31
Yaaqoob Laabaan Biraa Baqate
Ilmaan Laabaanii, «Yaaqoob waan abbaan keenna qabu mara fudhate; inni qabeenna kana mara abbaa keenna irraa dhaggate» jettuun Yaaqoob dhage'e. Yaaqoob ammalle Laabaan akka dur isa jaalattu akka isa jaalataa hin jirre hubate. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Yaaqoobiin, «Gara lafa abbootii teetiitii fi fira keetii deebi'i. Ani si woliin hin jiraadha» jedhe.
Maarre Yaaqoob gara Raaheliitii fi Liya'aa ergee, addee lafa hoolotii fi Re'ooti isaa jirtutti waansise. Inni isaaniin, «Abbaan keessan akka dur na jaalattu gara duraa akka na jaalataa hin jirre hubadheera. Waaqi abbaa kiyyaa ammoo na woliin jira. Ani hunna tiyya adoo hin qusatin abbaa keessaniif akka huje, isin lamaanuu hin beettan. Laabaan ammoo na sobee mindaa kiyya yennaa kudhan jijjiire. Te'uu malee Waaqi akka inni na miidhu hin goone. Yennaa Laabaan, ‹Re'ooti titiifuun mindaa keeti› jedhe, hoolotii fi re'ooti marti ilmoolee titiifuu dhalane. Inni yennaa, ‹Re'ooti tattaleen mindaa keeti› jedhelle, hoolotii fi re'ooti duudiin ilmoolee tattalee dhalane. Akka kanaan Waaqi hoole'ee fi re'ee abbaa keessan irraa fuudhee naaf kenne.
10 «Yennaa hoole'ee fi re'een rarragatanu, ani oojjadhee, korbeeyyiin tattaleen, buburre'ee fi titiifuun hoqonsanuun dhagge. 11 Achiin duuba Ergamaan Waaqaa oojju'uun, ‹Yaaqoob!› jedhee na waame; anille, ‹As jira› jedheen. 12 Ergamaan Waaqaa, ‹Kunoo, korbeeyyii tattalee, buburre'ee fi titiifuu qofatti hoqonsiisatti jira. 13 Ani addee ati soodduu dhaaddee, zayitii ejersaa itti naxxee naaf kakatetti, Waaqa Bet'elitti sitti mudhate. Amma lafa tana keessaa ariiti'iin bayiitii gara lafa itti dhalattee deebi'i› naan jedhe» jedhe.
14 Raahelii fi Liyaan deebisanee, «Mana Abbaa keennaatitti qoodi dhaalaaf nu'uuf hafeeru jiraa ree? 15 Inni akka ormaatitti nu ilaala. Inni nu gurgureera; beesee marroo teennaaf kennantelle nyaatee fixeera. 16 Karri Waaqi abbaa keenna irraa fuudhe tun marti teennaa fi ta ijoollee teennaa ti; tanaaf waan Waaqi siin jedhe mara godhi» jedhaneen.
17 Maarre Yaaqoob dubartoota ifiitii fi ijoollee ifii gaala irra teessisee, 18 inni horii ifii mara, meya qabu mara, horii Phaadaan-Aaram keessatti horate oofatee gara biyya Kana'aanii, gara abbaa ifii Yisihaqii dhaqiisaaf ka'e. 19 Laabaan rifeensa hoole'ee muriisa dhaqeeruun, Raahel waaqota abbaa ifii ka Laabaanii mana keessaa hatte. 20 Yaaqoob akka baqataaru Laabaanitti adoo hin himin isa sobee deeme. 21 Yaaqoob waan qabu mara fudhatee baqate. Inni laga Efraaxiisiitiin gamatti bu'ee gara biyya koobitti'ii gara Giil'aadii deemiisaaf ka'e.
