36
Senaaheriib Yerusaalemitti Duule
1 Hisqiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib, qachaa Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate. 2 Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib ajajaa loltoota ifii Rabshaaqee, loltoota hedduu woliin Laakiishi irraa addee mootichi Hisqiyaas jiru gara Yerusaalemii erge. Ajajaan loltootaa sun dhufee, anguree*Anguree: Karaa bisaan hidha qabame keessa yaa'u. baleessa gatiitti'ii†Gatiitti'ii: Yookiin gara olii jechuulle hin dande'ama. ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbate. 3 Achitti itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsi'ii ilmi Asaafii Yo'aan, gara isaa gad bayane. 4 Ajajaan loltootaa Rabshaaqeen Hisqiyaasitti isaan ergee, «Mootiin Asoorii guddichi, ‹Ati maan addattee bidhaa male teetta? 5 Ati afaan callaan mala lolaatii fi hunna loltootootaa si'iif te'a seetaa? Ati eennu addattee na irratti kaate? 6 Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma› jedha.
7 «Ati, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jette, inni Mootuma Waan Maraa ka ati, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› jettee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa balleessitee motii? 8 Amma koyiitii goottaa kiyya mootii Asoorii woliin wol morki; namoota farda irra tee'anee loluu dande'anu abbootii fardaa yoo qabaatte, ani fardoo kuma lama si'iif hin kenna. 9 Ati garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ka worra Gibxi'iititti addattulle, tajaajiltoota goottaa kiyyaa keessaa ka guddoo diqqa'aatuu ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu. 10 Ani biyya tana fedha Mootii Waan Maraatiin ala lolee balleessiisaaf dhufe seetaa? Mootii Waan Maraatittuu, ‹Biyya tanatti duuliitii balleessi› anaan jedhe» jedhe.
11 Achiin duuba Eliyaaqim, Shebnaa fi Yo'aan, ajajaa loltootaatiin, «Kolbaan dalleya dhaka'aa irra jirtu hin dhageettii, afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin; nuuti waan beennuuf, afaan worra Sooriya'aatiin‡Worra Sooriya'aa: Bara durii Aaram jedhaman. nu tajaajiltoota teetitti dubbadhu» jedhane.
12 Inni deebisee, «Goottaan kiyya dubbii tana goottaa keessanii fi isin qofatti akka dubbadhuuf na erge isinitti fakkaataa? Namoota dalleya dhaka'aa irra jiranu worra akkuma keessan udaan ifii nyaatu'uuf jiruu fi fincaan ifii unu'uuf jiruuf akka dubbadhuuf na ergee motii ree?» jedhe.
13 Achiin duuba ajajaan loltootaa sun dhaabbatee, qoonqoo ol qabatee afaan Ibrootaatiin, «Dubbii mootii guddaa Asoorii dhage'a'a! 14 Mootichi, ‹Hisqiyaas isin baasuu waan hin dandeenneef, inni isin hin sobin› jedha. 15 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa dhugumaan nu hin baasa; qachaan kunille harka mootii Asooriititti dabarfamee hin kennamu› jedhee Mootii Waan Maraatitti akka addattanu isin hin godhin. 16 Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii, ‹Na woliin araarama'a; gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaanii teessan keessaa bisaan hin untan. 17 Tun haga ani dhufee lafa akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii isin geessutti teeti› jedha. 18 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa nu hin baasa› jedhiisaan, yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a! Waaqota gosa biyya adda addaa keessaa, lafa ifii harka mooticha Asoorii jalaa ka baase jiraa ree? 19 Waaqoti Haama'aatii fi Arphaadii eessa jiran ree? Waaqoti Sefarwaayimiille eessa jiran ree? Isaan qachaa Samaariya'aa harka kiyyaa baasaneeranii ree? 20 Waaqota biyyoota tanaa mara keessaa lafa ifii harka kiyyaa ka baasuu dande'e kam ree? Mootiin Waan Maraa attam Yerusaalem harka kiyyaa baasuu dande'a ree?» jedhe.
21 Mootichi Hisqiyaas, «Deebii isaaf hin kennina'a» jedhee waan isaan ajajeeruuf, kolbaan cadhitte; waan tokkolle hin deebinne. 22 Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsii mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan, gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane.