Kitaaba Anbaaqoomii Raagichaa
Seensa
Dubbiin raagaa ta Anbaaqoomii tun dhaloota Kiristoosiitiin dura gara dhuma jaarraa torbeesso'ootitti dhutte. Anbaaqoom hunnaan bulchiisa kolbaa gadhi-jabeeyyii hunnaan nama irratti kaatu tanaatiin guddoo jeeqamee, «Worri gadhi-jabeeyyiin hunnaan nama irratti ka'u kun, worra isaan caalaa balchoota te'ane yennaa balleessanu maaf cadhittee ilaalta?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate (1:13). Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ani waan mara yennaa tiyyatti huja; haga sanitti, balchaan dhugeeffannaa ifiitiin le'a» jedhe (2:4). Kutaa kitaaba kanaa keessaa ka hafe, marroo raaga badii gadhi-jabeeyyii hunnaan nama irratti kaatu irratti dhaqqabu'uu jirtuu ka himu yoo te'u, gara dhuma kitaaba kanaatitti, marroo guddinna Waaqaatii fi marroo dhugeeffannaa jadduu qabaatiisaa faaruu daadimatiisaatitti jira.
Haadhoo Dubbi'ii
Iyyata Anbaaqoomiitii fi Deebii Mootiin Waan Maraa isaaf kenne1:1—2:4
Badii worra Balchaa Hin te'inii2:5-20
Daadimata Anbaaqoomii3:1-19
1
Ergaan Mootiin Waan Maraa raagicha Anbaaqoomitti mudhise tana.
Anbaaqoom Marroo Muraa Haqa Hin qannee Iyyate
«Ee, Mootii Waan Maraa! Qarqaarsa keeti gaafatiisaa fi marroo worra hunnaan nu bulchuu yoo sitti iyyadhu, ka nuu dhageettuu fi nu fayyittu yoom ree? Maaf rakkoo akkasii akka dhaggu na goote? Dabi yennaa hujamu attam cadhittee ilaalta? Badi'ii fi hunnaan nama bulchanuun dhagga; wol dhabaa fi moromaan hin jiran. Tanaaf seerri laashowee, muraan dhuga'aa ijjumaa dhabantee, hamaaleyyiin balchoota marsanee, muraan daddeerti» jedhe.
Deebii Mootiin Waan Maraa Kenne
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Gosa biyya adda addaa ta adaala keessanii ilaala'a; waan dhaggitanu maratti maadeffadha'a; eennulle adoo isinitti himelle'ee, waan isin dhugeeffatuu hin dandeenne bara keessan keessatti ani hin huja. Kunoo, ani worra Baabilonii gadhi-jabeeyyi'ii fi ariifataa, ka lafa worra dhibi'ii qabatiisaaf lafa duudii keessa yaa'anu hin kaasa. Isaan worra nama sodaachisuu fi rifachiisu; isaan ulfinna ifiitiif ifumaaf seera baafatan.
«Fardoon isaanii qeeransa caalaa ariifatti; yayyii galgalaa caalaalle hin sodaachitti. Abbootiin fardo'oo ta isaanii, akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu, fagoo irraa gulufaa hin dhufan.
«Loltooti isaanii marti hunnaan nama irratti ka'iisaaf dhufan; loltooti isaanii akka qilleensa goomole'ee gara duraa yaa'an. Boojuun isaaniille akka maansaa baca'a. 10 Isaan moototatti hin murgan; bulchitootalle hin tuffatan. Isaan kushee maratti kollaa, biyyee kushee san irratti tuulanee, isaan hin booji'an. 11 Achiin duuba worri yakkaameyyiin ka hunna ifii waaqota ifii godhatanu, akka qilleensaa haxowamanee taran» jedhe.
Anbaaqoom Ammalle Mootii Waan Maraatitti Iyyate
12 «Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa woyyicha ka durii jalqaddee jirtu; ati ijjumaa hin duutu. Worri Baabilonii muraa teeti hujii irra akka oolchanuuf ramadde; ati rassaan keenna, akka isaan nu adabanuuf baallii isaaniif kennite. 13 Ilti teeti guddoo qulluu waan teeteef waan hantuu ilaaliisaaf hin dandeettu; ati wonni hantuun hujantuun dhaggaa hin ossitu. Maarre maaf worra maltoole'etti cadhi jettee ilaalta? Worri hamaaleyyiin worra isaan caalaa balchoota te'ane yennaa liqinsanu maaf cadhitta ree?
14 «Ati kolbaa akka qurxummii abbaayaa keessaatii fi akka dada abbaayaa keessaa ta sooressa malee munyuuxxuu gooteerta. 15 Worri Baabilonii akka qurxummii malxaqqo'oon qabanuu isaan qaban; caccoo ifiitille'een isaan harkisanee, waan itti kuufatanu keessatti wolitti qabatan. Caccoo ifii keessatti isaan waan qabataneef gammadanee ilillisan. 16 Tanaaf caccoo ifiitii fi waan ittiin kuufatanuun qananumma'aan waan le'anuuf, cacco'oof ciincaa dhikeessan; waan itti kuufatanuuf hixaana aarsan. 17 Isaan caccoo hargufuma hargufaa marartii malee gosa biyya adda addaa balleessaa le'anuutii ree?» jedhe.