12
Faaruu Leellisaa
1 Guyyaa san ati,
«Ee, Mootii Waan Maraa,
ati natti mufatteertaayyu;
amma mufii teeti na irraa deebittee,
waan na jajjabeessiteef si leellifadha!
2 Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya;
ani isatti hin addadha;
womaalle hin sodaadhu.
Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya;
inni fayyisaa kiyya naaf te'eera.
3 Isin gammadaan madda fayyinnaa keessaa
bisaan hin woraabbattan» hin jetta.
4 Yennaa san isin,
«Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;
maqaa isaalle waammadha'a!
Gosa biyya adda addaa keessatti
hujii isaa beessisa'a;
guddinna maqaa isaalle lallaba'a.
5 Inni waan guddoo waan godheef
faaru'uun isa leellisa'a;
waan inni godhelle
biyya lafaa mara irratti beessisa'a.
6 Ee kolbaa Xiyoonii,
Waaqi guddaan woyyichi Israa'elii,
odduu teessan waan jiruuf,
ilillisaa gammadaan faarsa'a» hin jettan.