45
Hirama Lafaa
1 « ‹Isin hixaa buusiisaan lafa yennaa hirtanu, lafa kutaa woyyittii dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamaa, Mootii Waan Maraatiif adda baasa'aatii kenna'a; latti sun duudiin woyyuu hin teeti. 2 Lafa san keessaa ta dheerinni isi'ii ciqilee dhibba shan, badhinni isi'iille ciqilee dhibba shan te'e, ta addee duwwaa badhinni isi'ii ciqilee shantamaa adaala ifiitii qaddu Galma Waaqaatiif teetuu ti. 3 Addee woyyittii san irralle'ee, lafa dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii miki; tun Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa hin teeti. 4 Latti tun lafa san keessaa kutaa woyyittii hin teeti. Isiin hayyoota Galma Waaqaa keessa tajaajiltu, ta Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf isatti dhikaattuuf, hin teeti; addeen tun addee manni isaaniitii fi addee woyyittii Galmi Waaqaa itti ijaaramu hin teeti. 5 Latti dhibiin ta irraa hatte, ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii Lewwoota worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanuuf, qachaa keessa le'anu itti ijaarratiisaaf qabeenna isaanii hin teeti.
6 « ‹Addee woyyittii adda baate sanitti aantee, addee badhinni isi'ii ciqilee kuma shanii, dheerinni isi'iille ciqilee kuma diddamii shanii, kolbaa Israa'elii maraaf addee qachaa itti ijaaranu teetuu ti.
Lafa Qondaaltichaa
7 « ‹Qondaaltichi bulchaan biyyaa addee woyyittii sanii fi qachaa san karaa aduun seentuu fi karaa aduun baatuun, lafa haga meessaa biyyaa dheerattu qabaachuu qaba; latti sun haguma lafa gosa tokkoof kennantuu dheerattuu ti. 8 Latti tun lafa Israa'elii keessatti qondaalaaf hin teeti; haganaa achi qondaaltoti tiyya kolbaa tiyya hin cunqursanu; kolbaan Israa'elii ammoo akkuma gosa gosa ifiititti lafa qabaatanuu ti.
9 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, qondaaltota Israa'elii! Isin geettuu ti; hunnaan namatti ka'iisaa fi nama cunqursiisa lakkisa'a; haqaa fi balchummaa huja'a; kolbaa tiyya lafa isaanii irraa ari'iisa lakkisa'a; tana ana Goottaa Mootii Waan Maraatitti dubbate. 10 Isin waan ittiin safartanu ka «Eefaa» jedhamuu fi ka «Baatihii» jedhamu ka sirrii te'ane qabaadha'a. 11 Eefa'aa fi baatihiin sun wol qixxee te'anuu ti; isaan lamaanuu yennaa mara madaallii «Homer» jedhamu harka kudhan keessaa harka tokko qabatan. Homer madaallii wolii galaa te'uu ti. 12 Isin biratti madaalliin keessan ka «Sheeqelii» jedhamu tokko madaallii «Geraa» jedhamu diddama; sheeqelii diddama irratti sheeqelii diddamii shanii fi sheeqeliin kudhanii shan yennaa ede'ame madaallii «Miinaa» jedhamu tokko hin te'a.
Kennansa Adda Addaatii Fi Guyyaa Jilaa
13 « ‹Kennansi isin dhikeessitanu, qamadii omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko, garbuu omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko, 14 Zayitii irralle'ee waan ittiin safartanu ka «Korii» jedhamu tokko tokkooyyuu irraa akkuma omeerii baatihii kudhan keessaa baatihii tokko te'uu ti. 15 Akkasuma tika hoolee Israa'elootaa ta lafa bisaan bacaan jiruu keessaa hoolee dhibba lamaa keessaa hoolee tokko kenna'a. Kun marti kennansa midhaanii, kennansa gubamu, kennansa tokkumma'aa ka gumaa cubbuu kolba'aa te'anuu ti. Kana ani Goottaan Mootiin Waan Maraa dubbadheera. 16 Kolbaan Israa'elii marti kennansa addaa kana qondaala Israa'el keessaatiif kennituu ti. 17 Kennansa gubamu, kennansa midhaanii, kennansa daadhii woyni'ii, guyyoota jilaatitti, guyyoota baatii ji'aatii fi guyyoota Sanbataatitti, jila Israa'elii ta beekkante mara irratti dhikeessiis hujii qondaala Israa'elii ti; inni kennansa sababa cubbu'uu, kennansa midhaanii, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kolbaa Israa'eliitiif gumaa araara cubbu'uu hin dhikeessa.
18 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ji'a tokkeesso'oo, ji'a san keessa guyyaa tokkeesso'oo loon keessaa dardara fafa hin qanne tokko fuudhii ciincessii, Galma Waaqaa qulleessi. 19 Hayyichi dhiiga kennansa sababa cubbu'uu san irraa diqqaa isaa fuudhee, mikikkiloota Galma Waaqaa, irga addee ciinca'aa roga arfanuu, mikikkiloota karra gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaatitti seenanuu dibuu ti. 20 Nami tokko dokonkoraan yookiin adoo hin beekin cubbuu hujeef guyyaa torbeesso'oo akkuma kana godhi; maarre akkanaan Galma Waaqaatiif gumaa godhi.
21 « ‹Ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, Jila Irra Dabaramaa jilifadha'a; guyyaa torbaaf daabboo uukoo hin qanne hin nyaattan 22 Inni guyyaa san qondaalli ifii fi kolbaa lafa sanii maraaf kennansa sababa cubbu'uu dardara tokko qopheessuu ti. 23 Guyyoota jilaa torba sanitti, dardaroota torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba ta fafa hin qanne, guyyuma guyya'aan kennansa gubamuuf ana Mootii Waan Maraatiif hin qopheessa; korbeessa re'e'eelle kennansa sababa cubbu'uutiif guyyuma guyya'aan hin qopheessa. 24 Inni dardara san tokko tokkooyyuu woliin bullaa eefaa tokko tokko, korbeessa hoole'ee san tokko tokkooyyuu woliin bullaa eefaa tokko tokko, bullaa eefaa tokko tokko sanille zayitii ejersaa litirii sad sad woliin qopheessuu ti.
25 « ‹Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti guyyoota jilaa torba sanitti, hayyichi kennansa sababa cubbu'uutiif, kennansa gubamuuf, kennansa midhaaniitii fi kennansa zayiti'iitiifille akkasuma qopheessuu ti.