3
Addeen Ciinca'aa Deebitee Ijaarante
1 Israa'elooti qachoota ifiititti galanee, ji'i torbeesso'oo yennaa geye, kolbaan marti Yerusaalem keessatti wolitti qabante. 2 Achiin duuba ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, hayyooti akka isaa, Zarubaabeliin ilmi She'altii'eliitii fi obboleeyyan isaa, akkuma seera Muusee nama Waaqaa keessatti barreenfatte, kennansa gubamu irratti dhikeessiisaaf, addee ciinca'aa ta Waaqa Israa'elii ijaariisa jalqabane. 3 Isaan kolbaa adaala sanii waan sodaataneef, addee ciinca'aa san hundee isi'ii ta durii irratti deebisanee ijaaranee, kennansa gubamu addee ciinca'aa san irratti ganamaa fi galgala Mootii Waan Maraatiif dhikeessane. 4 Achiin duuba kennansa gubamu ka guyyaa guyya'aaf barbaachisu dhikeessiisaan, akkuma laakkossa barreeffameetitti jila gose'ee jilifatane. 5 Kanaan duuballe kennansa gubamu ka guyyaa maraa, ciincaa baatii ji'aa, ciincaa jila woyyittii Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu fi kennansa fedhii ifiitiin nami Mootii Waan Maraatiif kennulle dhikeessane. 6 Hundeen Galma Waaqaa keyamuu dhaddulle, isaan ji'a torbeesso'ootitti guyyaa qaraa ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa jalqabane.
Galmi Waaqaa Deebi'ee Ijaarame
7 Kolbaan worra dhakaa bocuu fi worra muka bocuufiille beesee kennite; akkasuma akka ajaja Qiirosii mooticha Faaresiititti jigeessa hindheensa Libaanosii haga Yophe'eetitti abbaayaa irra akka fidanuuf, namoota Sidooniitii fi Xiiroosiitiifille sagalee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa kennane. 8 Gara Yerusaalemii addee Galmi Waaqaa dur jiru sanitti deebi'anee woggaa lammeesso'oo, ji'a lammeesso'ootitti, ilmi She'altii'elii Zerubaabel, ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, kolbaan dhibiille, hayyootii fi Lewwooti, worri boojuu irraa gara Yerusaalemii deebi'e martinuu hujii jalqabane. Hujii ijaarsa Galma Waaqaa irra deddeemanee akka toowatanu, Lewwoota woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii mara filatane. 9 Iyaasuun ilmaan ifiitii fi obboleeyyan ifii, Qadmii'elii fi ilmaan Qadmii'elii ta sanyii Hodaawiya'aa, ilmaan Henaadaadiitii fi ilmaan isaanii, obboleeyyan isaaniille woliin, Lewwooti marti worra Galma Waaqaa ijaaru toowatiisaaf wolitti dabalamanee itti gaafatamummaa fudhatane.
10 Worri ijaaru hundee Galma Mootii Waan Maraa yennaa keyane, akkuma mootichi Israa'elii Daawiti ajajetti, hayyooti woyaa hayyummaa ifii uffatanee, tultullaalle qabatanee, Lewwooti ilmaan Asaafii sibiila qilillisu qabatanee, Waaqa leellifatiisaaf, addee addee ifii qabatane. 11 Isaan faaru'uun,
«Waaqi dansa'a;
jaalalli isaa ka bara baraa
ka inni Israa'eliif qabu
haga bara baraa ti» jedhanee,
Mootii Waan Maraa leellifatanee galateeffatane.
Hundeen Galma Mootii Waan Maraa waan dhaabateef, kolbaan marti gammaddee, qoonqoo ifii ol qabattee Mootii Waan Maraa leellifatte. 12 Maanguddooti hayyootaa, Lewwootaatii fi sooreyyiin maati'ii worri Galma Mootii Waan Maraa ka durii dhagganeeranu marti, yennaa hundee Galma Mootii Waan Maraa kana dhaggane, qoonqoo guddo'oon bowane; namooti dhibiin hedduun ammoo qoonqoo ifii ol qabatanee gammadaan ilillisane. 13 Namooti qoonqoo guddisanee ol qabatanee waan hogisaneef, nami tokkolle ililleettii gammadaatii fi qoonqoo bowiisaa dande'ee gargar hin baafanne. Qoonqoolle fago'otti dhage'ante.