3
Nanawwe'eef Aanne'e
1 Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu,
ka sobaan guutame, ka saantu'uun guutame,
ka booju'uun guutame, Nanawwe'eef aanne'e!
2 Worcaqqeessi*Worcaqqeessi: Yookiin dhuqaasi liche'eetii fi kokokkeessi korbo'oo,
hididdeessi fardaatii fi gugukkeessi garreettaa fardaa,
hin dhage'ama!
3 Abbootiin fardaa hin gulufan,
shallaagaan isaanii hin billiccisa,
woraanni isaanii hin calaqqisa;
nami hedduun waan ijjeefameef,
reeffi tuulameera;
reeffi hedduu waan te'eef,
gufuu isaanitti te'eera!
4 Ati ta xanoo xantu,
ta ilatti toltu sababa sagaagala keetii tun teete;
ati sagaagalummaa teetiin kolbaa garboonsitee,
xanoo teetiin gosa biyya adda addaalle gurgurte.
5 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade,
«Nanawwe'e, ani si morma;
uffana keeti si irraa shooqee†Shooqee: Saaqe. fuula keetitti buqa‡Buqa: Yookiin uffis.;
gosi marti qullaa keeti,
mootummaalle salphinna keeti akka dhaggitu godha.
6 «Ani huura§Huura: Xuri. sitti gata,
si tuffadha*Tuffadha: Malch.,
akka si daaw'atanulle godha.
7 «Achiin duuba worri si daaw'ate marti si irraa baqataa,
‹Nanawween baddeerti; eentu bowaaf?› jedhan;
ka si jajjabeessu ani eessaa siif dhagga ree?» jedhe.
8 Nanawwe'e, ati qachaa Tebesii†Tebes: Amma Amoonijedhama; qachaa guddaa kaaba biyya Gibxi'ii jiru.,
ka laga Nayilii‡Nayili: Itoophiyaa keessatti Abbayijedhama. biraa,
ka bisaan marseeru,
ka kaabiin isaa abbaaya'aa,
ka bisaan akka dalleyaa marseeru hin caaltaa?
9 Qachaan Tebesii loltoota Itoophiya'aatii§Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. fi Gibxi'ii
ta haga hin qanneen eegameera;
Worri Fuxiitii fi Liibiya'aalle qarqaartota Tebesii ti.
10 Te'uu malee worri Tebesii qabamanee,
booji'amaneeran;
daa'immaan isaaniille
woldeennaa kara'aa mara irratti,
dhaka'aan tumamanee jijjiganeeran;
qondaaltota Tebesii irratti hixaa buufataneeran;
worri gugurdaan Tebesii marti
wodaroo sibiilaatiin hidhaman.
11 Nanawwe'e, atille hin machootta,
gara dhokaataa hin ideenta;
diina duraa addee itti baqattu
hin barbaaddatta.
12 Kusheen teeti mara akka muka harru'uu
ka midhaan qara bilchaatee ti.
Yoo hargufame,
afaan worra nyaatuu keessa harca'a.
13 Loltoota teeti ilaali;
isaan akka dubarti'ii ti.
Balbalti biyya teetii
diinota keetiif badhattee bananteerti;
danqaraa balbalootaalle ibiddi fixeera.
14 Diinaan waan marfantuuf,
bisaan woraabbadhu,
kushee teeti jabeeffadhu;
biyyee faaraa sukkuumii,
dhiitii qopheessii,
faara loobame huji!
15 Achitti ibiddaan gubata;
shallaagaalle'een kukkutanta.
Ibiddi akka awwaannisaa si fixa.
Akka awwaannisaatii fi
akka korophiisaa horuma hori!
16 Ati urjoota gubba'aa caalaa,
daldaltoota teeti fakkanfatteerta.
Isaan akka awwaannisaa
biyya qorranee ka'anee badan.
17 Eeddoti teeti akka korophiisaa ti;
qondaaltoti teeti akka korophiisa
Guyyaa qabbanaa
dalleya irratti heechatee ti.
Yennaa aduun baatu, koolaan ka'ee deema;
gara inni dhaqe eennuulle hin beeku.
18 Ee mootii Asoorii,
eeddoti teeti muganeeran;
qondaaltoti teeti dunquuqqowaneeran.
Kolbaan teeti gaara irratti bittinnootteerti;
nami isaan wolitti qabulle hin jiru.
19 Miidhama keeti nami goomsu hin jiru;
madaan teeti hin fayyitu.
Nami oduu jinnana keeti dhage'e marti
gammadaan harka dhowa.
Nami gadhi-jabinna keeti ka muummee hin qanne
jalaa bayeeru jiraa ree?
*3:2 Worcaqqeessi: Yookiin dhuqaasi
†3:5 Shooqee: Saaqe.
‡3:5 Buqa: Yookiin uffis.
§3:6 Huura: Xuri.
*3:6 Tuffadha: Malch.
†3:8 Tebes: Amma Amoonijedhama; qachaa guddaa kaaba biyya Gibxi'ii jiru.
‡3:8 Nayili: Itoophiyaa keessatti Abbayijedhama.
§3:9 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.