10
Kolbaan Cubbuu Faaci'atte
Izraan Galma Waaqaa duratti gad gombifamee, bowaa, daadimataa, cubbuulle faaci'atiisatti adoo jiruu, gumiin guddoon Israa'elootaa dhiirti, dubarti'ii fi ijoolleen adaala isaatitti wolitti qabamanee, laaleffatanee bowane. Achiin duuba sanyii Elaamii keessaa ilmi Yehii'elii Shekaaniyaan, Izra'aan, «Nuuti dubartii kolbaa gosa ormaa ta biyya teenna keessaa fuudhiisaan Waaqa keenna duratti addatamummaa dhanneerra; teetulle ammoo Israa'elootaaf ammalle addiin hin jirti. Maarre amma nuuti akka gorsa si goottaa kiyyaatii fi akka gorsa worra ajaja Waaqaa sodaatanuutitti dubartoota tana ijoollee isaanii mara woliin ifi biraa geegessiisaaf, Waaqa keenna duratti wolii galluu ti. Tun akkuma seeraatitti teetuu ti. Tun si harka jirti; nuutille si woliin jirra, ka'i; jabaadhuu huji!» jedhe. Maarre Izraan ka'ee waan jedhame akka hujanuuf sooreyyii hayyootaa, Lewwootaa fi kolbaa Israa'elootaa mara kakachiise. Isaanille kakatane. Achiin duuba Izraan Galma Waaqaa duraa ka'ee, gara kolloo Yehohaanaanii ilma Eliyaashiibii dhaqe. Inni yennaa achi jiru, sababa addatamummaa dhaba worra boojuu irraa deebi'eetiif gaddee, sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne.
Worri boojuu irraa deebi'e martinuu Yerusaalemitti akka wolitti qabamuuf, lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessatti lassiin baate. Nami guyyaa sad keessatti achitti hin dhaggamin hafe, murtee qondaaltotaa fi jaarsole'eetiin, waan ifii ta Mootii Waan Maraatiif akka teetu murteeffante mara dhabee, ifille'eef wolde'a worra boojuu irraa deebi'ee keessaa hin baafama. Guyyaa sadiin san keessatti namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti Yerusaalem keessatti wolitti qabamane; ji'a sagaleesso'oo, guyyaa diddameesso'ootitti namooti martinuu dhufanee badhinna Galma Waaqaa dura jiru keessa tee'ane. Sababa haajaa wolitti qabamaneetii fi sababa roobaatiif hollatane.
10 Achiin duuba Izraan hayyichi ka'ee isaaniin, «Isin hin addatanne; dubartii orma fuudhiisaan yakkaa Israa'elii irratti yakkaa edeetaneertan. 11 Amma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessaniititti cubbuu teessan faaci'adha'a; fedhii isaalle godha'a! Kolbaa adaala keessaniitii fi dubartoota orma fuutane irraa gargar baya'a» jedhe.
12 Kolbaan wolitti qabante sun marti qoonqoo ol qabattee, «Dubbiin tun dhuga'a! Waan ati jette mara hin goona. 13 Te'uu malee nuuti nama heddu'u; yennaalle yennaa bokkeyaa waan teeteef, ala dhaabbatiisa hin dandeennu; nuuti dubartii orma fuunee guddoo waan yakkineef, dubbiin tun guyyaa tokkotti yookiin guyyaa lamatti ta dhumattuu moti. 14 Tanaaf, sooreyyiin teenna gumii baate tana mara bakka buutee, dubbii tana ilaaltuu ti. Achiin duuba mufiin Waaqa keennaa jadduun ta marroo dubbii tanaatiif nutti dhutte tun haga nu irraa deebitutti, qachaa keenna keessatti worri dubartii orma fuudhe martinuu jaarsole'ee fi abbootii mura'aa ta qachaa qachaa ifii woliin guyyaa qabatanetti dhufanuu ti!» jedhane. 15 Te'uu malee Yonaataan ilma Asaaheliitii fi Yahaaziiyaa ilma Tiiqiwa'aa qofatti, Meshulaamii fi Shaabetaayiin Lewwichi yaada isaanii qarqaaranuun dubbii tana morme.
