5
Sanyii Addaamii
Tun dabarsii sanyii Addaamii ti. Waaqi yennaa ilmaan namaa dade, akka fakkeenna ifiititti isaan dade. Dhiiraa fi dubartii dadee, eebbisee, «Nama» jedhee maqaa baase. Addaam woggaa dhibbaa fi soddoma yennaa geye, ilma isa fakkaatu, ka bifa isaa qabu uumate; maqaa isaalle, «Sheeti» jedhee baase. Sheeti dhalateen duuba, Addaam woggaa dhibba saddeeti le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. Addaam wolumatti woggaa dhibba sagalii fi soddoma le'ee, achiin duuba du'e.
Sheeti dhalatee woggaa dhibbaa fi shanitti Enoshi uumate. Enoshi dhalateen duuba, Sheeti woggaa dhibba saddeetii fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate. Sheeti wolumatti woggaa dhibba sagalii fi kudhanii lama le'ee, achiin duuba du'e.
Enoshi dhalatee woggaa sagaltamatti Qayinaan uumate. 10 Qayinaan dhalateen duuba, Enoshi woggaa dhibba saddeetii fi kudhanii shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 11 Enoshi wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shan le'ee, achiin duuba du'e.
12 Qayinaan dhalatee woggaa torbaatamatti Mahalalel uumate. 13 Mahalalel dhalateen duuba, Qayinaan woggaa dhibba saddeetii fi afurtama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 14 Qayinaan wolumatti woggaa dhibba sagalii fi kudhan le'ee, achiin duuba du'e.
15 Mahalalel dhalatee woggaa jaatamii shanitti Yaared uumate. 16 Yaared dhalateen duuba, Mahalalel woggaa dhibba saddeetii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 17 Mahalalel wolumatti woggaa dhibba saddeetii fi sagaltamii shan le'ee, achiin duuba du'e.
18 Yaared dhalatee woggaa dhibba tokkoo fi jaatamii lamatti Henok uumate. 19 Henok dhalateen duuba, Yaared woggaa dhibba saddeeti le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 20 Yaared wolumatti woggaa dhibba sagalii fi jaatamii lama le'ee, achiin duuba du'e.
21 Henok dhalatee woggaa jaatamii shanitti Matusaalaa uumate. 22 Matusaalaan dhalateen duuba, Henok woggaa dhibba sad Waaqa woliin le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 23 Henok wolumatti woggaa dhibba sadii fi jaatamii shan le'e. 24 Henok bara jiruu ifii mara Waaqa woliin le'e; Waaqi waan isa fudhateef, inni achiin duuba hin dhagganne.
25 Matusaalaan dhalatee Woggaa dhibbaa fi saddeettamii torbatti Laamek uumate. 26 Laamek dhalateen duuba, Matusaalaan woggaa dhibba torbaa fi saddeettamii lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 27 Matusaalaan wolumatti woggaa dhibba sagalii fi jaatamii sagal le'ee, achii duuba du'e.
28 Laamek dhalatee woggaa dhibbaa fi saddeettamii lamatti ilma uumate; 29 Laamek, «Hujii nuuti lafa Waaqi abaare tana irratti hunyu, ta nuuti itti eloonnu irraa nu hin foorfachiisa» jedhee maqaa isaa, «Nohi*Nohi: Afaan Ibrootaatiin Foora jechu'u.» baase; 30 Nohi dhalateen duuba, Laamek woggaa dhibba shanii fi sagaltamii shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate. 31 Laamek wolumatti woggaa dhibba torbaa fi torbaatamii torba le'ee, achiin duuba du'e.
32 Nohi dhalatee woggaa dhibba shaniin duuba Seem, Kaamii fi Yaafet uumate.

*5:29 Nohi: Afaan Ibrootaatiin Foora jechu'u.