Kitaaba Izra'aa
Seensa
Kitaab Izra'aa, kitaabota dabarsi'ii lamatti ka aaneeru yoo te'u, marroo Yihudooti booji'amane gariin Baabilon irraa deebi'iisaatii fi Yerusaalem keessatti adde'etti deebi'iisa jiru'uutii fi waaqonfanna'aa dubbata. Haalli kun akka asii gad jirutti dhikaateera: (1) Ajaja mootii Faaresiitiin, booji'antooti Yihudootaa ta qaraa, Baabilon irraa deebite. (2) Galmi Waaqaa deebi'ee ijaarramee eebbifame; Yerusaalem keessatti Waaqa waaqonfatiisille adde'etti deebi'e. (3) Woggaa heddu'uun duuba, booji'antooti Yihudootaa ta dhibiin beekkicha seera Waaqaa Izra'aan sooreffamaa gara Yerusaalemii deebite; Izraan jiruu Israa'elii ta ayyaanaatii fi dhugeeffannaa isaanii adde'etti deebisiisaaf, jiruu kolba'aa ta ayyaanaatii fi jiruu isaanii ta hawaasumma'aa isaan qarqaare.
Haadhoo Dubbi'ii
Boojuu irraa deebi'iisa qaraa1:1—2:70
Deebi'ee ijaarramiisaa fi eebbifamiisa Galma Waaqaa3:1—6:22
Izraan booji'antoota dhibii woliin deebi'e7:1—10:44
1
Yihudooti Boojuu Irraa Deebi'ane
Dubbiin Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummottu, mootichi Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, akka inni lassii lassiisee barreeffamalle'een baasu Mootiin Waan Maraa yaada isaa kakkaasee, «Mootiin Faaresii Qiiros, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa mootummaa biyya lafaa mara na kenneera; Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaru na ajajeera. Kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru mara, Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; inni gara qachaa Yerusaalemii ka Yihudaa keessa jiruu ol bayee, Waaqa achi jiruuf, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebisee ijaaruu ti. Worri addee booju'uutitti hafe marti addee jiranu mara keessaa, kennansaa fedhii ifiitiin Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiruuf kennanuun ala, meeti'ii fi worqii, meyaa fi horii kenniisaan isa qarqaaranuu ti› jedheera» jedhe.
Achiin duuba maatii Yihuda'aatii fi Benyaaminii keessaa angafooti, hayyootii fi Lewwooti, nami Waaqi yaada isaa kakkaase marti dhaqee Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru deebisee ijaariisaaf qophowe. Worri adaala isaanii jiru martinuu, kennansa fedhii ifiitiin kennanuun ala, meya meeti'ii fi worqii irraa hujame, meya adda addaa, meya gatii guddo'ootii fi horii kenniisaan isaan qarqaarane. Kana maleelle mootichi Qiiros, meya Galma Waaqaa ka Nebukadnezaar Yerusaalemii fudhatee galma waaqota ifii keessa keyateeru gad baase. Mootiin Faaresii Qiiros meya san namicha meya mana mootumma'aa eegu Miitradaatitti kennee, bulchaa Yihuda'aa ka te'e Sheshibazaar duratti akka laakkowamu kenne. Mey laakkowame sun ka asii gad jiru:
Qoriin gugurdoon worqii irraa hujante soddoma;
Qoriin gugurdoon meetii irraa hujante kuma tokko;
Qoriin dhibiin diddamii sagal; 10 Qoriin didiqqoon worqii irraa hujante soddoma;
Qoriin didiqqoon meetii irraa hujante ta wol fakkaattu dhibba afurii fi kudhan.
Mey adda addaa ka dhibiin kuma tokko.
11 Mey worqi'iitii fi meeti'ii wolumatti kuma shanii fi dhibba afur. Worri booji'ame Baabilon irraa gara Yerusaalemii yennaa deebi'e, Sheshibazaar meya kana mara fuudhee baye.