mootummaa lama te'anee ijjuma gargar hin qoodamanu. 23 Isaan haganaa achi waaqota dharaa ka ifiitiin, waan diqachiittuu ifiille'een yookiin yakkaa ifii maralle'een ifi hin batteessanu. Ani ammoo cubbuu isaan na lakkisanee duubatti deebi'iisaan hujane mara jalaa isaan baasee, isaan hin qulqulleessa. Achiin duuba isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a.
24 « ‹Garbichi kiyya Daawiti isaan irratti mootii hin te'a; isaan martinuu tissee tokko hin qabaatan. Isaan seera kiyyaan hin ideeman; seerata kiyyalle miidhassanee hin eegatan. 25 Isaan lafa ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne, addee abbootiin teessan duri keessa leete keessa hin le'an. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniille haga bara baraa achi hin le'an; garbichi kiyya Daawiti haga bara baraa bulchaa isaanii hin te'a. 26 Ani gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha. Gondooroon sun gondooroo bara baraa hin teeti. Ani lafa isaanii keessatti isaan jabeessee hin dhaba; isaan hin baceessa; Galma kiyya haga bara baraa odduu isaaniititti hin dhaaba. 27 Addeen leetoo tiyyaa isaan woliin hin teeti; ani Waaqa isaanii hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an 28 Achiin duuba yennaa ani Galma kiyya haga bara baraa odduu isaaniititti dhaabe ka Israa'el woyyoonsu, ana Mootii Waan Maraa akka te'e gosi biyya adda addaa hin beekan jedha› jedhiin» jedhe.