16 Maarre worri boojuu irraa deebi'ane akkuma yaada dhikaateetitti muummessane; kanaaf hayyichi Izraan akkuma maatii isaaniititti, itti gaafatamaa maati'ii filee maqaa maqa'aan barreesse; isaanille ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa qaraatitti tee'anee dubbii qorqoruu jalqabane. 17 Ji'a jalqabaa, guyyaa tokkeesso'oo waan namoota dubartoota orma fuudhanee qorqoranee fixane.
Namoota Dubartoota Orma Fuudhane
18 Sanyii hayyootaa keessaa dubartoota orma ka fuudhaneeranu asii gad jiran: sanyii Iyaasuu ilma Yozaadaaqiitii fi obboleeyyan isaa keessaa Ma'aseyaa, Elii'ezer, Yaariibii fi Gedaaliya'a. 19 Isaan martinuu dubartoota isaanii akka lakkisanuuf kakatanee wolii galane; sababa yakkaa isaaniitiif tokko tokkoon isaanii ciincaa sababa yakka'aatiif dhikaatu korbeessa hoole'ee tokko tokko dhikeessane. 20 Sanyii Iimerii keessaa, Haanaanii fi Zebaadiya'a. 21 Sanyii Haariimii keessaa, Ma'aseyaa, Eliyaa, Shemaayaa, Yehii'elii fi Uziya'a. 22 Sanyii Phashihurii keessaa, Eliyo'enaayi, Ma'aseyaa, Ishimaa'el, Nataani'el, Yozaabaadii fi Eli'aasa'a. 23 Lewwoota keessaa, Yozaabaad, Shime'ii, Qelaayaa ka «Qeliixaa» jedhamu, Phetaahiyaa, Yihuda'aa fi Elii'ezer. 24 Faarsitoota keessaa, Eliyaashiib. Eeddota karraa keessaa, Shaalum, Xelemii fi Uri'i. 25 Israa'eloota dhibii keessaa: Sanyii Faaroshii keessaa, Ramiiyaa, Yiziiyaa, Malkiiyaa, Miyaamin, Eli'aazaar, Malkiiya'aa fi Benaaya'a. 26 Sanyii Elaamii keessaa, Mataaniyaa, Zakaariyaas, Yehii'el, Abdi, Yeremootii fi Eliyaa. 27 Sanyii Zaatuu keessaa, Elyo'enaayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yeremoot, Zaabaadii fi Aziiza'a. 28 Sanyii Bebaayii keessaa, Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi. 29 Sanyii Baanii keessaa, Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaashub, Shi'eelii fi Yiremooti. 30 Sanyii Fa'aat-Mo'aabii keessaa, Adinaayi, Kilaal, Benaayaa, Ma'aseyaa, Mataaniiyaa, Bezaali'el, Biinuyii fi Minaase'e. 31 Sanyii Haariimii keessaa, Elii'ezer, Yishiiyaa, Malkiiyaa, Shemaayaa, Shimi'oon, 32 Beniyaamin, Maluukii fi Shemaariya'a. 33 Sanyii Hashumii keessaa, Matenayi, Mataataa, Zaabaad, Eliifelex, Yeremaay, Minaase'ee fi Shime'i. 34 Sanyii Baanii keessaa, Ma'aadaayi, Amraami, U'el, 35 Benaayaa, Bediyaa, Keluhuu, 36 Waanyaa, Meremoot, Eliyaashiib, 37 Mataaniiyaa, Matenayii fi Yaa'asaawu'u. 38 Sanyii Biinuyii keessaa, Shime'ii, 39 Shelemiiyaa, Naataan, Adaayaa, 40 Maknadebaay, Shaashaay, Shaaray, 41 Azaari'el, Shelemiiyaa, Shemaariyaa, 42 Shaalum, Amaariya'aa fi Yoseef. 43 Sanyii Neboo keessaa, Ye'ii'el, Matiitiyaa, Zaabaad, Zebiinaa, Yaadaay, Yo'elii fi Benaaya'a. 44 Namooti kun martinuu worra dubartoota orma fuudhane; isaan keessaa gariin dubartoota san irraa ijoollee uumataneeran.