30
Raahel akka ijoollee Yaaqoobiif deyaa hin jirre yennaa beette, obboleettii ifii hinaattee, Yaaqoobiin, «Ijoollee naaf kenni, yookiin ani hin du'a» jette.
Yaaqoob guddoo aaree, «Ani addee Waaqaa bu'ee hin dande'u. Ka ijoollee si dhooggate isa» jedhe.
Achiin duuba Raahel, «Bilhaan tajaajiltuun tiyya kunoo ti; akka isiin ijoollee naaf deettu, isii bira geyi. Akka kanaan, karaa isi'iitiin ani haadha ijoolle'ee hin te'a» jette. Maarre isiin Balhaan dhirsa ifiitiif kennitee, innille isii bira geye. Balhaan ulfoottee Yaaqoobiif ilma deette. Raahel, «Waaqi naaf mure. Inni daadimata kiyya dhage'ee, ilma naaf kenne» jettee, maqaa isaa Daan*Daan: Afaan Ibrootaatiin Anaaf mure jechu'u. baafatte. Balhaan garbittiin Raahelii ammalle ulfoottee Yaaqoobiif ilma lammeesso'oo deette. Achiin duuba Raahel, «Ani obboleettii tiyya woliin wodhaantoo jadduu qabadhee, injifadhe» jettee, maqaa isaa NiftaalemNaftaalem: Afaan Ibrootaatiin Wodhaantoo jechu'u. baafatte.
Liyaan akka deya lakkitte yennaa beette, tajaajiltuu ifii Zilfaa fuutee, akka niiti'iititti Yaaqoobiif kennite. 10 Achiin duuba Zilfaan Yaaqoobiif ilma deette. 11 Liyaan, «Milkaaye» jettee, maqaa isaa GaadGaad: Afaan Ibrootaatiin Milkii jechu'u. baafatte. 12 Tajaajiltuun Liya'aa, Zilfaan ilma dhibii deettee jennaan, 13 Liyaan, «Ani guddoo gammadeera! Amma dubartooti, ‹Ta gammadde› naan jedhan» jettee, maqaa isaa Asheer§Asheer: Afaan Ibrootaatiin Gammada jechu'u. baafatte.
14 Yennaa haammaa qamadi'ii, Ruuben gaafa tokko alatti bayee, midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu*Midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu: Yookiin hin rarragachiisa jedhamee beekkamuu. dhaggee, Liyaa haadha ifiitiif fide. Raahel Liya'aan, «Maganne'ee, midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu ka ilmi keetii fide san irraa naafille kenni» jette.
15 Liyaan deebittee, «Ka dhirsa kiyya na irraa fudhatte si hanqattee, amma midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu, ka ilmi kiyya fidelle fudhatiisa barbaaddaa?» jette.
Raahelille, «Ati midhaan muka fedhii jaalala kakkaasu ka ilmi keeti sii fide naa yoo kennite, halkan edanaa Yaaqoob woliin buluu dandeetta» jette.
16 Galgala san Yaaqoob ficha'aa yennaa dhufe, Liyaan gad itti baatee, «Ani midhaan muka jaalala kakkaasu ka ilmi kiyya fideen waan si bitadheef, galgala adhaa na woliin bulta» jette. Maarre inni halkan san isii woliin bule.
17 Waaqi daadimata Liya'aa dhage'ee, isiin ulfoottee ilma shaneesso'oo Yaaqoobiif deette. 18 Liyaan, «Ani tajaajiltuu tiyya dhirsa kiyyaaf kenninaan, Waaqi gatii naaf kenne» jettee, maqaa isaa YisaakorYisaakor: Afaan Ibrootaatiin Gatii jechu'u. baafatte. 19 Liyaan ammalle ulfoottee ilma jayeesso'oo Yaaqoobiif deettee, 20 «Waaqi kennansa dansaa naaf kenneera. Ani ilmaan jaa waan isaa deyeef, amma dhirsi kiyya ulfinna naaf hin kenna!» jettee, maqaa isaa ZebuloonZebuloon: Afaan Ibrootaatiin Ulfinna jechu'u. baafatte. 21 Duuba irra isiin intala deettee, maqaa isi'ii «Dinaa§Dinaa: Afaan Ibrootaatiin Mure jechu'u.» jette.
22 Achiin duuba Waaqi Raahel qaabate; inni daadimata isi'ii dhage'ee akka isiin deettu godhe. 23 Isiin ulfoottee ilma deettee, «Waaqi salphinna kiyya na irraa fuudhe. 24 Mootiin Waan Maraa ilma dhibii naaf kenne» jettee, maqaa isaa Yoseef*Yoseef: Afaan Ibrootaatiin Dabaluu jechu'u. baafatte.
Yaaqoob Horii Hore
