44
Karra Karaa Aduun Baatuu Ta Gara Alaa
Achiin duuba namichi sun gara karra Galma Waaqaa ta fuullee aduun baatuu ta gara alaa na geesse; karri sun cufanteertiiyyu. Mootiin Waan Maraa anaan, «Karri tun cufanteetuma leeti malee ijjumaa hin banantu; ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii achiin waan seeneef, eennulle achiin hin seenu. Tanaaf isiin akkuma cufantetti leeti. Te'uu malee, qondaaltichi bulchaa biyyaa callaan sagalee woyyittii fuula ana Mootii Waan Maraa duratti nyaatiisaaf, achiin seenee tee'uu hin dande'a. Inni karaa soroo seensumaatiin seenee karuma seene saniin bayuu hin dande'a» jedhe.
Seerataa fi Seera Galma Waaqaa Ittiin Seenanu
Achiin duuba namichi sun karaa karra fuullee kaabaatiin Galma Waaqaa dura na geesse. Kunoo, ani ilaalee ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Mootii Waan Maraa guuteeruun dhaggee, ani addaan lafatti gad gombifame. Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Qalbeeffadhuu ila teetiin ilaaliitii, waan ani sitti himu mara marroo seerataa fi seera Galma Waaqaa duudii gurra keetiin dhage'i! Karaa Galma Waaqaa seenanuu fi karaa Galma Waaqaatii gad bayanu midhassii hubadhu. Worra finqilaa kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin kolbaa Israa'elii, hujiin teessan diqachiittuun marti amma hin geetti. Hujii teessan diqachiittuu san irratti edeetanee, worra naaf hin ajajanne ka haqanqabaa hin qabatin orma gara Galma kiyyaa galchitanee, yennaa sagalee, coomaa fi dhiiga naaf dhikeessitanu, Galma kiyya batteessitaneertan; gondooroo tiyyalle diiddaneertan. Worri dhibiin meya kiyya woyyicha akka eeganuuf, achi keettane malee, isin ifiif meya woyyicha isinitti kenname san hin eenne jedha.
« ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Worri naaf hin ajajanne, ormi haqanqabaa hin qabatin, ka kolbaa Israa'elii odduu le'ulle yoo te'e gara Galma kiyyaa hin seenin.
Lewwooti Tajaajila Hayyumma'aa Irraa Ari'amane
10 « ‹Israa'elooti na hordofiisa irraa yennaa fagaatane, Lewwooti waaqa dharaa ifii hordofiisaan joonjanelle hin adabaman. 11 Lewwooti addee woyyittii tiyya keessa hin tajaajilan; karra Galma kiyyaa irra ideemanee ilaalaa, Galma kiyya keessa hin tajaajilan. Isaan kennansa gubamu qalanee, kolba'aafille ciincaa hin dhikeessan; dura isaanii dhaabbatanee kolbaa hin tajaajilan. 12 Isaan waaqota dharaa duratti kolbaa tajaajilanee, kolbaan Israa'elii yakkaa akka hujjuuf, gufuu waan te'aneef, akka isaan adabamuu qabanu kakadheera. Kana ana Mootii Waan Maraatitti dubbate. 13 Isaan hayyuu te'anee ana tajaajiliisaaf gara kiyya hin dhikaatanu; gara meya kiyya woyyichaa, gara waan kiyya ka irra caala woyyu'uu maralle hin dhikaatanu; ammoo waan diqachiittuu hujane saniif salphinna ifii hin uffatan. 14 Te'uu malee, hujii Galma Waaqaa itti gaafatamuma'aan akka hujanu, hujii Galma kiyya keessaa mara itti gaafatamumma'aan akka hujantu hin godha.
