2
Maqaa Worra Boojuu Irraa Deebi'ee
1 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar gara Baabilonii worra booji'e keessaa, worri gara qachoota ifii Yerusaalemii fi Yihuda'aa deebi'e isaan kana: 2 isaan sooressitoota ifii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiyaa, Seraayaa, Re'elaayaa, Mordekaayi, Biilshaan, Miisphaar, Biigwaayi, Rehuumii fi Ba'anaa woliin deebi'ane.
Kolbaa Israa'elii keessaa worri boojuu irraa deebi'e, laakkossi isaanii asii gad jira:
3 Sanyiin Faareshii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama; 4 sanyiin Shephaaxiya'a dhibba sadii fi torbaatamii lama; 5 sanyiin Araa dhibba torbaa fi torbaatamii shan; 6 sanyii Fahat Mo'aabii keessaa sanyiin Iyaasu'uutii fi Yo'aabii kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudhanii lama; 7 sanyiin Elaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; 8 sanyiin Zaatu'uu dhibba sagalii fi afurtamii shan; 9 sanyiin Zakaayii dhibba torbaa fi jaatama; 10 sanyiin Baanii dhibba jaa fi afurtamii lama; 11 sanyiin Bebaayii dhibba jaa fi diddamii sad; 12 sanyiin Azigaadii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi diddamii lama; 13 sanyiin Adoniiqaamii dhibba jaa fi jaatamii jaa; 14 sanyiin Biigwaayii kuma lamaa fi shantamii jaa; 15 sanyiin Aadiinii dhibba afurii fi shantamii afur; 16 sanyii Ateerii keessaa sanyiin Hisqiyaasii sagaltamii saddeeti; 17 sanyiin Bezaayii dhibba sadii fi diddamii sad; 18 sanyiin Yoraa dhibba tokkoo fi kudhanii lama; 19 sanyiin Hashumii dhibba lamaa fi diddamii sad; 20 Sanyiin Gibaarii sagaltamii shan; 21 namooti qachaa Betlihemii dhibba tokkoo fi diddamii sad; 22 namooti qachaa Netofa'aa shantamii jaa; 23 namooti Anaatotii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; 24 namooti Azmaawetii afurtamii lama; 25 namooti qachoota Kiriiyat-Ya'ariimii, Kefiiraa fi Be'erotii dhibba torbaa fi afurtamii sad; 26 namooti qachaa Raama'aatii fi Gebaa dhibba jaa fi diddamii tokko; 27 namooti qachaa Miikmaashii dhibba tokkoo fi diddamii lama; 28 namooti qachaa Bet'eliitii fi Aayii dhibba lamaa fi diddamii sad; 29 namooti qachaa Neboo shantamii lama; 30 namooti qachaa Magbiishii dhibba tokkoo fi shantamii jaa; 31 namooti qachaa Elaamii dhibi'ii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; 32 namooti qachaa Haariimii dhibba sadii fi diddama; 33 namooti qachaa Lodii, Haadiidiitii fi Onoo dhibba torbaa fi diddamii shan; 34 namooti qachaa Yeriko'oo dhibba sadii fi afurtamii shan; 35 namooti qachaa Sena'aa kuma sadii fi dhibba jaa fi soddoma.
36 Hayyooti boojuu irraa deebite: sanyii Yedaa'iya'aa keessaa maatiin Iyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sad; 37 sanyiin Iimerii kuma tokkoo fi shantamii lama; 38 sanyiin Phashihurii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba; 39 sanyiin Haariimii kuma tokkoo fi kudhanii torba.
40 Lewwooti boojuu irraa deebi'ane: sanyii Hodaawiyaa keessaa sanyiin Iyaasu'uutii fi Qadmii'elii torbaatamii afur; 41 faarsitooti: sanyiin Asaafii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; 42 Eeddoti karra Galma Waaqaa: sanyiin Shaalumii, sanyiin Ateerii, sanyiin Xalmoonii, sanyiin Aquubii, sanyiin Haxiixa'aatii fi sanyiin Shabaayii wolumatti dhibba tokkoo fi soddomii sagal.
