9
Israa'elooti Fuudhaa Fi Heerumaan Makamane
1 Wonni kun marti te'een duuba, sooressitooti gara kiyya dhufanee, «Kolbaan Israa'elii, hayyootii fi Lewwootinuu adoo hin hafin kolbaa adaala isaanii jirtu Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Yibusoota, Amoonota, Mo'aabota, Gibxootaa fi Amoorota irraa gargar hin baane; hujii battummaa isaanii irralle'ee ifi hin eeganne. 2 Isaan durra kolbaa adaala ifii fuudhanee, ilmaan ifiille fuusisanee, sanyii woyyuu kolbaa adaala isaanii jirtu woliin wolitti makaneeran; sooreyyi'ii fi qondaaltoti karaa addatama dhabiisaa kana sooressaneeran» jedhane.
3 Ani yennaa waan kana dhage'e, gaddaan woya'aa fi geellaa kiyya tarsaasee, rifeensa mataa kiyyaatii fi areeda kiyyaa buqqisee, nayee tee'e. 4 Sababa addatama dhabiisa worra boojuu irraa deebi'eetiif, worri jecha Waaqa Israa'elii sodaatee rommu na biratti wolitti qabamane; anille nayee haga ciincaa galgalaatitti achuma tee'e.
5 Ani yennaa ciincaan galgalaa dhikaatu, woyaa tiyyaa fi geellaa kiyya ka tarsa'e akkuma uffadhetti, gaddaan addee tee'eeruu ka'e; jilbiiffadhee, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaa badhisee, 6 daadimadhee, «Ee Waaqa kiyya, cubbuun teenna ol kaatee mataa keenna caaltee, yakkaan teennalle ol-gubbaa waan geetteef, ani guddoo fokkifadhee, gara keeti ilaaliisaaf qaaneffadhe. 7 Bara abbootii teenna ta duriitii jalqannee haga ammaatitti nuuti yakkaa guddoo hujiisatti jirra; sababa cubbuu teennaatiif nuuti, moototi teennaa fi hayyooti teenna harka mootota biyya adaala keenna jiranuutitti, ijjeefamaa, booji'amaa, saamamaa akkuma adhaa kana fokkifanneerra. 8 Amma ammoo yennaa gabaaddu'uuf ati Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, nu keessaa worra garii garbummaa jalaa baasiisaan, addee woyyittii teeti keessa nageyaan akka le'anu godhiisaan, ati Waaqi keenna hidhaa garbumma'aa diqqoo nutti furiisaan, addii nuu kenniisaan, gadhaa nu'uuf laatteerta. 9 Nuuti garbummaa jala adoo jirruu, ati Waaqi keenna garbummaa keessatti nu hin lakkinne. Moototi Faaresii gadhaa akka nuu laafanu gootee, Galma keeti deebinnee ijaariisaaf, ka bututelle suphiisaaf jiruu haareya nuu kennite; lafa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem keessalle'etti dalleya woy nu irraa ittisu nuu kennite.
10 «Amma ammoo, ee Waaqa keenna, tanaan duuba maan jedhuu dandeenna? Nuuti ajaja keeti, 11 ka ati karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin, ‹Biyyi isin dhaaliisaaf itti galtanu badii kolbaa biyya saniitiin battootteerti; hujii battittii isaaniitiin qacce'ee haga qacce'ee guutanteerti. 12 Tanaaf isin akka jabaattanuuf, waan dansaa biyyi sun baachu akka nyaattanuuf, biyya sanille ijoollee teessaniif, dhaala bara baraa gootanee akka dabarsitanuuf, durra teessan ilmaan isaaniititti hin heerumsiisina'a! Ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a! Ijjumaa nageya isaaniif hin kennina'a; akka isaanitti tolulle hin godhina'a› jettee ka ajajje lakkinneerra. 13 Sababa cubbu'uu fi Yakkaa teenna guddo'ootiif tun marti nu irratti teete; ati Waaqi keenna nu hamburtee akka jiraannu goote malee, akka yakkaa teennaatitti nu hin adanne. 14 Nuuti kolbaa waan hantuu hujju woliin fuudhaa fi heerumaan wolitti makannee deebinee ajaja keeti cassinaa ree? Yoo akkas goone haga nami baraaree dhabutti aartee nu hin balleessituu ree? 15 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ati balcha'a; nuuti adha jiru'uun hanneerra; kunoo, yakkaa teenna woliin si dura jirra; sababa yakkaa tanaatiif nu keessaa nami si dura dhaabbatuu dande'u tokkolle hin jiru» jedhe.