Kitaaba Sefaaniyaa Raagichaa
Seensa
Sefaaniyaan raagichi ergaa ifii ka dabarse dhaloota Kiristoosiitiin dura gara dhuma jaarraa torbeesso'ootitti yoo te'u, yennaa san mootichi Yosiyaas dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba jaa fi diddamii tokkotti, haareffama dhugeeffanna'aa godhiisaan dura, woggaa kudhan dursee te'uu hin dhabu; kitaab kun raaguma duri raagameeru ifi keessaa qaba; innille biyyi Yihuda'aa waaqota dharaa waan waaqonfatteef, yennaa adabam isii irra dhaqqabu, badi'ii fi barbadaawuun akka isii irra gewu ka mudhisu. Mootiin Waan Maraa yennaa san gosa biyya adda addaa dhibiille hin adaba. Diigamiisi Yerusaalem irra dhaqqabulle, yenna'aan duuba qachaan Yerusaalemii addee duriititti hin deebi'a; worri ifi gad qabuu fi balchooti achi hin le'an.
Haadhoo Dubbi'ii
Yihudaa Irratti Guyyaa Muraa Mootii Waan Maraa1:1-18
Cubbuu Irraa Deebi'uu2:1-3
Muraa Gosa Biyya Adda Addaa ta Adaala Yerusaalemiititti Murantu2:4-15
Cubbuu Yerusaalemiitii Fi wodoo Yerusaalemii3:1-13
Faaruu Gammadaa3:14-20
1
Yihudaa Irratti Guyyaa Muraa Mootii Waan Maraa
Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara Yosiyaasiin ilmi Amoonii mootii Yihuda'aa te'eeruun gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, akaakoo Gedaaliya'aa, abuuboo Amaariya'aa, abutturroo Hisqiyaasii dhufe.
Mootiin Waan Maraa, «Ani waan mara lafa irraa haxowee hin balleessa; namaa fi horii, allaatotaa fi qurxummiille haxowee hin balleessa; worra hamoolee garagaggalchee, sanyii namaa lafa irraa hin balleessa.
«Ani kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa mara hin adaba. Baraaree worra Ba'aal waaqonfatuutii fi maqaa hayyoota isa tajaajiltuu achii hin balleessa. Worra heellichoo manaa*Heellichoo: Heellichoon mana biyya sanii diriirtu'u. gubbaa bayee aduu, ji'aa fi urji'iif sagadu hin balleessa. Worra na waaqonfataa maqaa kiyyaan kakataa, achiin duuba ammoo maqaa waaqa dharaa Miilkomiitiin kakatulle hin balleessa. Worra ana Waaqa hordofuu didee duubatti deebi'e, worra na hin barbaadanne yookiin akka isaan sooressu worra na hin gaafanne hin balleessa» jedhe.
Guyyaan Goottaa Mootii Waan Maraa waan dhikaateef, Mootii Waan Maraa duratti cadhisa'a! Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii akka horii ciinca'aaf qalamuu dabarsee kenniisaaf qopheesseera; inni diina kolbaa Yihuda'aa saamu adda baasee qopheesseera. Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa ciinca'aa sanitti ani Mootiin Waan Maraa qondaaltotaa fi ilmaan mootichaatii fi worra waaqota orma waaqonfatu maraayyuu hin adaba. Guyyaa san worra gulantaa balbalaa irra utaalu mara, mana goottolee ifii meyaan guutiisaaf, worra wo hatuu fi nama ijjeesu mara, guyyaa sanitti ani hin adaba» jedha.
10 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa sanitti, karra karra qurxummi'ii jedhantu duraa, iyyi, kutaa qacha'aa haareya keessaa, wiiccifati, kooba irraa qoonqoo waan caccabuu guddoo hin dhageettan. 11 Isin worri addee dikko'oo keessa leetanu, daldaltooti teessan martinuu waan badaneef, worri meetii daldalanu martinuu waan du'aneef wiiccifadha'a!
12 «Guyyaa sanitti ani issa'aan Yerusaalem hin barbaada; namoota isi'ii worra akka daadhii woyni'ii ta cumaa irratti hattee te'ane, worra, ‹Waaqi waan dansaa yookiin hantuulle hin huju› jedhee yaadu hin adaba. 13 Karri isaanii hin saamama; manni isaanii hin diigama; mana hin ijaarratan; ammoo keessa hin le'anu; muka woyni'ii hin dhaabbatan; ammoo daadhii muka woynii sanii hin unanu» jedha.
14 Guyyaan Mootii Waan Maraa guddaan dhikaateera; ariifatee dhufaara; guyyaan sun guddoo ka sodaachisu; guyyaa Mootii Waan Maraa sanitti loltooti jajjabootinuu sodaatanee, iyya jadduu iyyan. 15 Guyyaan sun guyyaa mufi'ii, guyyaa gargalaatii fi farriisaa, guyyaa diigamaatii fi badi'ii, guyyaa dimimmisaatii fi dukkanaa, guyyaa duumensaatii fi dukkana dimmaa ti; 16 guyyaa san qachoota kushee dhaka'aa qabanuu fi xelleephoo dhaka'aa dhedheertuu irratti qoonqoon tultulla'aatii fi iyya lolaa hin dhage'ama.
17 Mootiin Waan Maraa, «Ani namoota irratti gaargala hin fida, isaan ana Mootii Waan Maraa waan yakkaneef, akka namoota balla'aa hin deeman; dhiigi isaanii akka buku'uu hin lola'a; reeffi isaanii akka kosi'ii hin gatama» jedha.
18 Guyyaa mufii Mootii Waan Maraa sanitti meetiin isaanii yookiin worqiin isaanii isaan fayyisuu hin dande'anu; biyyi lafaa duudiin ibidda aarii isaatiin hin baddi; inni worra lafa irra le'anu mara dedhuma hin fixa.

*1:5 Heellichoo: Heellichoon mana biyya sanii diriirtu'u.