Kitaaba Hose'aa Raagichaa
Seensa
Hose'aan raagichi dhaloota Kiristoosiitiin dura, woggaa dhibba torbaa fi diddamii tokkoo keessa, jinnana Semaariya'aatiin dura bara rakkinnaa keessa, raagicha Amosiin duuba, mootummaa Israa'elii ta kaabaa keessatti lallabe. Inni keessattuu marroo waaqa dharaa waaqonfatiisa kolba'aatii fi marroo addatama dhabiisa isaaniititti xiyyeeffate. Hose'aan addatama dhabiisa kolba'aa kana, fuudha ifii ka dubartittii addatama hin qanneen miidhassee mudhisa. Akkuma niitiin isaa Gomer isaaf hin addatanne, kolbaan Waaqaalle Mootii Waan Maraatiif hin addatanne. Waan kanaaf, muraan Israa'el irratti dhufu'uu jirti; te'uu malee, muummee irratti jaalalli Waaqaa ka bara baraa, ka inni kolbaa ifiitiif qabu hin injifata; inni kolbaa ifii gara ifii deebifatee, tokkummaa adde'etti hin deebisa. Jaalalli kun jecha, «Israa'el, ani attam si gatuu dande'a? Ani attam dabarsee si kennuu dande'a? Gadhaan kiyya tana mara akka ani godhu hin eeyyamu. Jaalalli ani si'iif qabu akka malee jaba'a» jedhuun himameera. (11:8)
Haadhoo Dubbi'ii
Fuudhaa Fi Maatii Hose'a'aa1:1—3:5
Ergaa Israa'elitti Dhutte4:1—13:16
Ergaa Cubbuu Faaci'atiisaatii Fi Addi'ii14:1-9
1
1 Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara moototi Yihuda'aa: Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas tarre'etti biyya Yihuda'aa bulchanu, bara Yerobi'aamiin mootichi ilmi Yeho'aashiille biyya Israa'elii bulchu gara Hose'aa ilma Beerii dhufe.
Maatii Hose'a'aa
2 Mootiin Waan Maraa yennaa karaa Hose'a'aatiin dubbatiisa jalqabe, Hose'aan, «Biyyi Mootii Waan Maraa lakkisiisaan waan sagaagalteef, dhaqii, niitii gaarayyeeffattuu fuudhiitii, ijoollee gaarayyeeffattuu akka isi'ii uumadhu» jedhe.
3 Maarre Hose'aan intala Diiblaayimii Gomer fuudhe; isiille ulfoottee ilma isaaf deette. 4 Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Sababa isaan Yizre'elitti dhiiga dhangalaasaneef, ani maatii Yehu'uu yennaa gabaadduu keessatti waan adabuuf, mootummaan Israa'eliille akka baddu waan godhuuf, maqaa isaa ‹Yizre'el*Yizre'el: Afaan Ibrootaatiin Waaqi hin bittinneessa jechu'u.› jedhii baasi. 5 Guyyaa san ani dhooqa Yizre'elii keessatti guubee Israa'elii hin cassa» jedhe.
6 Gomer ammalle ulfoottee, intala deette; Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Ani haganaa achi kolbaa Israa'eliitiif waan hin mararreef yookiin hin araaranneef, ‹Lo-Ruhaamaa†Lo-Ruhaamaa: Afaan Ibrootaatiin Marartii hin dhagganne jechu'u.› jedhii maqaa baasi. 7 Kolbaa Yihuda'aatiif ammoo ani hin marara; guube'een, shallaaga'aan yookiin lolaan yookiin fardo'oo fi abbootii fardo'ootiin adoo hin te'in, ani Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaanii isaan hin baasa» jedhe.
8 Gomer eega Lo-ruhaamaa harma irraa guuche, ulfoottee ammalle ilma dhibii deette. 9 Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya waan hin te'iniif, anille Waaqa isaanii waan hin te'iniif, ‹Lo-Amii‡Lo-Amii: Afaan Ibrootaatiin Kolbaa tiyyaa moti jechu'u.› jedhii maqaa baasi.
Israa'el Ade'etti Hin Deebiti
10 «Kolbaan Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaranee yookiin laakkowanee hin dandeennee hin teeti. Adduma, ‹Isaan kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti, isaan, ‹Ilmaan Waaqa jiraata'aa› jedhamanee hin waamaman. 11 Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Israa'elii deebitee tokko hin teeti; sooressa tokko hin filatti; guyyaan Yizre'elii guddaa waan te'eef, lafa ifiititti deebi'anee qananumma'aan hin le'an.