Laabaan, Yaaqoob Hordofe
22 Guyyaa sadiin duuba akka Yaaqoob baqate Laabaan dhage'e. 23 Maarre inni fira ifii woliin Yaaqoob hordofe. Guyyaa torbaan duuba Laabaan biyya koobittii Giil'aadii keessatti itti dhikaate. 24 Waaqi ammoo halkan oojju'uun gara Laabaanii dhufee, «Waan hantuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne ifi eeggadhu!» jedheen. 25 Maarre Laabaan Yaaqoob dhaqqabe. Yaaqoob biyya koobittii sanitti dunkaana ifii dhaabate; Laabaanille Giil'aad biyya koobittii san keessatti fira ifii woliin dunkaana ifii dhaabate.
26 Laabaan, «Ati na soddee, akka dubartoota lola keessatti booji'antee durra tiyya fudhattee baduun keeti maan godhuu keeti? 27 Ati maaf na soddee, adoo natti hin himin dhossa'aan baqatte? Adoo natti hintee jiraattee, silaa ani gammadaan, weeddu'uun, dibbe'ee fi kiraaraan akka ani si geegessaayyu. 28 Ati akka ani akaakotaa fi durra tiyya sunqadhee nageya itti dhaamulle natti hin hinne. Wonni ati goote kun waan fokkisiisa'a. 29 Ani si miidhiisaaf hunna qabaayyu; halkan edaa ammoo Waaqi abbaa keetii natti dubbatee, ‹Waan hantuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne, ifi eeggadhu!› naan jedhe. 30 Akka ati gara biyya abbaa keetii deebi'iisaaf guddoo barbaadde ani hin beeka; ammoo waaqota kiyya maaf hatte?» jedhe.
31 Yaaqoob deebisee, «Durra teeti hunnaan na irraa fudhatta jedhee waan sodaadheef. 32 Nu keessaa nami waaqota keeti fudhateeru yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Firoota keenna dhugaa bayoota godhadhuutii, waan keeti mara ilaalladhuutii fudhadhu» jedheen. Yaaqoob akka Raahel waaqota Laabaanii hatteertu waan hin beenneef tana jedhe.
33 Laabaan gara dunkaana Yaaqoobii, gara dunkaana Liya'aa, gara dunkaana dubartoota tajaajiltoota lamaaniille seene; ammoo waaqota ifii hin dhaggine. Achiin duuba inni gara dunkaana Raahelii seene. 34 Raahel waaqota mana keessaa fuutee kooraa gaalaa jalatti dhossitee irra teette. Laabaan dunkaana duudii keessa ilaale; ammoo waaqota ifii hin dhaggine. 35 Raahel abbaa ifiitiin, «Abba'a, natti hin mufatin; xuriin waan natti dhutteertuuf, si duraa ka'uu hin dandeenne» jetteen. Maarre inni addee duudii ilaale; ammoo waaqota ifii hin dhaggine.
36 Achiin duuba Yaaqoob aaree, «Ani maan balleesse? Ati wonni na ariituuf, ani seera maan yakke? 37 Ati waan qabu mara keessa ilaalteen duuba, waan keeti te'e maan dhaggite? Waan tokkolle yoo dhaggitee jiraatte, nu keessaa eentu sirrii akka te'e isaan akka muranuuf, as fira keetii fi fira kiyya dura keyi. 38 Ani woggaa diddama si'iif hujeera. Yennaa tana keessatti hoolotii fi re'ooti teeti gadha'aa hin ganne*Gadha'aa hin ganne: Yookiin hin sadheessine jedhamuulle hin dande'a.; korbeeyyii teetille ani hin nyaanne. 39 Bineensi yennaa horii nyaatu mara, ka dhidhate san aninuu bakka buuse malee, ani gara keeti hin finne. Horii halkan yookiin guyyaa hatamelle, na kaffalchiitte. 40 Yennaa hedduu guyyaa o'aan, halkan boojji'iin rakkadhe; rafiisalle hin dandeenne. 41 Ani woggaa diddama akka kanaan mana keeti keessa ture; woggaa kudhanii afur durra teeti lamaan fuudhiisaaf, woggaa jaa hoole'ee fi re'ee teeti dhaggatiisaaf tajaajile. Yennaa san keessatti ati mindaa kiyya yennaa kudhan jijjiirte. 42 Waaqi abbaa kiyyaa, Waaqi Abrahaamii, ka Yisihaq isa sodaatu adoo na woliin hin jiraatinii, ati silaa harka duwwaa na ariiteertaayyu. Ammoo Waaqi rakkoo tiyyaa fi eloo tiyya dhaggee, halkan edaa si xixe» jedheen.
Wolii Galtee Yaaqoobiitii Fi Laabaanii
43 Laabaan deebisee, «Dubartooti tun durra tiyya; ijoolleen isaaniille ijoollee tiyya; hoole'ee fi re'een tun tiyya. Wonni ati dhaggitu kun martinuu tiyya. Durra tiyya tanaa fi ijoollee isaanii ammoo ani attam miidhuu dande'a ree? 44 Koottu amma anii fi ati wolii galtee godhanna; wolii galtee san qaabatiisaaf soodduu dhaabbanna» jedhe.
45 Maarre Yaaqoob dhakaa tokko fuudhee soodduu dhaabe. 46 Inni firoota ifiitiin «Dhakaa wolitti qaba'a» jedhe; isaanille dhakaa wolitti qabanee tuulaneen duuba, tuulaa san biratti sagalee nyaatane. 47 Laabaan tuulaa dhaka'aa san, afaan Aaramiitiin, «Yagaar-sahadutaaYagaar-sahadutaa: Afaan Aaramiitiin Tuulaa dhugaa baatu jechu'u. » jedhee moggaase. Yaaqoob ammoo afaan Ibrootaatiin, «Gaal-EdGaal-Ed: Afaan Ibrootaatiin Tuulaa dhugaa baatu jechu'u. » jedhee moggaase. 48 Laabaan Yaaqoobiin, «Tuulaan dhaka'aa tun anaa fi si wodhakka'atti dhugaa baati» jedhe. Tanaaf addeen sun «Gaal-Ed» jedhante. 49 Laabaan ammalle, «Yennaa nu gargar baanu Waaqi nu eeguutii» waan jedheef, addee saniin, «Miisphaa§Miisphaa: Afaan Ibrootaatiin Eegiisa jechu'u.» jedhe. 50 Laabaan itti dabalee, «Ati yoo durra tiyya rakkitte yookiin yoo dubartii dhibii fuute, eennulle nu woliin jiraachuu dhabulle, Waaqi dhugaa teenna akka te'e qaabadhu. 51 Wodhakkaa teennatti dhakaan ani tuulee fi soodduun ani dhaabelle kunoo ti. 52 Ani si miidhiisaaf tuulaa dhaka'aa tana akka hin dabarre, atille na miidhiisaaf tuulaa dhaka'aatii fi soodduu tana akka hin dabarre, tuulaa dhaka'aatii fi soodduun tun dhugaa baatota teenna. 53 Yoo wolii galtee tana hin eegin, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Naahoorii, Waaqi abbaa isaanii nu adabuu ti» jedhe. Achiin duuba, Yaaqoob maqaa Waaqa abbaan isaa Yisihaq sodaatuutiin wolii galtee tana eegatiisaaf kakate. 54 Yaaqoob gaara irratti ciincaa dhikeessee, sagalee akka nyaatanuuf fira ifii waame. Isaan nyaataneen duuba, halkan achi bulane. 55 Laabaan barii ganamaan ka'ee, akaakotaa fi durra ifii sunqatee, eebbise; achiin duuba inni gara mana ifii deebi'e.

*31:38 Gadha'aa hin ganne: Yookiin hin sadheessine jedhamuulle hin dande'a.

31:47 Yagaar-sahadutaa: Afaan Aaramiitiin Tuulaa dhugaa baatu jechu'u.

31:47 Gaal-Ed: Afaan Ibrootaatiin Tuulaa dhugaa baatu jechu'u.

§31:49 Miisphaa: Afaan Ibrootaatiin Eegiisa jechu'u.