11
Xelleephoo Baabilonii
Bara san kolbaan biyya lafaa duudiin afaan tokkocha dubbatti. Isaan gara aduun baatu irraa yennaa godaanane, dirree takka lafa Shiinaariititti*Shiinaar: Biyya Baabilon ti. dhaqanee achitti qubatane. Isaan, «Kowa'a, faara loonnee, akka jabaatu gunnaa» woliin jedhane; addee dhaka'aa faara looba'aa, addee siminto'oo leyyaa biyyee keessaa dhaggamutti fayyadamane. Achiin duuba isaan, «Kowa'a, qachaa qacceen xelleephoo isaa ol-gubbaa gewu ijaarrannee, lafa duudii irratti akka hin bittinnoonneef, worra gurraa teena!» jedhane.
Mootiin Waan Maraa qacha'aa fi xelleephoo ilmaan namaa ijaarane san ilaaliisaaf gad bu'e. Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka'a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju'uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu. Kowa'a, gad buunee, akka isaan wolii hin galle,Akka isaan wolii hin galle: Tokko dubbii kaanii akka hin dhageenn. afaan isaanii wol keessa akka makamuMakamu: Marqam. goona» jedhe. Maarre Mootiin Waan Maraa lafa duudii irra isaan bittinneessee, qachaalle ijaariisa lakkisane. Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel»§Baabel: Afaan Ibrootaatiin Makamaa jechu'u. jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse.
Sanyii Seemii
10 Sanyiin Seemii isaan kana: Bisaan badi'iitiin duuba woggaa lama turee, Seem dhalatee woggaa dhibbatti, ilma ifii Arfaaksaad uumate. 11 Arfaaksaad uumateen duuba, Seem woggaa dhibba shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
12 Arfaaksaad dhalatee woggaa soddomii shanitti, Shalaa uumate; 13 Shalaan dhalateen duuba, Arfaaksaad woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
14 Shalaan dhalatee woggaa soddomatti, Ebeer uumate; 15 Ebeer dhalateen duuba, Shalaan woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
16 Ebeer dhalatee woggaa soddomii afuritti, Feleg uumate; 17 Feleg dhalateen duuba, Ebeer woggaa dhibba afurii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
18 Feleg dhalatee woggaa soddomatti, Re'uu uumate; 19 Re'uun dhalateen duuba, Feleg woggaa dhibba lamaa fi sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
20 Re'uun dhalatee woggaa soddomii lamatti, Seruug uumate; 21 Seruug dhalateen duuba, Re'uun woggaa dhibba lamaa fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
22 Seruug dhalatee woggaa soddomatti, Naahor uumate; 23 Naahor dhalateen duuba, Seruug woggaa dhibba lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
24 Naahor dhalatee woggaa diddamii sagalitti, Taaraa uumate; 25 Taaraan dhalateen duuba, Naahor woggaa dhibba tokkoo fi kudhanii sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
26 Taaraan dhalatee woggaa torbaatamatti, Abraam, Naahorii fi Kaaraan uumate.
Sanyii Taara'aa
27 Sanyiin Taara'aa isaan kana: Taaraan abbaa Abraamii, Naahoriitii fi Kaaraanii ti; Kaaraan abbaa Looxii ti. 28 Kaaraan abbaan isaa Taaraan adoo jiruu addee itti dhalatetti, lafa Kaldootaa, Ur keessatti du'e. 29 Abraamii fi Naahor niitii fuudhane; maqaan niitii Abraamii Saaraayi; maqaan niitii Naahoriille Miilka'a. Isiin intala Kaaraanii ti; Kaaraan Miilka'aa fi Yiiska'aafille abba'a. 30 Saaraan maseena; isiin ijoollee hin qaddu.
31 Taaraan ilma ifii Abraam, akaakoo ifii Looxii ilma Kaaraanii, Saaraayii niitii ilmaa ifii Abraamii, fudhatee isaan woliin, biyya Kaldootaa Ur irraa ka'anee gara lafa Kana'aanii dhaqanee achi qubatane. 32 Taaraan woggaa dhibba lamaa fi shan le'ee, achiin duuba Kaaraan keessatti du'e.

*11:2 Shiinaar: Biyya Baabilon ti.

11:7 Akka isaan wolii hin galle: Tokko dubbii kaanii akka hin dhageenn.

11:7 Makamu: Marqam.

§11:9 Baabel: Afaan Ibrootaatiin Makamaa jechu'u.