8
1 Ati adoo obboleessa kiyya
ka harma haadha tiyyaa hodhe, naaf teetee,
ani karaa irratti si dhaggee,
adoo si sunqadhee jiraadhe,
silaa eennulle na hin tuffatuuyyu.
2 Ani silaa gara mana haadha tiyyaa,
ta na barsiittee si geessee,
daadhii woyni'ii dansaa sii kennee,
cunfaa midhaan muka rumaaniille
si obaasaayyu.
3 Harki isaa bitaachi
mataa kiyya jala adoo jiraataa;
harki isaa middichi adoo na hanqafata.
4 Ee, dubartoota Yerusaalemii,
jaalalleen kiyya haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,
akka isa hin dammassine,
ani isin kadhadha.
Faaruu Jayeesso'oo
Dubartooti Jaaloti Waajibitti'ii
5 Ta jaalallee ifii qabattee,
goomolee keessaa ol bayiisatti jirtu tun eennu?
Waajibittii
Ani muka appili'ii jalaa si kaase;
haati teeti achitti ulfoottee,
isiin achitti ciniinsifattee si deette.
6 Akka chaappa'aatitti gadhaa keeti keessatti,
irree teeti irralle'etti na mallatteeffadhu.
Jaalalli akka du'aa jabaata;
hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti.
Bobeenni isi'ii akka bobe'a ibiddaa,
ka tallisuu ti.
7 Bisaan guddaan
ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande'u;
lolaan haree hin dande'u.
Nami tokko qabeenna mana ifii mara
jaalalaaf yoo kenne,
ijjumaa hin tuffatama.
Obboleeyyan Waajibitti'ii
8 Nuuti obboleettii diqqittii,
guntuta hin baasin takka qanna.
Guyyaa isii kadhatane,
nuuti maan goona laati?
9 Adoo isiin dalleyaa dhaka'aa teetee,
xelleephoo meeti'ii isii irratti hin ijaarra;
adoo isiin balbala teetee,
saanqaa hindheensaatiin hin cunna.
Waajibittii
10 Ani dalleya dhaka'aa ti;
harmi kiyya xelleephoo fakkaata;
ani ila isaa duratti nama nageya isaaf fidu te'e.
11 Solomoon Ba'aal-Hamoon keessaa
oorruu muka woyni'ii qabaayyu.
Oorruu muka woyni'ii san worra eegutti kireesse;
tokko tokkoon isaanii
gatii midhaan woyni'iitiif,
meetii kuma tokko tokko fidaniiyyu.
12 Oorruun muka woyni'ii tiyya, tiyyuma;
ee Solomoon, ati kuma fudhadhu;
worri oorruu muka woyni'ii eegulle
dhibba lama fudhatuu ti.
Waajibichi
13 Ee, ati ta oorruu keessa leetu,
jaaloti tiyya qoonqoo teeti caqasiisatti jiran;
anille qoonqoo teeti dhage'uu ti.
Waajibittii
14 Jaalallee kiyya, dafii koy!
Akka jiliba'aa yookiin akka ilmoolee gadansaa
gaara uddowaan itti latu irraa utaalii koy!