Kitaaba Isaayaasii Raagichaa
Seensa
Kitaab Isaayaasii raagichaa dhaloota Kiristoosiitiin dura gara dhuma jaarraa saddeetesso'ootitti, maqaa raagicha guddaa Yerusaalem keessa le'eetiin waamame; kitaab kun kutaa gugurdoo saditti qoodama. 1. Kutaan foora 1-39 Marroo yennaa mootummaa kibbaa Yihuda'aa, mootummaa hunnaamettii ollaa isi'ii ta «Asoor» jedhantuun lolli irra dhaqqabe dubbata. Mootummaa Yihuda'aa irratti lola ka kaase, hunna mootummaa Asoorii adoo hin te'in, cubbuu kolba'aa, Waaqaaf ajajamiisa dhabiisaa fi isatti addii dhabiisa isaanii Isaayaas dhagge. Raagichi dubbi'ii fi hujii ifa teeteen, kolba'aa fi sooreyyiin gara jiruu balchumma'aatii fi haqaatitti akka deebi'anuuf waamee, Waaqaaf ajajamiisa dhabiis hiree gadhe'ee fi badii akka fiddu isaan ifi eeggachiise. Isaayaas ammalle barri biyya lafaa duudii irratti nageenni te'uu fi sanyii Daawitii keessaa mootiin haqaan bulchu akka dhufu'uu jiru dursee dubbateera.
2. Kutaan foora 40-55 Kolbaan Yihuda'aa gara biyya Baabilonii booji'antee, achitti bututtee addii akka kutatte dubbata. Raagichi, Waaqi kolbaa ifii bilisa akka baasuu fi le'ii haareya akka jalqaddu gara Yerusaalemii akka isaan deebisu lallabeera. Yaadi guddaan foorota kana keessaa, abbaan dabarsi'ii, Mootii Waan Maraa Waaqa akka te'ee fi karoorri inni kolbaa ifiitiif qabu, gosa biyya adda addaa ta karaa Israa'eliitiin eebbifantuuf, kolbaan ergaa dabarsuu akka qaddu ka hubachiisu. Kutaan kun Gondooroo Qaraa keessatti marroo, «Tajaajilaa Mootii Waan Maraa» ka dubbatanuutitti laakkowama.
3. Kutaan foora 56-66 irra caalaa kolbaan gara Yerusaalemii yennaa deebite, waadaan Waaqi isaaniif gale akka muummowu, marroo kolbaa waan ittiin mirkaneeffattu barbaaddee dubbata. Wonni xiyyeeffannaan addaa godhameef balchumma'aa fi haqa, Sanbata ulfeessiisa, ciincaa dhikeessiisaa fi daadimatiisa. Kutaa kana keessatti foorri beekkamaan 61:1-2 yoo te'u, jechoota Yesuus jalqaba tajaajila ifii irratti waamicha ifii ifa godhiisaaf ka itti fayyadame.
Haadhoo Dubbi'ii
Ifi Eeggachiisiisaa Fi Waadaa Galiisa1:1—12:6
Adabamiisa Gosa Biyya Adda Addaa13:1—23:18
Biyya Lafaa Adabiisa Waaqaa24:1—27:13
Ammalle Ifi Eeggachiisiisaa Fi Waadaa Galiisa28:1—35:10
Mootii Yihuda'aa Hisqiyaasii Fi Worra Asoorii36:1—39:8
Ergaa Waadaa Galiisaatii Fi Addii Kenniisaa40:1—55:13
Ifi Eeggachiisiisaa Fi Waadaa Galiisa 56:1—66:24
1
1 Mudhiin ilmi Amosii Isaayaas bara Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuda'aa te'anetti marroo Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dhagge, ta asii gadi jirtu.
Waaqi Kolbaa Ifii Xixe
2 Mootiin Waan Maraa, «Ee ol-gubba'a dhage'i! Ee lafa caqasi! Ani ijoollee uumadhee guddifadhe; isaan ammoo hammeennaan na irratti ka'ane. 3 Qotiyyoon goottaa ifii,
harreelle goongaa abbaa isii horatee hin beetti;
Israa'el ammoo hin beettu;
kolbaan tiyya hin hubattu» jedhe.
4 Kolbaa cubbaalettii, kolbaa yakkaamettii, sanyii worra hantuu hujuu, worra amala hama'aatiif aanne'e! Isaan Mootii Waan Maraa lakkisaneeran; Waaqa woyyicha Israa'elii tuffatanee dudda itti galaneeran. 5 Isin maaf ammalle adabamiisa barbaaddan? Isin maaf finqila lakkisuu dhaddan? Mataan keessan addee mara madayeera; gadhaan keessanille raafameera. 6 Faana miila keessaniitii haga gubbaa mataa keessaniititti fayyaa hin qaddanu; nafi madaa, iitaa fi malaalle'een guutameera; madaan teessan sun wolitti hin deebine, hin hidhanne; zayitiille'een hin laanne.
