25
Abrahaam Niitii Dhibii Fuudhe
(1 Dab. 1:32-33)
1 Abrahaam niitii dhibii ta, «Qexuuraa» jedhantu fuudhe. 2 Isiin Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishibaakii fi Shuwaa isaaf deette. 3 Yokshaan Sheeba'aa fi Dedaan uumate; sanyii Dedaanii Ashuriim, Letushiimii fi Le'umiim. 4 Ilmaan Miidiyaanii Efaa, Efer, Henok, Abiidaa fi Elda'a. Isaan kun martinuu ilmaan Qexuura'aa ti.
5 Abrahaam waan qabu mara Yisihaqiif kenne. 6 Ammoo adoo jiruu, ilmaan dubartooti dhibiin isaa deetteef kennansa kenneefii, gara lafa baya adu'uu Yisihaq irraa akka isaan fagaatanu godhe.
Du'a Abrahaamii
7 Barri Abrahaam le'e woggaa dhibbaa fi torbaatamii shan. 8 Abrahaam guddoo dulloomee, baralle quufee, gara worra isaa ka addee dhuga'aa jiruu gale. 9 Ilmaan isaa Yisihaqii fi Ishimaa'el goda Makfela'aa fichaa Efronii ilma Zohaarii Heetichaa, ka Mamree irraa gara aduun baatuu san keessatti isa awwaalane. 10 Abrahaam fichaa san worra Heetotaa irraa bitate; inni niitii ifii Saaraa biratti achitti awwaalame. 11 Abrahaam du'een duuba Waaqi ilma isaa Yisihaq eebbise. Yisihaqille «Be'er-Lahaayi-Ro'i»*Be-er-Lahaayi-Ro'i: Afaan Ibrootaatiin Baleessa Waaqa jiraataa na dhagguu jechu'u. addee jedhantu baleessa bisaanii bira le'e.
Sanyii Ishimaa'elii
12 Hiddi dhaloota sanyii Ishimaa'elii, ta Aggaariin nama biyya Gibxi'ii, tajaajiltuun Saara'aa, Abrahaamiif deette, 13 ilmaan Ishimaa'el uumate, akka gogeessa dhaloota isaaniititti asii gaditti galmowaneeran. Isaanille ilma Ishimaa'elii angaficha Nabaayoot, Qedaar, Adbi'el, Miibsaam, 14 Miishimaa, Dumaa, Maasaa, 15 Hadaad, Temaa, Yetuur, Nafiishii fi Qedimaas. 16 Ilmaan Ishimaa'elii tun, abbootii gosa kudhanii lamaa ti; maqaan isaanii ollootaa fi addee quttuma isaaniitiin waamama. 17 Ishimaa'el woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'ee du'e. 18 Sanyiin Ishimaa'elii biyya Gibxii irraa gara aduun baatu, karaa Asoor geessu, Awiila'aa fi Shuur odduu le'ane; isaan sanyii Abrahaamii dhibii woliin diinumma'aan wol irraa fagaatanee le'aniiyyu.
Dhaloota Esaawu'uutii Fi Yaaqoobii
19 Hiddi dhaloota sanyii Yisihaqii ilma Abrahaamii kana: Abrahaam Yisihaq uumate. 20 Yisihaqille nama woggaa afurtamaa yennaa te'e, Ribqaa fuudhe; isiin intala Batu'elii, obboleettii Laabaanii worra Sooriya'aa ka Aaram biyya bisaan lama oddu'uu keessa le'uu ti. 21 Ribqaan maseena waan teeteef, Yisihaq marroo isi'iitiif Mootii Waan Maraa daadimate. Mootiin Waan Maraalle daadimata isaa dhage'ee, niitiin isaa Ribqaan ulfootte. 22 Isiin lakkuu waan ulfootteef, Annoolleen gadhaa isi'ii keessatti wol dhiibane; isiille, «Wonni akkasii maaf na irratti teete?» jettee, Mootii Waan Maraa gaafatte.
23 Mootiin Waan Maraa si'iin,
«Gosa biyya adda addaa lamatti
gadaamessa keeti keessa jira;
isaan woliif diina hin te'an.
Gosi takkaan taan caalaa hin jabaatti;
angafi maandhicha hin tajaajila» jedhe.
24 Yennaan isiin deettu geennaan, Rebqaan lakkuu deette. 25 Ka dura dhalate diimaa, nafi isaa duudiin woyaa dabbasittii waan fakkaattuuf, maqaa isaa, «Esaawuu†Esaawu: Afaan Ibrootaatiin Dabbasicha jechu'u.» jedhane. 26 Annuun lammeesso'oo yennaa dhalate, jimuu Esaawuu waan qabateeruuf, maqaa isaa, «Yaaqoob‡Yaaqoob: Afaan Ibrootaatiin Gufachiisaa jechu'u.» jedhane. Yennaa isaan dhalatane san Yisihaq nama woggaa jaatamaa ti.
27 Ijoolleen yennaa guddatte, Esaawu nama adamoo beeku, ka ala oolu te'e; Yaaqoob ammoo nama cadhisaa qe'ee oolu te'e. 28 Yisihaq, bineensa Esaawu adamsee ijjeesu waan nyaatuuf isa jaalate; Ribqaan ammoo Yaaqoob jaalatte.
29 Gaafa tokko Yaaqoob unata§Unata: worri gariin ittoo jedha. bilcheeffatuun, Esaawu guddoo beelowee adamoo irraa dhufee, ol seenee, 30 Yaaqoobiin, «Ani waan gaggabeeruuf, unata diimaa kana irraa naa kenni» jedhe. Tanaaf inni, «Edoom*Edoom: Afaan Ibrootaatiin Diimaa jechu'u.» jedhame.
31 Yaaqoob deebisee, «Ati dursii angafummaa teeti natti gurgur» jedheen.
32 Esaawulle, «Kunoo, ani amma beelaan du'aara; angafummaan tun maan naa gooti» jedheen.
33 Yaaqoob ammoo, «Dursii naa kakadhu» jedhe. Maarre inni isaaf kakatee angafummaa ifii Yaaqoobitti gurgurate.
34 Achiin duuba Yaaqoob daabbo'oo fi ittoo san kenneefii, inni nyaatee unee, ka'ee deeme. Akka kanaan Esaawu angafummaa ifii tuffate.