41
Waaqi Israa'el Hin Qarqaara
Mootiin Waan Maraa,
«Isin worri oddoola keessaa, na duratti cadhisa'a!
Gosi biyya adda addaa jabeenna ifii haareffattee,
gara kiyya dhikaattee dubbattuu ti;
addee mura'aatitti wol dhagginuu ti.
 
«Balchumma'aan akka tajaajiluuf,
karaa aduun baatu irraa
kakkaasee ka isa waame eennu?
Inni gosa biyya adda addaa dabarsee isatti kenne;
moototi akka isaaf bitamanu godhe.
Innille shallaagaa ifiitiin akka buku'uu isaan godhe;
guubee ifiitille'een
akka qilleensa hicaacee haxowuu
isaan bittinneesse.
Inni isaan ari'aa, rakkoo malee dabare;
karaa miilli isaa qara irra ideemee hin beenne deeme.
Tun akka teetu ka godhee fi ka muummesse,
Jalqabumaayyuu dhalooti marti
akka jiraatanu ka godhe eennu?
Ani Mootiin Waan Maraa ka dhaloota duraatii fi
dhaloota duubaa wolille'een jiru,
ani isuma.
 
«Kolbaan oddoolota keessa leetu
waan ani godhe kana dhaggitee sodaatte;
worri qaccee biyya lafaa jirulle romme;
isaan wolitti qabamanee gara kiyya dhufane.
Isaan marti wol hin qarqaaran;
nami tokko nama kaaniin, ‹Jabaadhu!› hin jedha.
Nami hujii harkaa beeku
nama worqii baqisiisu hin jajjabeessa;
ka burrisaan wol qixxeessu,
ka boraatii irratti sibiila tumu jajjabeessa.
Inni hujiin sibiila wolitti qassiisiisaa
tun, ‹Dansa'a› jedha;
fakkiin sun akka hin jinneef
misimaaraan dhowa.
 
«Ee Israa'el, tajaajilaa kiyya,
Yaaqoobii ani filadhe,
ati sanyii Abrahaamii jaala kiyyaa ti.
Ani qaccee biyya lafaatii si fide;
biyya fago'oo irraa si waame;
ani si'iin, ‹Ati tajaajilaa kiyya› jedhee,
si filadhe malee, si hin ganne.
10 Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin!
Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;
harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
 
11 «Kunoo, worri sitti aare martinuu
hin fokkifata; hin qaanowalle'e.
Worri si irratti ka'u
akka hin jirre te'anee hin badan.
12 Ati diinota keeti yoo barbaaddelle,
isaan hin dhaggitu;
worri si lolu akka waan hin jirree hin te'an.
13 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti,
ka harka keeti middicha qabee,
‹Hin sodaatin; ani si qarqaara› jedhu.
14 Mootiin Waan Maraa keeti ka si wodu,
Woyyichi Israa'elii,
‹Ani waan si qarqaaruuf,
ee Yaaqoobii dadhabaa akka corroqaa,
Israa'elii kolbaa diqqoo tana, hin sodaatin› jedheera.
15 Kunoo, ani meya midhaan ittiin dhowanu,
haareya qara qabuu fi
ka ilkaan hedduu qabu si hin godha.
Ati gaarota irra sirbitee hin butuchita;
koobotalle akka hicaace'ee hin goota.
16 Ati isaan hin hafarsita;
qilleensi isaan ol fudhata;
bubbeelle isaan hin bittinneessiti.
Ati ammoo Mootii Waan Maraatitti hin gammadda;
Woyyicha Israa'eliitiin hin koorta.
17 Worri hiyyeeyyi'ii fi worri rakkataan,
bisaan hin barbaadatan;
ammoo hin dhaggatanu;
arrabi isaanii dheebu'uun gogeera.
Ani Mootiin Waan Maraa ammoo
daadimata isaaniitiif deebii hin kenna;
ani Waaqi Israa'elii isaan hin lakkisu.
18 Ani koobota godduu irraa lagi akka yaa'u;
dhooqa keessaa maddi akka burqu hin godha.
Goomolee gara baleessaa,
lafa godduu gara maddaa hin deebisa.
19 Ani goomolee keessatti birbirsi,
muki gololchaa, muki bisile'ee fi ejersi
akka latanu hin godha.
Gammoojjii keessalle'etti
hindheensii fi muki hindheensa fakkaatu
ka adda addaa akka woliin dhaabamanu hin godha.
20 «Maarre kolbaan marti waan kana dhaggitee hin beetti; harki Mootii Waan Maraa tana akka godhee fi Woyyichi Israa'elii tana akka dade nami marti qalbeeffatee hin hubata» jedhe.
Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa Hin Morma
21 Mootiin Waan Maraa, mootichi Israa'elii, «Haajaa keessan dhikeeffadha'a! Falmii teessanille himadha'a!
 
22 «Waan gara duraa te'uuf jiru
akka nutti himanuuf,
waaqota dharaa keessan as fida'a;
nuuti akka qalbeeffannuuf,
muummee isi'ii akka beennuuf,
waan tanaan qara te'eeru
yookiin waan gara duraa te'uuf jiru nutti hima'a.
23 Akka isin waaqota teetane akka beennuuf,
me waan ammaa achi te'u nutti hima'a.
Nuuti rifannee akka sodaannuuf,
waan dansaa yookiin waan hantuu huja'a.
24 Isin womaayyuu moti;
hujiin teessanille ijjumaa bu'aa hin qaddu;
nami isin waaqonfatulle ka diqatame.
 
25 «Ani kaaba irraa nama tokko kakkaaseera;
innille hin dhufa;
gara aduun baatuun ka dhufu
ka maqaa kiyya waammatu,
Inni akkuma nami faara dhowu
biyyee faaraa dhidhiitu,
bulchitoota akka dhoqqe'ee hin dhidhiita.
26 Nuuti waan kana akka beennuuf,
ka duraan dursee dubbate eennu?
Nuuti, ‹Inni dhugaa jedhe› akka jennuufille,
ka dur dubbateeru eennu?
Eennulle hin dubbanne.
Nami waan kana dubbate tokkolle hin jiru;
jecha keessan ka dhage'e tokkolle hin jiru.
27 Duraan dursee Xiyooniin, ‹Ilaa, kunoo,
isaan dhufiisatti jiran› jedhee ka hime ana;
Yerusaalemille'eef ergamaa oduu gammadaa himu
ka erge ana.
28 Ani gara waaqota dharaa yennaa ilaalu,
isaan keessaa gorsa ka kennu hin jiru;
yennaa ani isaan gaafadhulle
ka deebii naaf kennu hin jiru.
29 Kunoo, waaqoti dharaa kun marti dhara;
waan tokkolle godhuu hin dande'anu;
fakkiin isaaniille qilleensa duwwa'a» jedha.