15
Gondooroo Waaqi Abraam Woliin Gondoore
Wonni kun teeteen duuba, jechi Mootiin Waan Maraa mudhi'iin gara Abraamii dhufee, «Abraam, hin sodaatin, ani wontee teeti; ani gatii guddoo si'iif hin kenna» jedhe.
Abraam ammoo, «Ee, Goottaa, Mootii waan maraa, adoo ani uumaa dhabeeruu, gatiin naaf kennitu maan naa gooti? Nami na dhaalu Elii'ezaar nama Damaasqo'oo ti» jedhe. Abraam ammalle, «Kunoo, ati uumaa naaf waan hin kenniniif, garbicha mana kiyya keessatti dhalate tokkotti na dhaalaara» jedhe.
Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, «Inni si hin dhaalu, ilma ati ifii uumattutti si dhaala» jedheen. Mootiin Waan Maraa alatti isa baasee, «Gara gubba'aa ol ilaaliitii, yoo laakkowuu dandeette, urjoota laakkowi» jedhe. Achiin duuba, inni Abraamiin, «Maarre sanyiin teetille akkasuma hin teeti» jedheen.
Abraam Mootii Waan Maraatitti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle akka balchumma'aatitti isaaf laakkowante.
Achiin duuba inni, Abraamiin, «Ani Mootiin Waan Maraa biyya tana akka ati dhaaltuuf, Ur lafa kaldootaa keessaa si baase» jedhe.
Abraam ammoo, «Ee, Goottaa, Mootii Waan Maraa, akka dhaalu attamiin beeka?» jedheen.
Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Goronsa woggaa sadii, re'ee dhaltuu woggaa sadii, korbeessa hoole'ee ka woggaa sadii, saphaliisaa fi maddoo naa fidi» jedhe. 10 Abraam isaan kana mara gara isaa fidee, addee lama lamatti kukkutee, ka kukkutamane san gama tokko gama kaaniin wolitti fuula galchee keye; sinbirroota ammoo hin kukkunne. 11 Yennaa allaattiin reeffa nyaatiisaaf dhutte, Abraam irraa ari'e.
12 Adoo aduun seeniisatti jirtuu, hirriibi hamaan Abraamitti bu'ee, soda'aa fi dukkanti dimmi isatti dhutte. 13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Sanyiin teeti biyya ormaa keessatti alagaa te'iisaaf, achille'etti garboota te'iisaaf, woggaa dhibba afur akka cunqurfamu'uuf jiranu beeki! 14 Ani ammoo gosa biyya isaan garboonfattu san hin adaba; isaan karra guddoo fudhatanee achii hin bayan. 15 Ati ifiif, dulloontee bara dheeraa leetee, nageyaan duutee, hin awwaalanta. 16 Yennaan worri Amoorotaa adabamanu haga ammaa waan hin geyiniif, sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti deebi'anee hin dhufanu» jedhe.
17 Yennaa aduun seentee dukkanootte, okkoteen ibiddaa ta aartuu fi umeessaan bobe'u foon gargar kukkutame wodhakkaa dabare. 18 Gaafas Mootiin Waan Maraa Abraam woliin gondooroo gondoorate, «Ani lafa tana laga Gibxi'iitii jalqabee haga laga guddicha Efraaxiisiititti sanyii teetiif hin kenna. 19 Latti tun lafa Qenootaa, lafa Qeniizotaa, lafa Qadimonootaa, 20 Heetotaa, Pheriizotaa, Refaa'otaa, 21 Amoorotaa, Kana'aanotaa, Girgaashotaatii fi Yibusootaa ti» jedhe.