34
Muraa Gosa Biyya Adda Addaa Irratti Murantu
1 Ee isin gosa biyya adda addaa, as dhikaadha'aatii caqasa'a. Ee kolba'a hubadha'a. Lattii fi wonni isii irra jiru marti, biyyi lafaatii fi wonni isii keessatti dhaggamu marti dhage'anuu ti. 2 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa irratti aareera; inni loltoota isaanii mara irratti guddoo aareera; ijjumaa isaan hin balleessa; worra isaan ijjeesulle'etti dabarsee isaan hin kenna. 3 Worri ijjeefame alatti gatamee, reeffi isaanii hin ajowa; gaarotille dhiiga isaaniitiin hin maxanqowa. 4 Urjooti ol-gubba'aa marti hin baxxi; gubbaan akka kitaaba marama'aa hin maranti; urjooti marti akka baala muka woyni'iitii fi akka baala muka harru'uu, qooranee hin harca'an.
5 Shallaagaan Mootiin Waan Maraa ol-gubba'atti waan fedhe godhee, kolbaa inni ijjumaa balleesse, worra Edoomiititti muriisaaf gad hin bu'a. 6 Shallaagaan Mootii Waan Maraa dhiigaa fi coomaan dhuubameera; dhiiga buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi re'e'eetiin, cooma kalattii korbeeyyii hoole'eetiin laaqameera; Mootiin Waan Maraa qachaa Bozra'aa keessatti ciincaa, lafa Edoomii keessalle'etti qalma guddaa hin qopheessa. 7 Kolbaan Edoomii akka gafarsaa, akka dardarootaatii fi akka korommi'ii achitti hin qalaman; latti isaanii dhiigaan hin laaqanti; biyyeelle cooma isaaniitiin hin laambubanti. 8 Mootiin Waan Maraa marroo Xiyooniitiif bara itti falmatuu fi guyyaa itti haluu bayu qaba.
9 Maddi Edoomii leyyaa, biyyeen dhakaa bobe'u, latti leyyaa gubu hin te'an. 10 Ibiddi achi keessaa halkanii fi guyyaa hin dhaamu; aarrille haga bara baraa ol hin ka'a. Latti sun dhalootaa haga dhalootaatitti hin onti; nami tokkolle deebi'ee haga bara baraa achi keessa hin dabaru. 11 Cululle'ee fi dhaddoon lafa san hin qabatan; urungu'uu fi harraaqessi mana achitti hin ijaaratan; Waaqi lafa san wonni tokkolle akka irratti hin hanne godhee hin onsa. 12 Nami waamanee mootii godhanu, qondaaltota isaanii keessa hin jiru; sooreyyiin isaanii marti ijjumaa hin badan. 13 Mana mootummaa isaaniititti qoreen hin latti; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfametti doobbi'ii fi qumi'uuduun hin latti; addee jeedalli fi urunguun itti galanu hin te'a. 14 Bineensoti goomole'eetii fi woraabessi achitti wolitti hin qabaman; durriisoti halkaniille achi wol waaman; addee fooraalle achitti hin dhaggatan. 15 Urunguun achitti mana ijaarattee, quuphaa buuttee, cuucuu dhoofattee, itti hin kabbiti; allaatiin dhaltu'uu fi kormi achitti wolitti hin qabaman.
16 Kitaaba Mootii Waan Maraa keessa barbaada'aatii dubbisa'a. Waan kana keessaa ka hafu tokkolle hin jiru; achi keessaa dhala'aa fi korma ka dhabu hin jiru. Mootiin Waan Maraa afaan ifiitiin tana waan ajajeef, ayyaanni isaa wolitti isaan qaba. 17 Inni isaaniif hixaa buuseera; harka ifiitiin safaree lafa isaaniif qoodeera; isaan haga bara baraa lafa san hin dhaalan; isaan dhalootaa haga dhalootaatitti achi hin le'an.