2
«Maarre obboleeyyan teessan, ‹Kolbaa tiyya›, obboleeyyan teessan ta durraalle, ‹Marartii› jedha'aa waama'a.
Adabamiisaa Fi Adde'etti Deebi'iisa Israa'elii
«Isiin haadha manaa tiyya waan hin teeneef, anille abbaa manaa isi'ii waan hin teeneef, ijoollee tiyya haadha teessan gorsa'a! Isii gorsa'a! Herrega gaarayyeeffataatii fi sagaagalaa lakkittuu ti. Yoo akkas hin te'in, ani mulqee akka guyyaa dhalattee, qullaa isii hambura; akka goomole'ee, lafa godduu isii hin godha; dheebu'uun isii ijjeesa. Isaan ijoollee gaarayyeeffattu'uu waan te'aneef, ani ijoollee isi'ii hin mararu. Haati isaanii gaarayyeeffattee, karaa salphinnaatiin isaan ulfootte. Isiin, ‹Ani worra midhaanii fi bisaan, woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante, zayiti'ii fi untoo naaf kennanu, gaarayyoota tiyya gula deema› jette.
«Tanaaf, ani haxanxarii qore'eetiin karaa isi'ii hin cufa; akka isiin karaa baatu hin dhagganne, dalleya dhaka'aa itti ijaara. Isiin gaarayyoota ifii gula fiiddi ammoo isaan hin dhaqqaddu; isaan hin barbaaddi ammoo hin dhaggitu. Achiin duuba, isiin, ‹Jiruu tiyya ta ammaa, jiruun tiyya ta durii waan caaltuuf, gara dhirsa kiyya ka durii deebi'a› hin jetti. Isiin midhaan, daadhii woyni'ii o'itu'uu fi zayitii ejersaa ka isi'iif kenne, meeti'ii fi worqii isaan waaqa dharaa Ba'aaliif hujane, ka baceesse ana akka te'e hin beenne.
«Tanaaf, ani midhaan kiyya yennaa inni bilchaate, daadhii woyni'ii o'ituun tiyyalle yennaa isiin qophootte hin fudhadha. Woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante tiyyalle akka isiin nafa qullaa ifiitiin hin gollanne ani deebisee hin fudhadha. 10 Ani gaarayyoota isi'ii duratti mulqee, qullaa isii hambura. Harka kiyya keessaa ka isii baasu hin jiru. 11 Ani jila isi'ii mara: jila isi'ii ka wogga'aa, ka baatii ji'aa, ka guyyaa Sanbataa, jila isi'ii ka addaa mara hin hambura. 12 Muka woyni'iitii fi muka harru'uu ka isiin, ‹Gaarayyoota kiyyatti gatii naaf kenne› jettu san hin balleessa. Ani gongomaa isaan godha; bineensoti isaan hin nyaatan. 13 Guyyoota isiin waaqa dharaa Ba'aaliif hixaana aarsiteef, ani isii hin adaba; isiin qube'ee fi seesa naqattee, gaarayyoota ifii gula deentee, ana ammoo deete» jedhe.
Jaalala Goottaan Kolbaa Ifiitiif Qabu
14 Mootiin Waan Maraa ammalle, «Tanaaf, ani amma isii hin sossobadha; gara goomole'ee isii geessee, jecha jaalalaa isi'itti hin dubbadha. 15 Achitti muka woyni'ii isi'iif hin deebisa; ani dhooqa Akorii*Akor: Afaan Ibrootaatiin Rakkoo jechu'u. balbala addi'ii isi'iif hin godha; achitti akka guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baateetitti, akka guyyaa dargaggummaa ifiititti gammadaan hin faarfatti. 16 Guyyaa san ‹Dhirsa kiyya› jettee na waanti malee, akka Ba'aalii waaqa ifii ka dharaa, ‹Goottaa kiyya› jettee waantu na hin waantu. 17 Akka isiin deebitee waaqota dharaa Ba'aal maqaa hin dhoonne hin godha.
18 «Guyyaa san ani bineensota, sinbirroota fi bineensota lafa irra munyuuqanu woliin gondooroo hin godha. Martinuu nageyaan akka le'uuf, ani guube'ee fi shallaagaa, meya lolaa mara lafa irraa hin balleessa. 19 Ani haga bara baraa fuudhaaf si hawadadha; balchumma'aan, haqaan, jaalala bara baraatii fi mararti'iin fuudhaaf si hawadadha. 20 Ani addatamumma'aan fuudhaaf si hawadadha; atille ana Mootii Waan Maraa hin beetta. 21 Yennaa san ani Mootiin Waan Maraa deebii hin kenna; ani ol-gubba'aaf deebii hin kenna; ol-gubbaalle lafaaf deebii hin kenniti. 22 Lattille midhaan, woyni'ii fi zayitii ejersaa kenniisaan Yizre'eliif deebii hin kenniti. 23 Ani biyya keessatti kolbaa tiyya hin dhaaba; worra, ‹Lo-RuhaamaaLo-Ruhaamaa: Afaan Ibrootaatiin Marartii hin dhagganne jechu'u.› jedhee waame hin marara; worra ‹Lo-AmiiLo-Amii: Afaan Ibrootaatiin Kolbaa tiyyaa moti jechu'u.› jedhee waame, ‹kolbaa tiyya› hin jedha. Isaanille, ‹Ati Waaqa keenna› anaan hin jedhan» jedhe.

*2:15 Akor: Afaan Ibrootaatiin Rakkoo jechu'u.

2:23 Lo-Ruhaamaa: Afaan Ibrootaatiin Marartii hin dhagganne jechu'u.

2:23 Lo-Amii: Afaan Ibrootaatiin Kolbaa tiyyaa moti jechu'u.