3
Daadimata Anbaaqoomii
1 Daadimati Anbaaqoomii raagichaa ka faaru'uun dhikaate asii gad jira.
2 Ee Mootii Waan Maraa kiyya,
hujii maade'ee ta ati hujje mara dhage'ee guddoo sodaadhe;
ammalle bara keennatti hujii teeti ta durii ede'ii huji;
bara kennalle'etti akka beekkantu godhi;
yennaa aartulle nu mararfadhu.
3 Waaqi woyyichi biyya Temaanii,
gaara Phaaraan irraa hin dhufa;
Ulfinni isaa ol-gubbaa golleera;
leellisi isaalle lafa guuteera.
4 Ifi ulfinna isaa akka ifa adu'uu ti;
harka isaa ka hunni isaa keessa dhokatteertu keessaa
balaqqeessi hin baya.
5 Balaan isa dura deema;
dhukkubi nama fixu isa duubaan deema.
6 Yennaa inni dhaabbatu latti hin tachooti;
yennaa inni isaan ilaalu
gosi biyya adda addaa hin hollatti.
Gaaroti durii durii hin sigigan;
kooboti durii durii ta inni irra deemaa turelle
gad hin lixan.
Karaan inni irra deemu ammoo
bara baraan jiraata.
7 Worri Itoophiya'aa*Worri Itoophiyaa: Afaan Ibrootaatiin Kuushan jedha. rakkatuun,
worri Miidiyaaniille hollatuun dhagge.
8 Ee Mootii Waan Maraa, ati lagatti hin aartee?
Yennaa fardoolee teeti yaabbattee,
garreettaa fardaa ka injifachaa keetii irra teette,
abbaaya'atti guddoo aarteetii?
9 Ati guubee†Guubee: Yookiin buube. teeti qopheeffattee
daaya keeti buqqifattee,
lagaan lafa gargar tarsaatte.
10 Gaaroti si dhagganee hollatane;
lolaan roobaa lafa haxowaa tare.
Bisaan abbaaya'aa shookkisee,
danbaliin isi'iille ol kaate.
11 Yennaa daaya keeti isaanitti calalaqee,
eboon teeti isaanitti itte
adu'uu fi jiin adduma jiranutti dhaabbatane.
12 Ati aari'iin lafa irra ideenta;
aariille'een gosa biyya adda addaa hin dhidhiitta.
13 Ati kolbaa teeti fayyisiisaaf,
ka muudame sanille fayyisiisaaf baate.
Sooressa worra hamoole'ee butuchitee,
hordofattoota isaalle balleessitee,
mata'aa haga miilaatitti qullaa isa hamburte.
14 Akka hobonbolatti'ii nu bittinneessiisaaf ka dhufe,
Yennaa loltooti isaa akka hobonbolatti'ii
nu bittinneessiisaaf,
hiyyeeyyii dhokataneeranu fixanee
itti gammadiisaaf dhufane;
ati woraanuma isaatiin sooressa isaanii woraante.
15 Yennaa ati fardoo teetiin abbaayaa dhidhiitte,
abbaayaan raafante.
16 Ani waan kana duudii dhage'ee, roromme;
qoonqoo tana irraa ta kaate hidhiin tiyya hollatte.
Lafeen tiyya shante;
miilli kiyyalle lelleqe.
Te'uu malee yennaan worri nu miidhu
adabamu haga dhuttu ossaan hin eegadha'a.
17 Muki harru'uu midhaan buusuu dhabulle,
muki woyni'ii midhaan buusuu dhabulle,
muki ejersaalle midhaan kennuu dhabulle,
fichaan midhaan baasuu dhabulle,
hooleen gooree keessaa dhabantulle duwwaa hattulle
loon moonaa keessaa dhabamanulle,
18 tun marti teetulle
ani Mootii Waan Maraatitti hin gammada;
Waaqa fayyisaa kiyyatti gammadee firinxiixa.
19 Mootiin Waan Maraa Waaqi hunna tiyya.
Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa;
gaara irralle akka deemu na hin godha.
Sooressitoota faarsitootaatiif: Meya ribu'uutiin ta faarfatantu.