Ergaa Phawuloos
Gara Filemoonii Erge
Seensa
Filemoon kiristaana beekkama'a; inni miseensa wolde'a kiristaana Qolosaayisii akka te'etti yaadatama. Filemoon garbicha Oneesimoos jedhamu qabaayyu; garbichi isaa kun goottaa ifii jalaa yennaa miliqee bade Phawuloos mana hidha'aa jiruun wolde'e. Karaa Phawuloosiitiin Oneesimoos dhugeeffannaa kiristaanaa fudhate. Ergaan Phawuloos gara Filemoonii barreesse, akka inni garbicha gara isaa deebi'ee dhufiisatti jiru woliin araaramu ta yaadachiittu. Itti dabaleelle Oneesimoos amma kiristaana waan te'eef, haganaa achi akka obboleessa kiristaanaatitti akka fudhatu malee, akka garbichaatitti akka hin fudhanne hima.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa 1-3
Galata Phawuloos Filemoona'aaf galche 4-7
Gaaffii Phawuloos marroo Oneesimoosiitiif Gaafate 8-22
Yaada buufataa 23-25
1
Ana Phawuloosii marroo Kiristoos Yesuusiitiif hidhameeruu fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa,
Filemoonii jaalatamaa nu woliin hujuuf, obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, Arkiphosii nu woliin lolticha te'eeruu fi wolde'a kiristaanaa ka mana keeti keessatti wolitti qabamuuf:Qol. 4:17
Abbaa keenna Waaqaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos biraa badhaadhii fi nageenni isiniif te'u!
Jaalalaa Fi Dhugeeffannaa Filemoonii
Daadimata kiyya keessatti yennaa si qaabadhu, yennaa mara Waaqa galateeffadha. Sababille dhugeeffannaa ati Goottaa Yesuusitti qadduu fi jaalala ati kolbaa Waaqaa maraaf qaddu dhage'eera. Hubantii guutuu waan dansa'aa ka nu Kiristoosiin qannuu maraa akka qabaattuuf, dhugeeffannaa teeti worra dhibi'iif qoodiisatti akka jabaattu hin daadimadha. Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera.
Gaaffii Phawuloos Oneesimoosiif Gaafate
Waan godhu'uu malte akka gootuuf, si ajajiisaaf karaa Kiristoosiitiin ifi-addii qaba; te'uu malee jaalalaan si gaafadha. Ani Phawuloosiin jaarsi, amma ammoo Yesuus Kiristoosiif jedhee ka hidhameeru, 10 marroo ilma kiyya Oneesimoosii, ka ani adoo mana hidha'aa jiruu akka Kiristoos fudhatu tolcheetiif si gaafadha.
11 Dur inni nama si'iif woy bawuu moti, amma ammoo anaa fi si'iifille woy hin baya. 12 Isa deebisee gara keeti ergeera; ani waan isaa jaaladhuuf gadhaan kiyyalle isa faana dhufeera. 13 Marroo Oduu Gammadaatiif, yennaa ani mana hidha'aa jiru, addee teeti akka inni na qarqaaruuf, na woliin as akka turuuf fedheeraayyu. 14 Te'uu malee hujiin dansaan ati hujju maraa jaalala gadhaa keetiitiin malee, hunnaan akka hin teeneef, si'iin hin mari'atin*Si'iin hin mari'atin: Adoo ati hin jaalatin, yookiin hin fedhin womaa godhiisaaf hin barbaanne.
15 Oneesimoos yennaa gabaaddu'uuf si irraa gargar bayee wonni tureef, yennaa mara si woliin akka jiraatuuf deebittee akka isa fudhattuuf fa'a te'a. 16 Haganaa achi, inni obboleessa jaalatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni naaf jaalatama'a, si'iif ammoo namumma'aa fi Gootta'aan, irra caalaa jaalatama'a. 17 Maarre waa'elaWaa'ela: Lansa keeti te'uu kiyya yoo fudhattu teete, akkuma na fudhattu isalle fudhadhu. 18 Yoo inni si yakkee jiraate, yookiin si irraa wo liqeeffatee jiraate natti laakkow! 19 Ani Phawuloos, «Si'iif deebisee hin kaffala» jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te'uu keeti sitti himuu na hin barbaachisu. 20 Obboleessa kiyya, maqaa Gootta'aatiin waan kana naaf godhi! Kiristoosiin gadhaa na jajjabeessi.
21 Ajajama keeti addadhee, waan ani si gaafadhu caalchitte akka ati gootu beekiisaan tana si'iif barreessa. 22 Wonni dhibiin: Waaqi waan isin daadimattane maraaf deebii kennee, gara keessan deebi'ee akka dhufu waan addadhuuf, addee itti foorfadhu naaf qopheessa'a.
Nageya Dhaamiisa
23 Ephafraas, ka maqaa Kiristoos Yesuusiitiif jedhee na woliin hidhamee jiru nageya si'iif dhaama. 24 Akkasuma worri na woliin hujanu Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nageya si'iif dhaaman.
25 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.

1:2 Qol. 4:17

*1:14 Si'iin hin mari'atin: Adoo ati hin jaalatin, yookiin hin fedhin

1:17 Waa'ela: Lansa