25 Raahel Yoseef deetteen duuba, Yaaqoob, Laabaaniin, «Gara lafa itti dhaladheetii fi biyya tiyyaa akka dhaquuf gad na lakkisi. 26 Ani attam attam akka si'iif huje atinuu hin beetta; ani hin deema, dubartoota tiyyaa fi ijoollee tiyya ta ani si'iif tajaajilee dhaggadhe naaf kenni» jedhe.
27 Laabaan ammoo Yaaqoobiin, «Ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhe, maganne'ee turi; sababa keetiif akka Mootiin Waan Maraa na eebbise, mudhii addaatiin beekeera. 28 Mindaa ani si'iif kaffalu'uu male natti himi, ani si'iif hin kenna» jedhe.
29 Yaaqoob deebisee, «Attam akka si'iif tajaajile, horiin keetille ani kunuunsuun attam akka si'iif horelle atinuu hin beetta. 30 Yennaa hin dhufiniin dura, horii diqqaan keeti, amma guddoo bacateera. Addee ani dhaqe duudi'itti Mootiin Waan Maraa si eebbiseera. Ani maatii tiyyaaf yoom wo godha ree?» jedhe.
31 Laabaan, «Maan si'iif kennu ree?» jedhee gaafate.
Yaaqoob, «Waan ani si'iin jedhu kana, yoo naaf goote, ani horii keeti deebi'ee hin kunuunsa, hin tissalle'e. 32 Ani adha horii keeti keessa deemee, hoolota keessaa titiifu'uu fi buburree, buruusoo gugurraayyee mara, re'oota keessalle'ee buruusoo titiifu'uu fi gugurraayyee mara addaan baasa. Isaan mindaa kiyyaa te'anuu ti. 33 Akka kanaan addatamummaa tiyya hin dhaggita. Ati mindaa kiyya qorqoriisaaf yennaa dhuttu, re'oota titiifuu yookiin buburree hin te'in, yookiin hoolota gugurraayyee hin te'in yoo qabaadhe, akka hatamane hin beetta» jedhe.
34 Laabaan deebisee, «Tole, akkuma ati jette teetuu ti» jedhe. 35 Gaafuma san Laabaan korbeeyyii re'e'ee tattalee, titiifuu, re'oota dhaltuu buburre'ee fi titiifuu yookiin xibaanxibbee adaadii nafa irraa qaddu mara, buruusoo hoole'ee gugurraayyee mara addaan baasee, ilmaan ifii akka tissanu godhe. 36 Achiin duuba Laabaan ideensa guyyaa sadii Yaaqoob irraa fagaate. Yaaqoob hoole'ee fi re'ee Laabaanii ka hafane tisse.
37 Yaaqoob ulee muka jiidhaa gosa sadii muree, dabaree dabaree quncee irraa quncisee buburreesse. 38 Hoole'ee fi re'een bisaan uniisaaf yennaa dhufanu, korbeeyyiin waan hoqonsiteef, inni ulee buburreesse san fuula isaanii dura gongaa isaan keessaa unanu keessa keye. Hoole'ee fi re'een bisaan uniisaaf yennaa dhufanu, 39 maarre isaan yennaa ulee saniin duratti hoqonsane, ilmoolee tattalee, titiifu'uu fi buburree dhalane.
40 Yaaqoob ilmoolee tana qofitti baasee, hoole'ee fi re'ee Laabaanii tattale'ee fi gugurraayyee fuula dura dhaabbachiise. Akka kanaan Yaaqoob hoole'ee fi re'ee ifii, hoole'ee fi re'ee Laabaaniitiin addaan fowate.
41 Yennaa hoole'ee fi re'een jajjabooti hoqonsanu, isaan ulee san fuula duratti akka hoqonsanuHoqonsanu: Yookiin hophophisan., ulee san isaan bira dhadhaaba. 42 Inni ammoo hoole'ee fi re'ee dadadhaboolee dura ulee san hin dhaabuuyyu. Maarre hoole'ee fi re'een dadadhabooleen ta Laabaanii yennaa teetu, jajjaboon ta Yaaqoobii teete. 43 Yaaqoob akka kanaan guddoo duroommate. Inni horii bacaa, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii, gaalotaa fi harreelee hedduu qabaayyu.

*30:6 Daan: Afaan Ibrootaatiin Anaaf mure jechu'u.

30:8 Naftaalem: Afaan Ibrootaatiin Wodhaantoo jechu'u.

30:11 Gaad: Afaan Ibrootaatiin Milkii jechu'u.

§30:13 Asheer: Afaan Ibrootaatiin Gammada jechu'u.

*30:14 Midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu: Yookiin hin rarragachiisa jedhamee beekkamuu.

30:18 Yisaakor: Afaan Ibrootaatiin Gatii jechu'u.

30:20 Zebuloon: Afaan Ibrootaatiin Ulfinna jechu'u.

§30:21 Dinaa: Afaan Ibrootaatiin Mure jechu'u.

*30:24 Yoseef: Afaan Ibrootaatiin Dabaluu jechu'u.

30:41 Hoqonsanu: Yookiin hophophisan.