Qajeelfama Hayyootaaf Kenname
15 « ‹Kolbaan Israa'elii yennaa ana irraa gorane, worri hujii Galma kiyya keessaa addatamumma'aan hujane, sanyiin Zaadoqii Lewwooti, ana tajaajiliisaaf na dura hin dhufan. Coomaa fi dhiiga naaf hin dhikeessan. 16 Isaan callaan gara Galma kiyyaa seenanee na hin tajaajilan; isaan callaan fuula kiyya duratti na tajaajiliisaaf, seerata waaqonfanna'aa kiyyalle muummessiisaaf gara qorii tiyyaa hin dhikaatan. 17 Isaan yennaa karra badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa seenanu, woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatanuu ti; isaan yennaa karra badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa seenanu yookiin Galma Waaqaa keessa tajaajilanu, woyaa rifeensa hoole'ee hin uffatin. 18 Isaan mataa ifii irratti marata quncee talba'aa irraa hujame maratanuu ti; mutaandii quncee talba'aa irraa hujante hidhatanuu ti; woyaa isaan danfisiittu hin uffatin. 19 Isaan gara kolba'aa badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti yennaa gad bayanu, woyaa ittiin tajaajilane baafatanee kolloota woyyoota keessa keyanuu ti. Kolbaan woyaa woyyittii san tuxxee akka hin miidhanne*Kolbaan woyaa woyyittii san tuxxee akka hin miidhanne: Afaan Ibrootaatiin Woyaa ifiitiin kolbaa akka hin woyyoonsine jedha., woyaa dhibii uffatanuu ti.
20 « ‹Isaan rifeensa mataa ifii quxatanuu ti malee, hin haadatin yookiin hin dheereffatin. 21 Hayyichi tokko gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa yennaa seenanu, daadhii woyni'ii hin unin. 22 Hayyooti dubartii abbaan worra irraa du'e yookiin lakkise hin fuudhin; ammoo durra sanyii Israa'elootaa yookiin dubartii hayyichi tokko irraa du'e qofa fuudhuu hin dande'an. 23 Hayyooti garaagarummaa waan aadaa dhugeeffanna'aatiin woyyuu te'eetii fi waan woyyuu hin te'inii kolbaa tiyya barsiisanuu ti; isaan garaagarummaa aadaa dhugeeffanna'aatiin waan qulqulluu te'eetii fi waan qulqulluu hin te'iniille isaanitti mudhisanuu ti.
24 « ‹Moromaan yennaa kaatu, isaan abbootii mura'aa te'anee tajaajilanuu ti; isaan akka seera kiyyaatitti muranuu ti. Isaan seeraa fi seerata jila tiyya ta beekkantee mara eegatanuu ti; Sanbata kiyyalle woyyoonsanuu ti. 25 Isaan nama du'etti dhikaatanee ifi hin batteessin. Te'uu malee nami du'e sun abbaa yookiin haadha, ilma yookiin intala, obboleessa yookiin obboleettii hin heeruminiif ifi batteessuu hin dande'an. 26 Hayyichi tokko qulqulloomeen duuballe guyyaa torba eegatuu ti. 27 Inni Galma Woyyicha keessa tajaajiliisaaf gara Galma Woyyichaa, gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa gaafa seenu kennansa sababa cubbuu ifii dhikeessuu ti; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
28 « ‹Ani lafa isaanii waan te'eef, Israa'el keessatti hayyootaaf latti hin kennamin. Ani qabeenna isaanii ti. 29 Kennansi midhaanii, kennansi sababa cubbu'uutii fi kennansi sababa yakka'aa, Israa'el keessatti wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti ta isaanii ti. 30 Midhaan gosa maraa keessaa ka mata'aa marti, kennansa keessan keessaa kennansi gosa maraa marti ka hayyootaa ti. Eebbi mana keessan irratti akka bu'uuf, bullaa teessan ta mata'aa irraa hayyootaaf kenna'a. 31 Hayyooti foon waan tokkoolle, foon sinbirre'ee yookiin foon bineensaa, foon waan ifiin du'ee yookiin foon waan bineensi ijjeesee hin nyaatin.

*44:19 Kolbaan woyaa woyyittii san tuxxee akka hin miidhanne: Afaan Ibrootaatiin Woyaa ifiitiin kolbaa akka hin woyyoonsine jedha.