Kitaaba Haagee Raagichaa
Seensa
Kitaaba Haagee raagichaa keessatti ergaan gaggabaadduun dhiyaatte tun, ergaa Mootiin Waan Maraa dhaloota Kiristoosiitiin duratti woggaa dhibba shanii fi diddamatti karaa Haagee raagichaatiin dabarse. Kolbaan addee itti baqate irraa deebitee, Yerusaalem keessa le'iisa haga jalqaddee woggoota diqqoo turanulle Galmi Waaqaa akkuma diigameen jiraayyu; tanaaf ergaan ergante akka sooreyyiin kolba'aa Galma Waaqaa haaressituuf, ta kakkaattu; kolbaan haareffamaa fi qulqullummaa ta qabaattu yoo teete, Mootiin Waan Maraa gara duraa nageyaa fi durummaa akka kennuuf dubbata.
Haadhoo Dubbi'ii
Galmi Waaqaa Akka Deebi'ee Ijaaramuuf Ajaja Kenname1:1-15
Ergaa Jajjabeessiisaatii Fi Addi'ii2:1-23
1
Galmi Waaqaa Akka Deebi'ee Ijaaramuuf Ajaja Kenname
Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a jayeesso'oo keessatti guyyaa qaraa, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin, ilma She'altii'elii Zarubaabel ka biyya Yihuda'aa bulchuu fi ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha guddaa te'eeruuf dubbate.
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade Haage'een, «Kolbaan tun, ‹Yennaan Galmi Waaqaa deebi'ee ijaaramu hin geenne› jetti» jedhe. Tanaaf Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee, «Kolbaa tiyya! Manni kiyya diigameeruun, isin ifiif mana keessan ka seefamee ijaarameeru keessa le'uun yenna'aa ree? Me haala keessa jirtanu ilaala'a! Bacaa facaafattanee, diqqaa galfattane; hin nyaattan, ammoo hin quuttanu; hin untan, ammoo dheebuu hin baatanu; woli irratti uffattan, ammoo boojjii hin baatanu; mindaan isin hujjanee dhaggattanulle akka waan subba urata qabu keessa keyanee ti. Kun maaf akka isin irra geye ilaala'a! Amma gara koobotaa ol baya'a; muka mura'aatii fida'a; Galma kiyya deebisa'aatii ijaara'a; anille itti hin gammada, ittille hin galateeffama.
«Isin bacaa galfanna jettanee yaadattane; ammoo diqqaa galfattane. Waan isin galfattane sanuu, ani afuufee balleesse. Ani maaf tana godhe seetan? Galmi kiyya diigameeruun, isin martinuu mana keessan ijaaratiisaaf olii gadi waan fiiddanuuf tun teete. 10 Tanaaf bokkeenni roobuu dhabee, lattille midhaan baasuu dhadde. 11 Ani lafa irratti, kooba irratti, midhaan irratti, muka woyni'ii irratti, muka ejersaa irratti, waan latti baattu duudii irratti, nama irratti, hori'ii fi waan harki keessan huje duudii irratti, oolaa fideera» jedhe.
Kolbaan Mootii Waan Maraatiif Ajajante
12 Achiin duuba ilmi She'altii'elii Zarubaabelii fi ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun hayyichi guddaan, kolbaa boojuu irraa deebite duudii woliin jecha Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitii fi Haageen raagichi ka Mootii Waan Maraatiin ergameeru waan te'eef, ergaa karaa isaatiin erganteef ajajamane; kolbaalle Waaqa sodaatte. 13 Achiin duuba Haageen ergamaan Mootii Waan Maraa sun, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani isin woliin jira› jedha» jedhee, ergaa Mootii Waan Maraa kolba'aaf dabarse. 14 Maarre Mootiin Waan Maraa ayyaana ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatii fi ayyaana ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aa, akkasuma ayyaana kolbaa boojuu irraa deebite duudi'ii kakkaase. Isaanille Galma Waaqa ifii, ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dadee ijaariisa jalqabane. 15 Kunille Daariyos mootii te'ee, woggaa lammeesso'oo ji'a jayeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii arfeesso'ootitti te'e.