10
Sanyii Ilmaan Nohii
(1 Dab. 1:5-23)
Ilmaan Nohii, Seem, Kaamii fi Yaafet; bisaan badi'iitiin duuba, isaan sadiin kun ijoollee uumatane; hiddi dhaloota sanyii isaanii kanatti aanee laakkowama.
Sanyii Yaafetii
Ilmaan Yaafetii: Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas. Ilmaan Gomerii: Ashikenaas, Riifaatii fi Togaarma'a. Ilmaan Yaawaanii: Eliishaa, Tarshiish*Tarshiish: Bara ammaa Isiphaniyaa jedhama., KitiimiiKitiim: Bara ammaa Qophiroos jedhama. fi Rodaaniim. Worri lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa keessa le'u, sanyii Yaafetii tana irraa dhufane. Isaan akka biyya biyya isaaniititti, akka afaan afaan isaaniititti, akka gosa gosa isaaniititti qoqoodamee worra le'u.
Sanyii Kaamii
Ilmaan Kaamii: Kuushi, MisraayiimiiMisraayiim: Yennaa ammaa Gibxi jedhama., Fuxii§Fuxi: Yennaa ammaa Liibiyaa jedhama. fi Kana'aan. Sanyiin Kuushii: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'ima'aa fi Sabtekaas. Ilmaan Ra'ima'aa: Sheeba'aa fi Dedaan. Kuushi Naamrud uumate; Naamrud lafa irratti nama qaraa jabaa lolaan injifataa te'e. Inni qarqaarsa Mootii Waan Maraatiin adamsaa jaba'a; tanaaf, namooti, «Mootiin Waan Maraa akka Naamrudii adamsaa jabaa si godhu» jedhan. 10 Inni jalqaba qachoota biyya Shiinaarii ka «Baabilon» jedhamee beekkamu keessaa Baabel, Erek, Akaadii fi Kaalne irratti mootii te'e. 11 Achi irraa gara biyya Asoorii dhaqee qachoota Nanawwe'ee, Rohobot-Irii fi Kalaa ijaare. 12 Akkuma Nanawwe'ee fi Kalaa wodhakka'atti qachaa guddicha Resen ijaare.
13 Sanyiin Misraayiimii: Ludiin, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim, 14 Fatrusiim, Kasluhiim ka worri Filisxeemotaa irraa dhaggamee fi Kaftoriim uumate.
15 Kana'aan ilma ifii angaficha Sidoonii fi ka itti aanu Heeti uumate. 16 Inni ammalle abbaa Yibusootaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, 17 Hiiwotaa, Arqotaa, Siinotaa, 18 Arwaadotaa, Simaarotaa, kamaatotaatiiyyu; duuba irra maatiin Kana'aanii, 19 haga meessaa Kana'aanii ka Sidoon irraa gara fuullee Gergariitii haga Gaaza'aatitti, gara fuullee Sodoomii, Gomora'aa, Adima'aatii fi Zebo'iimiitiin haga Laasha'aa faffacaate. 20 Sanyiin Kaamii ka maatii maati'iin, afaan afaaniin, lafa lafaan, gosa gosaan qoqoodamane isaan kana.
Sanyii Seemii
21 Obboleessi angafichi Yaafetii, Seemille, ilmaan uumate; ilmaan Ebeerii marti sanyii isaa ti. 22 Ilmaan Seemii: Ilaam, Ashuur, Arfaaksaad, Ludii fi Aaram. 23 Ilmaan Aaramii: Uz, Hul, Geterii fi Maash. 24 Arfaaksaad, Shalaa uumate; Shalaan, Ebeer uumate; 25 Ebeer ilmaan lama uumate; bara tokkochi dhalate latti waan qoqoodanteef, maqaan isaa, «Feleg*Feleg: Afaan Ibrootaatiin Qoqoodamuu jechu'u.» jedhame; maqaan obboleessa isaa Yoqxaan. 26 Ilmaan Yoqxaan uumate: Almodaad, Sheleef, Hasarmaaweti, Yaaraa, 27 Hadoraam, Uzaal, Diqilaa, 28 Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa, 29 Ofiir, Hawiila'aa fi Yobaab; worri kun martinuu ilmaan Yoqxaanii ti. 30 Latti isaan keessa le'ane, biyya koobittii gara aduun baatuu Meshaa irraa ka'ee haga Sefariititti badhatti. 31 Sanyiin Seemii ka maatii maati'iin, afaan afaaniin, lafa lafaan, gosa gosaan qoqoodamane isaan kana.
32 Maatiin ilmaan Nohii, akka dhaloota isaaniitiin, gosa gosa isaaniitiin ka qoqoodamane isaan kana; bisaan badi'iitiin duuba, gosi biyya adda addaa ta lafa irratti faffacaate marti, sanyii ilmaan Nohii irraa dhaggante.

*10:4 Tarshiish: Bara ammaa Isiphaniyaa jedhama.

10:4 Kitiim: Bara ammaa Qophiroos jedhama.

10:6 Misraayiim: Yennaa ammaa Gibxi jedhama.

§10:6 Fuxi: Yennaa ammaa Liibiyaa jedhama.

*10:25 Feleg: Afaan Ibrootaatiin Qoqoodamuu jechu'u.