13
Abraamii fi Loox Gargar Bayane
Abraam niitii ifiitii fi waan qabu mara fudhatee, gara biyya kibba Kana'aanii*Kibba Kana'aanii: Yaadannoo Dad. 12:9 irratti kenname ilaali. deeme; Looxille isa woliin deeme. Abraam hori'iin, meeti'ii fi worqi'iin guddoo dureessa. Inni kibba Kana'aaniitii ka'ee, asii fi achi goggodaanee, haga Bet'elii deemee, Bet'elii fi Aayi odduu lafa dur dunkaana ifii itti dhaabbateeru takka geye. Dur inni addee tanatti addee ciincaa itti ciincessanu ijaareeraayyu; inni achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate.
Looxiin Abraam woliin deemelle hori'ii fi maatii, akkasuma tajaajiltoota ifii qabaayyu. Abraamii fi Loox horii guddaa waan qabanuuf, woliin turiisaaf lafa marraa isaan lamaaniifuu geettu dhabanee, tissitoota horii Abraamiitii fi tissitoota horii Looxii oddu'utti lolli ka'e; yennaa san Kana'aanotii fi Pheeriisoti lafa san keessa le'aniiyyu.
Achiin duuba Abraam, Looxiin, «Nuuti obboleeyyan waan teeneef, si'ii fi ana oddu'utti, tissitoota horii keetiitii fi tissitoota horii kiyyaa oddu'utti lolli ka'uu hin malle. Kunoo, latti duudiin si dura jirtii motii? Gargar baanuu ti! Ati yoo gara bita'aa fudhatte, ani gara middaa deema; yookiin ati yoo gara middaa fudhatte, ani gara bita'aa deema» jedhe.
10 Loox adaala ilaalee, dhooqi Yordaanosii haga qachaa Zo'aariititti akka oorruu Mootiin Waan Maraa Edenitti godhee, akka lafa Gibxi'iille bisaan akka qaddu dhagge; tun Mootiin Waan Maraa qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa balleessiisaan dura. 11 Maarre Loox dhooqa Yordaanosii mara filatee, gara baya adu'uu godaane. Akka kanaan isaan lamaan gargar bayane. 12 Abraam lafa Kana'aanii keessa le'ee, Loox ammoo qachoota dhooqa Yordaanosii odduu le'e; dunkaana ifiille Yordaanos biratti dhaabbate. 13 Bara san kolbaan Sodoomii hamoolee, worra cubbuu guddo'oon Mootii Waan Maraa yakkeeru.
Abraam Gara Kebroonii Godaane
14 Loox isa irraa gargar bayeen duuba, Mootiin Waan Maraa Abraamiin, «Ol jedhiitii, lafa amma jirtu tana, kaabaa fi kibba, gara aduun baatuu fi seentu ilaali; 15 Lafa ati dhaggitu tana duudii si'ii fi sanyii teetiif hin kenna; isiille haga bara baraa teessan hin teeti. 16 Ani sanyii teeti akka maansa lafaa hin godha; nami maansa lafaa laakkowuu yoo dande'e, sanyiin teetille laakkowamuu hin dandeetti. 17 Ani isii waan sii kennuuf, ka'iitii, dheerinna fi badhinna lafaa keessa deemi» jedhe. 18 Maarre Abraam dunkaana ifii buqqifatee, qilxaa Mamre'ee ka Hebroonitti dhiko'oo bira dhufee qubate. Achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare.

*13:1 Kibba Kana'aanii: Yaadannoo Dad. 12:9 irratti kenname ilaali.