3
Ajajamiisa Dhabuu Namaa
Bineensa Mootiin Waan Maraa Waaqi dade mara keessaa bofi irra caalaa malte'e. Inni namitti'iin, «Dhuguma Waaqi, ‹Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a› isiniin jedheeraa?» jedhe.
Namittiin bofaan, «Nuuti mukoota addee oorru'uu tana keessa jiranu mara nyaatuu hin dandeenna; ammoo muka addee oorru'uu wodhakkaa jiru qofa, Waaqi, ‹Midhaan isaa hin nyaatina'a, hin tuqinaalle'e! Kana yoo gootane hin duutan› jedheera» jette.
Bofi deebisee, «Hin duutanu. Isin midhaan muka sanii yennaa nyaattane, ilti teessan akka banantu, hantu'uu fi dansaa beekiisaan akka Waaqaa akka teetanu, Waaqi waan beekuuf» jedheen.
Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate. Achiin duuba ilti lamaaniituu banantee, akka qullaa jiranulle beekane; tanaaf baala harru'uu wolitti hodhanee ifi gollatane.
Yennaa galgalootte namichii fi namittiin Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorru'uu keessa ideemuun qoonqoo isaa dhage'ane; isaan Mootii Waan Maraa Waaqa duraa mukoota addee oorru'uu san odduu dhokatane. Mootiin Waan Maraa Waaqi ammoo namicha waamee, «Eessa jirta?» jedheen.
10 Namichille, «Ani addee oorru'uu keessatti qoonqoo teete dhage'ee, qullaa waan jiruuf, sodaadhee dhokadhe» jedheen.
11 Waaqi, «Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje san nyaattee?» jedheen.
12 Namichille deebisee, «Namittii akka na woliin leetuuf ati naaf kennitettuu midhaan muka sanii naaf kenne; anille nyaadhe» jedhe.
13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, namitti'iin, «Wonni ati goote kun maan inni?» jedhe.
Namittiin, «Bofi na sobee jennaan nyaadhe» jette.
Muraa Waaqi Kenne
14 Mootiin Waan Maraa Waaqi bofaan,
«Kana waan gooteef,
ati horii maraa fi
bineensota mara keessaa ka abaarante hin teeta.
Gadhaa keetiin lafa irra hin loota;
bara jiruu teetii mara biyyee hin nyaatta.
15 Ani si'ii fi namittii tana oddu'utti,
sanyii isi'iitii fi sanyii teeti oddu'utti
diinummaa hin buusa.
Sanyiin isi'ii sun mataa keeti hin butucha;
atille jimuu isaa hin iddita» jedhe.
16 Namittiille'een,
«Yennaa ulfoottutti gaargala sitti hin fakkansa;
ciniinsu'uun ijoollee hin deetta.
Tanuma keessa fedhii dhirsa keetii hin qabaatta;
inni si irratti bulchaa hin te'a» jedhe.
17 Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef,
«Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti;
atille bara jiruu teetii mara
eloo guddo'oon irraa hin nyaatta.
18 Latti qore'ee fi qumi'uuduu si'iif hin baachi;
atille biqiltuu badda'aa nyaatta.
19 Ati biyye'e, deebitee biyyee hin teeta.
Biyyee irraa waan dadanteef,
gara isi'ii haga deebitutti,
danfitee eloottee sagalee teeti hin nyaatta» jedhe.
20 Namichi niitiin isaa haadha worra jiraata'aa waan teeteef, maqaa isi'ii «Heewwan*Heewwan: Afaan Ibrootaatiin Jiraattuu jechu'u.» jedhee baase; 21 Mootiin Waan Maraa Waaqi Addaamii fi niitii isaatiif gogaa irraa woyaa hujee itti uffise.
22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Kunoo, nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera. Ammalle harka ifiitiin hiixatee midhaan muka jiru'uu fuudhee nyaatiisaan, haga bara baraa le'uu hin qabu!» jedhe. 23 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorruu Edenii keessaa isa baasee, lafa irraa dadame akka qotu godhe. 24 Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye.

*3:20 Heewwan: Afaan Ibrootaatiin Jiraattuu jechu'u.