35
Gammada Worra Wodamee
1 Goomole'ee fi latti godduun hin gammaddi;
gammoojjiin firinxiixxee,
akka daraara'aa hin daraarti.
2 Goomoleen daraaraa hedduu daraartee,
guddoo firinxiixxee, hin ilillitti;
ulfinni gaara Libaanonii,
arnyi gaara Qarmelosiitii fi
dhooqa Shaaronii isi'iif hin kennama.
Nami marti ulfinna Mootii Waan Maraatii fi
arnya Waaqa keennaa hin dhagga.
3 Harka dadhabe jabeessa'a;
jilba lelleqelle jabeessa'a.
4 Worra gadhaan isaanii soda'aan qabameen,
«Jabaadha'a; hin sodaatina'a!
Kunoo, Waaqi keessan diinota keessan haluu bayiisaaf,
yakkaa isaan isin irratti hujaneef
gatii isaan kaffalchiisiisaaf,
isin ammoo fayyisiisaaf hin dhufa» jedha'a.
5 Achiin duuba ilti worra balla'aa hin bananti;
gurri worra duuda'aalle hin dhage'a.
6 Naafi akka gadansaa hin utaala;
worri afaan duuda'aa, hin ilillisa.
Gammoojjii keessaa bisaan,
goomolee keessaa maddi hin burqa;
7 maansi akka ibiddaa gubu baleessa hin te'a;
lafa godduu keessaa bisaan hin burqa.
Addeen jeedalti keessa leetu
marra, shonbooqqo'oo fi allaaduu hin baatti.
8 Achi keessa karaan guddaan hin baya;
maqaan isaalle, «Karaa Woyyicha» hin jedhama.
Karaa san irra kolbaa Waaqaa qofattuu deema malee,
worri battiin irra hin deemu;
worri gowwooleelle irra hin deemu.
9 Neenqi achi hin jiraatu;
bineensi hamaan achi irra hin ideemu.
Worra wodame qofattuu achi irra ideema.
10 Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an;
faarfataa gara Xiyoonii hin galan.
Kallacha gammada bara baraa mata'atti hin keyatan;
isaan gammadaa fi qananummaa hin dhaggatan;
gaddaa fi aadiis isaan irraa hin fagaata.