14
Abraam, Loox Boojuu Jalaa Baase
1 Bara san mootiin biyya Shiinaarii*Shiinaar: Biyya Baabilonii ti. Amraafel, mootiin biyya Elaasaarii Aryook, mootiin biyya Elaamii Kador-Laa'omer, mootiin gosa biyya adda addaa Tidaal mootummaa irra jiraniiyyu. 2 Mootoleen tun mootii Sodoomii Beeraa, mootii Gomora'aa Birishaa, mootii Aadima'aa Shanaab, mootii Zebo'iimii Shemeber, mootii qachaa Bela'aa, ka amma qachaa «Zo'aar» jedhamu loliisaaf dhaqane. 3 Worri loliisaaf yaa'e kun dhooqa siidiimii ta amma «Abbaayaa sooddaa» jedhantu keessatti wolitti gurmaaye. 4 Mootoleen tun woggaa kudhanii lamaaf, mooticha Kador-Laa'omeriif tajaajilanee, woggaa kudhanii sadeesso'ootitti ammoo finqilaan itti ka'ane. 5 Woggaa kudhanii arfeesso'ootitti Kador-Laa'omerii fi mootoleen isa woliin gurmaayane loltoota ifii woliin dhufanee, worra Refaa'iimii addee «Ashitaarot-Karnaayim» jedhantutti, worra Zuziimii addee «Ham» jedhantutti, worra Emiimii addee «Dirree Kiriiyataayim» jedhantutti, 6 worra Hooriille gaara Se'iirii†Gaara Se'iirii: Gaarri kun gaara Edoomiille hin jedhama. irraa haga El-Phaaranii irga goomole'eetitti injifatane. 7 Achiin duuba isaan deebi'anee gara En-Miisphaatii ta «Qaadeshi» jedhantuu dhufanee, lafa Amaaleqootaa duudii qabatanee, Amoorota worra Haazezon-Taamaar keessa le'anulle injifatane.
8 Achiin duuba mootiin Sodoomii, mootiin gomora'aa, mootiin Aadima'aa, mootiin Zebo'iimii, mootiin Bela'aa ka «Zo'aar» jedhamu, bayanee dhooqa Siidiimii keessatti isaan lolane. 9 Isaan mootii biyya Elaamii Kador-Laa'omer woliin, mootii gosa biyya adda addaa woliin, mootii biyya Shiinaarii Amraafel woliin, mootii biyya Elaasaarii Aryook woliin wol lolane; akka kanaan moototi shanan mootota arfan woliin wol lolane. 10 Dhooqi Siidiimii boolla leyyaa lafa keessaa dhaggamuun guutanteertiiyyu; mootiin Sodoomiitii fi Gomora'aa adoo baqatanuu boolla bu'ane; worri hafe ammoo gara gaaraa baqate. 11 Moototi arfan sun worra Sodoomiitii fi Gomora'aa irraa waan isaan qabanu mara, sagalee isaaniille fudhatanee deemane. 12 Ilmi obboleessa Abraamii Loox, Sodoom keessa le'aa waan tureef, isaan waan inni qabu maraa fi isa booji'anee deemane.
13 Namichi miliqee bayeeru tokko ammoo, gara Abraamii Ibraawichaa dhufee waan te'e mara itti hime; yennaa san Abraam qilxoota Mamree Amoorichaa bira le'aayyu; Mamreen obboleessa Eshikoliitii fi Anerii ti. Isaan kun yennaa lolaa Abraam qarqaariisaaf wolii galtee godhataneeran. 14 Abraam booji'amiisa ilma obboleessa ifii yennaa dhage'e, namoota dhibba sadii fi kudhanii saddeeti worra mana isaatitti dhalatanee lolaaf leenji'ane waamee, worra booji'e san haga Daaniititti hordofe. 15 Inni halkaniin akka lolanuuf namoota ifii gargar qoqoodee, diinota ifii lolee injifatee, haga Hobaa Damaasqoo irraa gara kaabaa jirtuu ari'ane. 16 Waan isaan booji'aneeranu mara, ilma obboleessa ifii Loox, waan inni qabu woliin, dubartootaa fi worra booji'ameeru dhibiille deebisee fide.
Malkiisedeq Abraam Eebbise
17 Abraam Kador-Laa'omerii fi mootota isa woliin jiranu injifatee adoo deebi'iisatti jiruu, mootiin Sodoomii dhooqa Shawwee ta «Dhooqa mooti'ii» jedhantutti isa qophatiisaaf baye. 18 Mootichi Saalemii Malkiisedeq, hayyicha Waaqa Ol Aana'aa, daabbo'oo fi daadhii woyni'ii Abraamiif fidee, 19 isa eebbisee,
«Waaqi Ol Aanaan,
ka ol-gubba'aa fi lafa dade,
Abraam eebbisuu ti;
20 Waaqi Ol Aanaan,
ka diinota keeti harka keetitti kenne,
leellifamuu ti!» jedhe.
Abraamille waan booju'uun dhaggate mara irraa kudhan keessa tokko Malkiisedeqiif kenne.
21 Mootichi Sodoomii, Abraamiin, «Waan dhibii mara fudhadhuu, namoota kiyya naa deebis» jedhe.
22 Abraam deebisee, «Mootii Waan Maraa Waaqa Ol Aanaa, ka ol-gubba'aa fi lafa dade duratti hin kakadha; 23 akka ati, ‹Anatti Abraam duroonse› hin jenneef, waan keeti keessaa liilana tokko yookiin waan kophe'een hidhatanulle hin fudhadhu. 24 Waan namooti kiyya nyaatane malee, ani womaa hin fudhadhu, worri na woliin dhaqe Aner, Eshikolii fi Mamreen qooda ifii fudhatanuu ti» jedhe.