2
Ulfinna Galma Waaqaa Ka Haareyaa
1 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a torbeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee, 2 «Ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aa, ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aatii fi kolbaa boojuu irraa deebiteen, 3 ‹Isin keessaa ulfinna Galma Waaqaa ka durii nami dhaggeeru jiraa? Amma inni maan isinitti fakkaata ree? Inni akka waan ijjumaa hin jirree tokkootii motii? 4 Amma ammoo Zarubaabel, jabaadhu! Ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'a, jabaadhu! Kolbaan biyya keessa jirtanu marti, ani isin woliin waan jiruuf, jabaadha'aa ijaara'a!› jedhi. 5 Biyya Gibxi'iitii yennaa baatane, ‹Ani isin woliin hin jiraadha› jedhee, akkuma waadaa isinii gale, ammalle Ayyaanni kiyya isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a.
6 «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Yennaa gabaadduu keessatti ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi lafa bisaan irra hin jirre ammalle hin tachoosa. 7 Gosa biyya adda addaa duudii hin tachoosa; karri isaanii duudiille akka as dhuttu hin godha; ani Galma Waaqaa kana ulfinnaan hin guuta. 8 Worqi'ii fi meetiin biyya lafaa duudiin tiyya. 9 Ulfinni Galma Waaqaa haareya kanaa ka durii hin caala; anille achitti kolbaa tiyyaaf nageya guutuu hin kenna› jedha» jedhii itti himi.
Haageen Raagichi Hayyoota Gorse
10 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a sagaleesso'oo keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa, karaa Haagee raagichaatiin ammalle dubbatee, 11 «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Me waan seerri jedhu hayyoota gaafadha'a! 12 Nami tokko foon woyyoome*Foon woyyoome: Foon Waaqaaf kenname jechu'u. addee ciinca'aa irraa fuudhee woya'aan maree yoo qabate, maraan sunille daabboo yookiin ittoo†Ittoo: Yookiin unata, daadhii woyni'ii yookiin zayitii, yookiin sagalee dhibii yoo tuxxe, sagaleen tun duudiin tanaan hin woyyoontii?› jedha» jedhe.
Hayyooti deebisanee, «Waawwo'o» jedhane. 13 Haageen ammalle, «Nami reeffa tuqiisaan battowe tokko, sagalee tana keessaa takkaa yoo tuqe, sagaleen tuqante sun hin battoottii?» jedhee isaan gaafate.
Hayyootille, «Ee, hin battootti!» jedhanee deebisane.
14 Achiin duuba Haageen, «Kolbaan tun duudiin akkuma san; tanaaf hujii isaan hujjanuu fi wonni isaan addee ciinca'aa irratti dhiyeessanu ka battowe; tana Mootii Waan Maraatitti dubbate» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Eebbisiisaaf Waadaa Gale
15 Mootiin Waan Maraa, «Waan isin irratti te'e hin hubattanuu? Galma Waaqaa deebittanee ijaariisa adoo hin jalqabin dura, 16 midhaan kiiloo dhibba lama dhaggatiisaaf, gara tuulaa midhaanii dhaxxane, ammoo midhaan kiiloo dhibba tokko qofa dhaggatane; daadhii woyni'ii litirii dhibba tokko dhaggatiisaaf addee midhaan woyni'ii itti cunfanu dhaxxane, ammoo daadhii woyni'ii litirii afurtama qofa dhaggattane. 17 Ani isinii fi waan isin itti eloottane mara gugguufaa, dhukkuba midhaanii ka adda addaatii fi dhakaa bokkeyaatiin dhowe; isin ammoo ammalle cubbuu irraa hin deebine. 18 Ji'a sagaleesso'oo keessatti adha guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, guyyaa hundeen Galma Waaqaa hundeeffamee jalqaba'aatii me hubadha'a. 19 Midhaan sanyi'ii gootaraa keessa yoo hin jiraatin, muki woyni'ii, muki harru'uu, muki roomaaniitii fi muki ejersaa yoo haga ammaa midhaan hin buusin, ani guyyaa adhaatii jalqabee isin hin eebbisa» jedhe.
Waadaa Mootiin Waan Maraa Zarubaabeliif Gale
20 Ji'uma san keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo Haage'etti dubbatee, 21 «Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatiin, ‹Ani ol-gubba'aa fi lafa hin tachoosa; 22 barcumaa moototaa garagaggalcha; hunna mootummoota gosa biyya adda addaa hin balleessa; worra garreettaa fardaan harkifamu oofuu fi garreettaa isaanii garagaggalcha; fardoon isaanii hin dhumatti; abbootiin fardo'oolle wol hin ijjeetti; 23 Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, si tajaajilaa kiyya ilma She'atii'elii Zarubaabel filadhee akka chaappaa kiyya ka qube'ee si godhadha› jedha» jedhe.