Kitaaba Nahimiya'aa
Seensa
Kitaab Nahimiya'aa kutaa afuritti qoodamuu dande'a: (1) Nahimiyaan Yihudaa bulchiisaaf mootummaa Faaresiitiin addee ergameeruu, gara Yerusaalemii deebi'uu isaa. (2) Deebi'ee ijaaramiisa dalleya Yerusaalemii. (3) Dubbifama ulfaataa Seera Waaqaa ka Izraan dubbisee fi cubbuu faaci'atiisa kolba'aa. (4) Nahimiyaan mootii Yihuda'aa te'ee hujii dhibii inni huje.
Kitaaba kana keessatti wonni mudhatu beekkamaan tokko, Waaqatti irkatiisa guddaa Nahimiya'aatii fi daadimata gargar hin cinne ka inni daadimate.
Haadhoo Dubbi'ii
Nahimiyaan gara Yerusaalemii deebi'e1:1—2:20
Deebi'ee ijaaramiisa dalleya Yerusaalemii3:1—7:73
Seerri dubbifame; Gondooroolle haareffante8:1—10:39
Hujii dhibii Nahimiyaan huje11:1—13:31
1
Nahimiyaan Kolbaa Ifiitiif Daadimate
1 Jechooti Nahimiyaa ilma Kaalya'aa kana. Artashaastaan mootii Faaresii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, ji'a kiisluu jedhamu keessa, ani qachaa guddicha susaan jedhamu keessa adoo jiruu, 2 obboleeyyan tiyya keessaa tokkochi, Haanaan, jara takka woliin Yihudaa irraa dhufe; anille marroo Yihudoota worra adoo hin booji'amin achitti hafee lubbu'uun jiruu fi marroo Yerusaalemii isaan gaafadhe. 3 Isaan deebisanee, «Worri adoo hin booji'amin hafee adaala san keessa lubbu'uun jiru, rakkinna gudda'aa fi salphinna keessa jiran; dalleenni Yerusaalemii caccabee jigeera; balbalti isi'iille ibiddaan gubatteerti» jedhane.
4 Ani yennaa jecha kana dhage'e gad tee'ee bowe; guyyaa hedduu gaddee, Waaqa ol-gubba'aa duratti laamee daadimadhe. 5 Daadimata kiyya keessatti, «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa ol-gubba'aa! Ati gudda'a; sodaachisa'alle'e. Worra si jaalatuuf, worra ajaja keeti eegatuufille, gondooroo teetii fi jaalala keeti ka bara baraa ka eegattu, 6 daadimata ani garbichi keeti si duratti halkanii fi guyyaa tajaajiltoota teeti, kolbaa Israa'eliitiif amma daadimadhu, gurri keeti dhage'uu ti; ilti teetille dhaggituu ti. Cubbuu nuuti kolbaan Israa'elii hunye hin faaci'adha. Anii fi abbootiin tiyya yakkineerra. 7 Nuuti si duratti daba hunyeerra; ajaja keetii fi sirna, seerata ati tajaajilaa keeti Muusee ajajjelle hin eeganne. 8 Ati, ‹Isin yoo addatamuu dhaddane, ani worra Yihudoota hin te'in odduu isin bittinneessa; 9 isin ammoo yoo gara kiyya deebitanee fi ajaja kiyya eegattanee tolchitane, haga qaccee biyya lafaa bittinnoottanulle, ani achii wolitti isin qabee deebisee addee maqaan kiyya akka itti waamamuuf filadhetti isin fida› jecha jettee garbicha keeti Muusee ajajje qaabadhu. 10 Isaan tajaajiltoota teetii fi kolbaa teeti, ta ati harka keeti jaba'aa fi hunna teeti guddo'oon wodatte. 11 Ee Gootta'a, gurri keeti daadimata ana tajaajilaa keetiitii fi daadimata tajaajiltoota teeti worra maqaa keeti ulfeessiisatti gammaduu dhage'uu ti. Mootichi kun akka naa mararu godhiitii, adha tajaajilaa keeti milkeessi!» jedhe.
Yennaa san, ani nama mootichaaf daadhii dhikeessu.