7 Biyyi teessan ona hin teeti; qachooti keessan ibiddaan hin gubata. Adoo isin ilaaltanuu ormi fichaa keessan fudhatee, akka lafa diinni qabatee hin barbadootti. 8 Intalti Xiyoonii akka gosee fichaa woynii keessaa, akka mana fichaa baaqulaa keessaatii fi akka qachaa diinni marsee hin teeti. 9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade adoo sanyii nuuf hamburiisa dhabee jiraate, silaa akka Sodoomii teenee, Gomoraalle hin fakkanaayyu.
10 Isin bulchoota Sodoomii jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Isin kolbaa Gomora'aa seera Waaqa keennaa caqasa'a. 11 Mootiin Waan Maraa, «Bacatiis ciincaa keessanii maan naa godha? Ani ciincaa korbeessa hoole'eetii fi cooma horii gagabbo'oo quufeera; ani dhiiga korommi'iititti, dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi re'ootaatitti hin gammadu. 12 Isin na duratti yennaa dhikaattanu, kana mara akka fiddanuu fi Galma kiyya dura akka dhaabbattanu eennuttuu isin gaafate? 13 Woreega bu'aa hin qanne hin fidina'a; ani hixaana keessan diqadheera; jila baatii ji'aa, Sanbata, yaa'ii fi wolde'a keessan ka hammeennaan guutamelle ossuu dadhabeera. 14 Ani jila baatii ji'aa teessanii fi jila teessan ta beekkante jibbeera; isaan ba'aa natti te'anee, ossuu dadhabeera.
15 «Yennaa isin harka keessan gara kiyya badhifattanee daadimattanu ani gara keessan hin ilaalu; harki keessan dhiigaan waan guutameef, yoo guddoo daadimattanelle ani isiniif hin dhage'u. 16 Dhiqadha'aatii ifi qulqulleessa'a; hujii teessan hantuu, ila tiyya duraa kaasa'a; hantuu hujiisa lakkisa'a. 17 Dansaa godhiisa baradha'a; haqa barbaada'a; worra cunqurfame qarqaara'a; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qarqaara'a; haadha hiyyeessaatiif falma'a.
18 « ‹Kowa'a, wol komanna; cubbuun teessan akka dhiigaa diimatulle, akka dhakaa bokkeyaa hin addaatti; akka dhiigaa diimattulle akka fuutta'aa hin addaatti. 19 Tole jettanee yoo naaf ajajantane, waan dansaa latti baattu hin nyaattan. 20 Diddanee yoo na finqiltane, shallaagaan isin hin nyaata› jedhee ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera» jedhe.
Qachaa Cubbu'uun Guutame
21 Qachaan addatamaan attam sagaagalaa te'e? Dur haqi isa keessa guuteeraayyu; balchummaalle isa keessa jirtiiyyu; amma ammoo worri nama ijjeesu keessa guuteera. 22 Yerusaalem! Meetiin teeti ciillotteerti; daadhiin woyni'ii teeti bisaaniin makanteerti. 23 Bulchitooti teeti finqiltoota; jaalota hattu'uu ti; isaan marti safuu jaalatan; kennansa gula deeman; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef hin falmanu; iyyata haadha hiyyeessaalle hin dhage'anu.
24 Tanaaf Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dade, hunnaamessi Israa'elii, «Ani nyaaphota kiyya irratti aarii tiyya hin dhangalaasa; diinota tiyyalle haluu hin baya. 25 Ani aarii tiyya hantu'uun si hin adaba; ciilloyiisa keeti irraa si hin qulleessa; xurii teeti mara si irraa hin kaasa. 26 Ani abbootii mura'aa teeti akka duriititti, gorsitoota teetille akka jalqabaatitti hin deebisa; achiin duuba ati, ‹Qachaa balchumma'aa, qachaa addatamaa› hin jedhanta» jedhe.
27 Xiyoon haqaan, worri isii keessaa ka cubbuu irraa deebi'u balchumma'aan hin wodaman. 28 Finqiltootaa fi cubbaaleyyiin ammoo wolumatti hin caccaban; worri Mootii Waan Maraa lakkisulle hin bada.
29 Isin sababa qilxaa waaqonfattanuutiif hin qaanottan; oorruu filattaneefille hin salphattan. 30 Isin akka qilxaa baalli isaa qooree, akka oorruu bisaan hin qannee hin teetan. 31 Nami jabaan akka haasumee ibiddaa, hujiin isaalle akka qaanqee ibiddaa hin teeti; isaan lamaanuu hin gubatan; nami isaan irraa dhaanfulle hin jiru.