4
Qaayinii Fi Abeel
1 Namichi niitii ifii Heewwan bira geye; isiin ulfoottee ilma deette; «Ani qarqaarsa Waaqaatiin ilma tokko dhaggadheera» jettee maqaa isaa, «Qaayin*Qaayin: Afaan Ibrootaatiin dhaggadhe jechu'u.» baache. 2 Ammalle obboleessa isaa «Abeel†Abeel: Afaan Ibrootaatiin ka bu'aa hin qanne jechu'u.» deette. Abeel tissee hoole'ee te'ee, Qaayin ammoo qottuu lafaa te'e. 3 Gaafa tokko Qaayin midhaan lafaa irraa Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeesse; 4 Abeelille buruusota qara dhalatane keessaa qalee, cooma isaanii ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse; Mootiin Waan Maraa Abeelii fi kennansa isaatitti gammade. 5 Qaayinii fi kennansa isaatitti ammoo hin gammanne. Maarre Qaayin aaree bobe'ee, mataa buuse. 6 Yennaa san Mootiin Waan Maraa Qaayiniin, «Maaf aartee bobeette? Maaf mataa buutte? 7 Waan dansaa adoo hujjee jiraattee, fudhatama dhaggattaayyuu motii? Waan dansaa yoo hin hujin ammoo, cubbuun balbala teeti duratti dhokatteerti; ati ammoo isii injifatuu qadda!» jedhe.
8 Achiin duuba Qaayin obboleessa ifii Abeeliin, «Koy, gara diidaa baanaa» jedhe. Yennaa gara diidaa bayane, Qaayin obboleessa ifii Abeel irratti ka'ee ijjeese. 9 Yennaa san Mootiin Waan Maraa, «Obboleessi keeti Abeel eessa jira?» jedhee Qaayin gaafate; inni deebisee, «Ani hin beeku, obboleessa kiyya ka eegu anaa?» jedhe.
10 Mootiin Waan Maraalle Qaayiniin, «Wonni ati goote kun maan? Dhiigi obboleessa keetii lafa irraa gara kiyya iyyata. 11 Lafa dhiiga obboleessa keetii uniisaaf afaan bante irratti, amma ati abaarantee hin ari'anta. 12 Yennaa lafa qottu, latti midhaan sii hin baachu; biyya lafaa irra baqataa daaqaleessa hin teeta» jedhe.
13 Qaayin deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Adabami kiyya ka ani ba'atuu dande'u caala. 14 Kunoo, ati adha lafa qotii irraa na ariiteerta; fuula keeti duraa dhokatuu qaba. Ani biyya lafaa irra baqataa daaqaleessa hin te'a; nami na dhagge martinuu na hin ijjeesa» jedhe.
15 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Akkasii moti. Nami tokko yoo si ijjeese, ani dachaa torba haluu isa hin baya» jedheen. Tanaaf Mootiin Waan Maraa nami Qaayin dhagge akka hin ijjeenneef, beessisa itti godhe. 16 Achiin duuba Qaayin Mootii Waan Maraa duraa bayee, addee oorruu Edeniitiin gara aduun baatu lafa, «Daaqiisa» jedhantu le'e.
Sanyii Qaayinii
17 Qaayin niitii ifii bira geye; isiin ulfoottee ilma deette; maqaan isaalle, «Henok» jedhame; Qaayin qachaa tokko ijaaree, «Henok» jedhee maqaa ilma ifii itti baase. 18 Henok, Iraad uumate; Iraad, Mahuyaa'el uumate; Mahuyaa'el, Maatushaa'el uumate; Maatushaa'elille, Laamek uumate. 19 Laamek dubartoota lama fuudhe; maqaan takkatti'ii Aada'a, maqaan taanii Xiila'a. 20 Aadaan, Yaabaal deette; inni abbaa sanyii worra dunkaana keessa le'anee horii horsiisanee ti. 21 Maqaan obboleessa isaalle Yubaal; inni abbaa sanyii worra kiraara dhowaneetii fi suusullee afuufanee ti. 22 Xiilaan, Tubaal-Qaayin deette. Inni sibiilaa fi sageettuu irraa meya adda addaa mara huje‡Inni sibiilaa fi sageettuu irraa meya adda addaa huje: Hiikkaan durii tokko, «Abbaa worra sibiila tumu maraa ti» jedha.. Obboleettiin Tubaal-Qaayinii, Naa'ima'a.
23 Laamek niitota ifiitiin,
«Ee Aada'a, ee Xiila'a! Na dhage'a'a;
niitota Laamekii, waan ani jedhu dhage'a'a.
Nami yoo na madeesse,
dargaggeessi yoo na dirmammeesse ani hin ijjeesa.
24 Ka Qaayin ijjeesu dachaa torba haluu ka bayanu yoo te'e,
ka na ijjeesu dachaa torbaatamii torba haluu bayan» jedhe.
Sheetii Fi Enoshi
25 Addaam ammalle niitii ifii bira geye; isiille ilma deettee, «Nama Qaayin ijjeese, addee Abeelii Waaqi ilma naa kenne» jettee maqaa isaa, «Sheeti§Sheeti: Afaan Ibrootaatiin kenne jechu'u. » jettee baatte. 26 Sheetille ilma uumate; innille maqaa isaa, «Enoshi» jedhee baase; namooti bara san maqaa Mootii Waan Maraa waammatiisa jalqabane.