11
Mootummaa Nageyaa
Akkuma jirmi quunxee damee baasu,
sanyii Iseyii keessaa mootiin haarenni hin ka'a.
Ayyaanni Mootii Waan Maraa
Ayyaanni qarumma'aatii fi hubanti'ii
Ayyaanni gorsaatii fi hunnaa
Ayyaanni beekkumsaatii fi
Mootii Waan Maraa sodaatiisaa
isa irratti hin bu'a.
Inni Mootii Waan Maraa sodaatiisaan
hin gammada.
Akkuma ilaan dhagge hin muru;
yookiin akkuma gurraan dhage'e hin murteessu;
worra hiyyeeyyi'iif ammoo
balchumma'aan hin mura;
worra deega'aaf haqaan hin mura;
dubbii afaan isaa keessaa baatu
ta akka ule'eetiin biyya lafaa hin dhowa;
hafuura afaan isaa keessaa bayulle'een
worra hamoolee hin ijjeesa.
Balchumma'aa fi addatamummaan
akka hiituu hidha isaa ti.
 
Yayyiin ilmayyoo hoole'ee woliin hin leeti;
qeeransi ilmayyoo re'e'ee woliin hin ciisa.
Jabbiin, ilmoolee neenqaatii fi
korommii dardarri woliin hin tikatan;
mucaan diqqaalle isaan hin tissa.
Loonii fi doobbaan woliin hin tikatan;
jabbi'ii fi ilmooleen doobba'aa woliin hin ciisan;
neenqille akka qotiyyo'oo hicaacee hin nyaata.
Mucaan harma hodhu
boolla dhudhuufa'aa bira hin taphata;
mucaan harma irraa gu'elle
boolla buuti'ii keessa harka hin keya.
Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu,
latti beekkumsa Mootii Waan Maraatiin
waan guutantuuf,
waan gaara woyyicha kiyya irra le'u
miidhaan yookiin badiin hin dhaqqaddu.
Kolbaan Booji'ante Hin Deebiti
10 Guyyaa san sanyiin Iseyii akka beessisaa kolba'aaf hin dhaabbatti; gosi biyya adda addaa isa hin barbaaddi; addeen inni le'ulle ulfinna hin qabaatti. 11 Guyyaa san Goottaan yennaa lammeesso'oo harka ifii diriirsee, kolbaa ifii ta biyya Asooriititti, biyya Gibxi'iititti, biyya Faaxrosiititti, biyya Itoophiya'aatitti*Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali., biyya Elaamiititti, biyya Shiinaariititti, biyya Haamaatiititti, lafa abbaayaa qarqaraatitti baraaree hafane gara biyya isaanii hin deebisa. 12 Inni gosa biyya adda addaatiif beessisa hin dhaaba; worra Israa'el keessaa ari'amee baye, worra Yihudaa keessaa bittinnowelle maddii afuriinuu wolitti hin qaba. 13 Hinaaffaan Efreemii hin baddi; diinni Yihuda'aalle hin dhumata; Efreem Yihudaa hin hinaafu; Yihudaalle Efreem hin jibbu. 14 Isaan lamaanuu wolii galanee gara aduun seentuun Filisxeemota irratti hin ka'an; worra gara aduun baatu le'ulle hin saaman; kolbaa Edoomiitii fi Mo'aabii harkatti hin galfatan; worri Amooniille isaaniif hin ajajaman. 15 Mootiin Waan Maraa abbaayaa diintuu Gibxi'ii ijjumaa hin gossa; inni harka ifii laga Efraaxiisii irratti ol kaasee, qilleensa gubuun dhowee, laga didiqqaa torbatti gargar hin qooda; nami kophe'een keessa deemee, gamatti bu'uu hin dande'a. 16 Akkuma kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate karaan qopheeffameef, kolbaa isaa worra baraaree hafeefille, Asoorii keessaa bayiisaaf karaan guddaan hin qopheeffama.

*11:11 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.