43 Tajaajiltooti Galma Waaqaa ta boojuu irraa deebite: sanyii Ziihaa, sanyii Hasufaa, sanyii Xabaa'otii, 44 sanyii Qerosii, sanyii Sii'eha'aa, sanyii Faadonii, 45 sanyii Lebaana'aa, sanyii Hagaaba'aa, sanyii Aquubii, 46 sanyii Hagaabii, sanyii Shalmaayii, sanyii Haanaanii, 47 sanyii Giidelii, sanyii Gahaarii, sanyii Re'aaya'aa, 48 sanyii Resiinii, sanyii Neqoda'aa, sanyii Gaazaamii, 49 sanyii Uza'aa, sanyii Faaseha'aa, sanyii Besaayii, 50 sanyii Asina'aa, sanyii Me'unoota'aa, sanyii Nefusiimii, 51 sanyii Baqbuqii, sanyii Haqufa'aa, sanyii Harhurii, 52 sanyii Baslutii, sanyii Mehiida'aa, sanyii Harisha'aa, 53 sanyii Baarqosii, sanyii Siisera'aa, sanyii Taamaa, 54 sanyii Nesiiya'aatii fi sanyii Haxiifa'aa ti. 55 Sanyiin tajaajiltoota Solomoonii ta boojuu irraa deebite: sanyii Soxaayii, sanyii Hasoferetii, sanyii Faruda'aa, 56 sanyii Ya'ala'aa, sanyii Daarqonii, sanyii Giidelii, 57 sanyii Shefaaxiya'aa, sanyii Haxiilii, sanyii Fokeretii, sanyii Hasbaayimiitii fi Amii ti.
58 Sanyiin tajaajiltoota Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii wolumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama.
59 Worri qachaa Tel-Melaatii, worri qachaa Tel-haareshaatii, worri qachaa Keruubii, worri qachaa Adaaniitii fi Iimeriitii bayanee dhufane, sanyiin isaanii Israa'eloota akka teete mirkaneessiisa hin dandeenne. 60 Isaanille sanyiin Delaaya'aa, sanyiin Xobiiya'aatii fi sanyiin Neqoda'aa dhibba jaa fi shantamii lama.
61 Hayyoota keessaa, sanyii Habaaya'aa, sanyii Haqoziitii fi sanyii Baarzilaayii ti; Berziilaayi intala Baarzilaayii Giil'aadichaa fuudhee maqaa kanaan waamame. 62 Isaan kun worra akka hidda dhaloota isaaniititti barreeffamane keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef, akka battootaatitti laakkowamanee, tajaajila hayyumma'aa irraa dhooggamane. 63 Bulchaan biyyaa, haga hayyichi Uriimii fi Tumiimiin fedha Waaqaa gaafatiisa dande'u dhaggamutti, sagalee irraa caalaa woyyittii akka hin nyaanne isaan ajaje.
64 Laakkossi namoota boojuu irraa deebi'anee wolumatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama; 65 kana maleelle tajaajiltooti isaanii dhiiraa fi dubartiin kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; faarsitooti isaanii dhiiraa fi dubartiin dhibba lama; 66 Fardoon isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaa; Gaangoleen isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan; 67 Gaaloti isaanii dhibba afurii fi soddomii shan; Harreeleen isaanii kuma jaa fi dhibba torbaa fi diddama.
68 Worri boojuu irraa deebi'e Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa yennaa geyane, sooreyyiin maati'ii gariin Galmi Waaqaa addee duriititti deebi'ee akka ijaaramu qarqaariisaaf, fedhii ifiitiin kennansa kennane. 69 Isaan hujii Galma Waaqaatiif, akka dandeettii isaaniititti wolumatti worqii gara kiiloogiraama dhibba shanii, meetii gara kiiloogiraama kuma sadiitii fi woyaa hayyooti uffattu dhibba tokko kennane.
70 Hayyooti, Lewwooti, namooti dhibiille, faarsitooti, eeddoti karraatii fi tajaajiltooti Galma Waaqaa qachoota ifii keessa qubatane. Israa'elooti hafanelle qachootuma ifii keessa qubatane.