40
Jecha Addi'ii
Waaqi keessan, «Jajjabeessa'a;
kolbaa tiyya jajjabeessa'a!
Gadhi-laafumma'aan
Kolbaa Yerusaalemiititti dubbadha'aatii,
itti lallaba'a;
barri garbummaa isaanii dhumateera;
gatii cubbuu ifii maraaf,
harka Mootii Waan Maraa irraa
adabbii dachaa lama fudhataneeran» jedha.
 
Qoonqoon nama goomolee keessaa lallabu tokkoo,
«Goomolee keessatti
karaa Mootii Waan Maraa qopheessa'a;
Gammoojjii keessatti
karaa guddaa Waaqa keennaaf qajeelcha.
Dhooqi martinuu hin guutti;
koobii fi gaarri martinuu hin diriiran.
Latti bu'aa bayiin hin qajeelti.
Latti kattattaan wol hin qixxootti.
Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa hin mudhata;
Mootiin Waan Maraa ifumaafuu waan dubbateef,
nami marti tana hin dhagga» hin jedha.
 
Qoonqoon takka, «Iyyi» naan jette.
Anille, «Maan jedhee iyya?» jedhee gaafadhe.
Qoonqoon sun, «Nami marti akka marraa ti;
ulfinni isaanii marti akka daraaraa diida keessaa ti.
Yennaa Mootiin Waan Maraa hafuura itti baafatu,
marri hin qoora;
daraaraalle hin harca'a;
dhugumaan kolbaan akka marraa ti.
Marri hin qoora;
daraaraalle hin harca'a;
jechi Waaqa keennaa ammoo,
haga bara baraa jabaatee le'a» jette.
 
Ee isin worri Xiyoonitti oduu gammadaa hintanu,
gaara dheera'atti ol baya'a.
Ee isin worri Yerusaalemitti oduu gammadaa hintanu,
qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii iyya'a;
qoonqoo teessan ol qabadha'a, hin sodaatina'a!
Qachoota Yihuda'aatiin,
«Waaqi keessan kunoo ti!» jedha'a.
 
10 Kunoo, Goottaan Mootiin Waan Maraa,
hunnaan hin dhufa;
irree ifiitille'een hin bulcha.
Kunoo, gatiin inni kennu,
harka isaa jirti;
waan kaffalu ifi duraa qaba.
11 Inni akka tisse'ee, hoolee ifii hin tissa;
inni akka ilmoolee hoole'ee
harka ifiitiin wolitti qabaa, habbaarata;
haadhotii ilmoole'ee malaan sooressa.
Ka Waaqaan Wol Qixxowu Eennu
12 Bisaan ooboo harka ifiitiin ka safare,
yookiin ol-gubbaa taakkuu ifiitiin ka mike*Mike: Taakkuu meeqa akka teetu ilaale jechu'u. eennu?
Yookiin eentu biyyee kollonjo'otti naqee fixuu dande'a?
Eentu gaarotaa fi koobota madaala irra keyuu dande'a?
13 Eentu qalbii Mootii Waan Maraa hubatee,
isatti gorsee isa barsiisuu dande'e?
14 Beekkumsa dhaggatiisaaf,
Mootiin Waan Maraa eennu gorsa gaafate?
Karaa qajeelaa eentu isa barsiise?
Eentu beekkumsa isa barsiise?
Yookiin eentu daandii hubatiisaa isatti mudhise?
 
15 Gosi biyya adda addaatuu
akka copha bisaanii ka sakkeelloo keessaa ti;
isaan akka bukuu madaala irraa ti;
kunoo, inni oddoolota akka bukuun kaatu hin kaasa.
16 Muki Libaanon keessaa
ibidda addee ciinca'aatiif hin gewu;
bineensoti achi keessaalle
ciinca'aaf hin geyanu.
17 Gosi biyya adda addaa
isa duratti womaa moti;
isaan isa duratti
waan tokkolle'etti hin laakkowamanu.
 
18 Waaqa eennuun wol fakkeessitan?
Yookiin fakkii tamiin wol fakkeessitan?
19 Waaqa dharaa, nama hujii harkaa beekutti boca;
nami worqii baqisiisu worqii itti gonfa;
haachaba meeti'iille itti seesa.
20 Nami deegi kennansa akkasii kenniisaaf hin dandeenne,
muka dafee hin hurroonne filata.
Fakkii hin jinne dhaabbatiisaaf,
ogeessa nama hujii harkaa beeku barbaadata.
 
21 Isin hin beennee ree?
Isin hin dhageennee?
Durii jalqabee
isinitti hin himannee?
Biyyi lafaa haga dadantee
isin hin hubannee ree?
22 Inni biyya lafaatiin gubbaa
barcumaa mootummaa ifii irraa tee'a;
kolbaan biyya lafaa isa duratti akka korophiisaa ti;
Inni ol-gubbaa akka golla'aa hin diriirsa;
akka dunkaanii keessa le'anuulle hin dhaaba.
23 Inni qondaaltota akka womaa hin te'initti,
bulchitoota biyya lafaalle akka hin jirree godha.
24 Isaan akka biqiltuu
reefuu dhaabanteetii fi akka midhaan reefuu facaafamee,
adoo hiddi isaanii hin qabatin,
inni hafuura itti baafannaan goddeetii fi
akka hicaacee hobonbolattiin haxoottee ti.
25 Waaqi Woyyichi, «Ana eennuun wol fakkeessitan?
Ka na woliin wol qixxe'ee eennu?» jedha.
26 Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa ilaala'a;
urjoota tana mara eentu dade?
Inni akka loltootaa tokko tokkoon gad baasaa
isaan laakkowaa,
maqaa maqa'aan isaan mara waama;
inni hunna guddo'oo fi
jabeenna guddaa waan qabuuf
isaan keessaa tokkolle hin badu.
27 Ee Yaaqoob, ee Israa'el,
«Karaan kiyya Mootii Waan Maraa duraa dhokateera;
Waaqi haajaa kiyya naaf hin ilaalle»
jettee maaf gungunta?
28 Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?
Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;
biyya lafaa duudii ka dade isa;
Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;
eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande'u.
29 Inni worra laafeef
jabeenna hin kenna;
worra dadhabeef hunna hin ede'a.
30 Ijoolleen hin dadhaddi; hin laattille'e;
dargaggootille gufattee hin jiddi.
31 Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,
hunna ifii hin haareffatan.
Isaan akka risa'aa koolaan hin ka'an;
hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

*40:12 Mike: Taakkuu meeqa akka teetu ilaale jechu'u.