Ergaa Gara Ibrootaa Ergante
Seensa
Ergaan tun gara kiristaanota morimiin guddoon waan dhaqqaddeef dhugeeffannaa ifii lakkisiisa geyaneeranuu barreeffante. Barreessaan Yesuus Kiristoos mudhii Waaqaa dhugitti'ii fi ta muumme'ee akka te'e mudhisiisaan, akka dhugeeffattooti Ibrootaa dhugeeffannaa ifiitiin jabaattu jajjabeessa; tana godhiisaan dhugaa sad ifa baasee mudhisa:
1. Karaa rakkinna fudhateetiin ka Abba'aaf dhugumaan ajajame Yesuus Ilma Waaqaa ka bara baraan jiraatu; Ilma Waaqaa waan te'eef raagota Gondooroo Qaraatiif, ergantoota Waaqaatii fi Muuse'eefuu ol aana'a.
2. Yesuus ol aanaa hayyoota Gondooroo Qaraa, hayyicha bara baraa akka te'e Waaqinuu dubbateera.
3. Dhugeeffataan karaa Yesuusiitiin cubbuu irraa, sodaa irraa fi du'a irraa fayya; Yesuus Hayyicha Guddaa akkuma te'ettuu fayyinni aadota dhugeeffanna'aa fi woreega hori'ii, ka dhugeeffannaa Ibrootaa keessatti akka gaaddiddu'uu ilaalamaa ture, dhugaamessa akka te'u godheera.
Barreessaan dhugeeffannaa worra dabarsii Israa'elii keessatti gurra qabuu foora 11 akka fakkeennaa itti fayyaddamiisaan worri dubbifatu dhugeeffannaa ifiitiin akka jabaatu yaadachiisa; akkasuma foora 12 irratti worri dubbifatu Yesuus irratti xiyyeeffatiisaan dhugeeffannaa ifiitiin akka jabaatuu fi rakkinnii fi farri te'e maraayyuu gewulle akka ossatu gorsa; muummee irratti jecha gorsaatii fi ifi eegganno'oo kenniisaan muummessa.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa: Waaqi Kiristoosiin mudhate1:1-3
Kiristoos ergantoota Waaqaa caala1:4—2:18
Kiristoos Muuse'ee fi Iyaasuu caala3:1—4:13
Caaliisa hayyummaa Kiristoosii4:14—7:28
Caaliisa gondooroo Kiristoosii8:1—9:22
Caaliisa woreega te'iisa Kiristoosii9:23—10:39
Guddoo te'iisa dhugeeffanna'aa11:1—12:29
Waaqa gammachiisuu13:1-19
Daadimata muummeffataa13:20-21
Yaada buufataa13:22-25
1
Waaqi Karaa Ilma Ifiitiin Dubbate
Bara durii Waaqi karaa adda addaatiin, yennaa hedduu karaa raagotaatiin abbootii teennatti dubbateera. Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade. Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki*Akki: Adabi isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe'e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba'atti midda Waaqa hunnaamessaa tee'eera.
Ilmi Waaqaa Ergantoota Waaqaa Caala
Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te'e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala.
Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun,
«Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera»
yookiin eennuun,
«Ani isaaf Abbaa hin te'a,
innille Ilma naaf hin te'a» jedhee beeka?
Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge,
«Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti» jedhe.
Ammoo yennaa marroo ergantoota ifii dubbatu,
«Ergantoota ifii qilleensaQilleensa: Ayyaanota,
tajaajiltoota ifiille bobe'a ibiddaa hin godha» jedhe.
Marroo Ilmaa ammoo,
«Ee Waaqa, barcumaan mootummaa keetii
bara baraa haga bara baraa hin jiraata;
mootummaa teetille sirri'itti hin bulchita.
Ati balchummaa jaalatee yakkaa jibbite;
tanaaf Waaqi keeti si filatee,
muudaa gammachiisuun hari'oota teeti caalaa si muude» jedhe.
10 Akkasuma,
«Gootta'a, ati jalqabatti hundee lafaa hundeessite;
ol gubbaan marti hujii harka keetii ti.
11 Isaan hin badan;
ati ammoo hin jiraatta;
isaan martinuu akka woya'aa hin dullooman.
12 Ati akka bullukko'oo isaan hin marta;
isaaniille akka woya'aa hin jijjiiraman.
Ati ammoo yennaa mara sanuma;
woggooti keetille dhuma hin qabanu» jedhe.
13 Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun,
«Haga ani diinota keeti ejjata miila keetiiMiila keeti: Baallii teeti jala godhutti
midda kiyyatti tee'i!» jedhee beeka?
14 Maarre, ergantooti Waaqaa martinuu ayyaanota worra fayyu tajaajiliisaaf ergamanu, tajaajiltoota Waaqaatii motii ree?

*1:3 Akki: Adabi

1:7 Qilleensa: Ayyaanota

1:13 Miila keeti: Baallii teeti