2
Nahimiyaan Gara Yerusaalemii Dhaqe
1 Artashaastaan mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, ji'a «Niisaan» jedhamu keessa, yennaa daadhiin woyni'ii isaaf qophootte, ani daadhii woyni'ii fuudhee mootichaaf kenne. Ani duraan isa duratti gaddee hin beekuuyyu. 2 Maarre mootichi, «Ati adoo hin dhibamin, maaf gaddite? Kun gadda gadha'aa ti malee, waan dhibi'ii moti» naan jedhe.
Achiin duuba ani guddoo sodaadhee, 3 mootichaan, «Mooticha, bara baraan jiraadhu! Yennaa qachaan, addeen abbootiin tiyya itti awwaalamane diigamu, balbalti isaa duudiille ibiddaan gubattee baddu, ani maaf hin gaddine ree?» jedheen. 4 Achiin duuba mootichi, «Maan akka sii godhu barbaadda ree?» naan jedhe. Maarre ani Waaqa ol-gubba'aa daadimadhee, 5 mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachaa abbootiin tiyya itti awwaalamane san deebisee akka ijaaru, gara lafa Yihuda'aa akka na ergitu barbaada» jedheen.
6 Achiin duuba mootichi, «Haga guyyaa meeqaa ideenta? Yoom deebita?» naan jedhe; mootichi ana ergiisaaf waan gammadeef, anille guyyaa meeqa akka deemu itti hime. Yennaa san giittiille isa bira teetteerti. 7 Achiin duuba ani mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, haga Yihudaa gewutti nageyaan akka na dabarsanu, bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaatiif xalayaa naa barreessi; 8 karra dalleya Galma Waaqaatiif, balbala dalleya qacha'aatiif, mana ani keessa le'ulle'eef muka gugurdaa akka naa kennuuf, Asaafii gongomaa mootumma'aa eegulle'eef xalayaa barreessii ajaji» jedhe. Waaqi waan na woliin jiruuf, mootichi waan ani gaafadhe mara naa kenne.
9 Achiin duuba mootichi qondaaltota loltootaatii fi abbootii fardaa na woliin erge; anille gara worra bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaa dhaqee, xalayaa mootichaa itti kenne. 10 Namichi qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, nami tokko Israa'elootaaf waan dansaa hujiisaaf akka dhufe yennaa dhage'ane, akka malee aarane.
Nahimiyaan Deddeemee Dalleya Ilaale
11 Maarre ani Yerusaalem dhaqee, guyyaa sad achi ture. 12 Achiin duuba ani namoota diqqaa tokko woliin halkaniin ka'e; Yerusaalemiif akka ani hojjadhu waan Waaqi gadhaa kiyya keessa keye nama tokkolle'etti himee hin jiruuyyu. Geejjibi ani fudhadhee deeme geejjiba irra tee'e qofa. 13 Ani halkaniin karaa karra dhooqaa bayee madda jawwe'ee dabaree karra kosi'ii dhaqe; dalleya Yerusaalemii ka diigamee fi karra isi'ii ta ibiddaan gubattee badde ilaale. 14 Achiin duuba gara karra madda bisaaniitii fi baleessa mooti'ii dhaqe; ammoo geejjibi ani irra tee'eeru karaa dabaru dhabe. 15 Maarre ani halkaniin dalleya ilaalaa karaa dhooqaa ol baye. Achiin duuba duubatti deebi'ee, karra dhooqaa seenee deebi'ee gale. 16 Qondaallan eessa akka ani dhaqeeru yookiin maan akka ani hujiisatti jiru hin beenne; Yihudootatti, hayyootatti, worra gugurda'atti, qondaaltota, namoota dhibii worra hujii huju'uu jirulle'etti hin hinne.
17 Achiin duuba ani isaaniin, «Rakkinna nuuti keessa jirru isin hin dhaggitan; Yerusaalem jiddeerti; karri isi'iille gubatteerti; tanaaf haganaa achi akka hin salphanneef, kowa'a dalleya Yerusaalemii deebinnee ijaarra» jedhe. 18 Anille Waaqi attam akka na woliin jiraatee na qarqaaree fi jecha mootichi naan jedhelle isaanitti hime. Achiin duuba isaan, «Deebinnee ijaariisa jalqannuu ti!» jedhane. Maarre isaan hujii dansaa tana jalqabiisaaf qophowane. 19 Nami qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, Geshemiin arabichille waan nuuti karoorfanne yennaa dhage'ane ammoo, busheeshanee, nu qaanessanee, «Wonni isin hujiisatti jirtanu kun maan inni? Isin mooticha finqiliisaan mormiisatti jirtanii?» jedhane. 20 Achiin duuba ani deebisee, «Waaqi ol-gubba'aa nu hin milkeessa; nuuti tajaajiltooti isaa kaanee ijaariisa hin jalqanna; isin ammoo Yerusaalem keessaa qooda yookiin waan nu'uuf te'a jettanu yookiin haqa dabarsi'ii hin qaddanu» jedheen.